Leewwota
14 Yihowaan akkana jedhee Museetti dubbachuu isaa itti fufe: 2 “Seerri namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko qulqullaaʼuu isaa mirkaneessuuf guyyaa gara lubichaatti geeffamutti hordofamuu qabu kana dha.+ 3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+ 5 Achiis lubichi simbirroon ishiin takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate keessatti akka qalamtu ajaja. 6 Simbirroo ishii takka garuu fuudhee muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii sanaa wajjin dhiiga simbirroo ishii bishaan burqaa irratti qalamte sanaa keessa cuupha. 7 Dhiigichas namicha isa dhukkuba nadaayii irraa of qulqulleessu sana irratti siʼa torba ni facaasa; achiis namichi qulqulluu akka taʼe ni labsa; simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu garuu dirree keessatti gadhiisa.+
8 “Namichi of qulqulleessu sunis uffata isaa ni miiccata, rifeensa isaa hundumaa ni haaddata, bishaaniinis ni dhiqata, achiis qulqulluu ni taʼa. Sana booda gara buufatichaatti dhufuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa torbaaf dunkaana isaatii ala ni taaʼa. 9 Guyyaa torbaffaattis rifeensa mataa isaa, areeda isaa fi nyaara isaa irra jiru hundumaa ni haaddata. Rifeensa isaa hundumaa erga haaddatee booda, uffata isaa ni miiccata, qaama isaa bishaaniin ni dhiqata, achiis qulqulluu ni taʼa.
10 “Guyyaa saddeettaffaattis xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabne lama, xobbaallaa hoolaa goromtii mudaa hin qabne+ gara waggaa tokkoo taate takka, aarsaa midhaanii+ akka taʼuufis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii* fi zayitii safartuu loogii* tokko ni fudhata;+ 11 lubichi inni namichi of qulqulleessu sun qulqulluu akka taʼe labsu, namicha sana aarsaawwan sanaa wajjin balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhiheessa. 12 Lubichi xobbaallaa hoolaa isa tokko fuudhee zayitii safartuu loogii sanaa wajjin aarsaa gubamu godhee ni dhiheessa;+ asii fi achi isaan sochoosuudhaanis Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa.+ 13 Achiis inni xobbaallaa hoolaa sana bakka horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatuu fi horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu yeroo hunda itti qalamutti,+ jechuunis iddoo qulqulluu keessatti ni qala; sababiin isaas, akkuma aarsaa cubbuu, aarsaan yakkaas kan lubichaa ti.+ Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
14 “Achiis lubichi dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaa irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti diba. 15 Achiis lubichi zayitii safartuu loogii sanaa irraa muraasa fuudhee,+ barruu harka isaa isa bitaa irratti naqa. 16 Sana booda quba harka isaa isa mirgaa zayitii barruu harka isaa isa bitaa irra jiru keessa cuuphee, zayitii sana quba isaatiin Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa. 17 Achiis lubichi zayitii barruu harka isaa irratti hafe keessaa muraasa isaa, fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaate sanaa irraan ni diba. 18 Zayitii barruu isaa irratti hafe sana immoo mataa namicha of qulqulleessu sanaa irratti dhangalaasa; achiis Yihowaa duratti namichaaf araara argamsiisa.+
19 “Lubichi horii aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana aarsaa ni godha;+ achiis namicha of qulqulleessu sana xuraaʼummaa isaa irraa qulqulleessuuf araara isaaf ni argamsiisa; sana booda horii aarsaa gubamu taʼee dhihaatu sana ni qala. 20 Lubichis aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii+ sana iddoo aarsaa irratti dhiheessee araara isaaf ni argamsiisa;+ namichis qulqulluu ni taʼa.+
21 “Haa taʼu malee, inni hiyyeessa taʼuu isaatiin kan kaʼe wanta barbaachisu hin qabu yoo taʼe, ofii isaatiif araara argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf xobbaallaa hoolaa tokko haa fidu; aarsaa midhaaniitiif akka taʼuttis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, zayitii safartuu loogii tokko, 22 akkasumas gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama akka humna isaatti haa fidu. Inni tokko aarsaa cubbuutiif, inni kaan immoo aarsaa gubamuuf ni taʼa.+ 23 Guyyaa saddeettaffaatti,+ inni qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti wantoota kana gara lubichaatti fida.+
24 “Achiis lubichi xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatee+ fi zayitii safartuu loogii sana fuudhee, asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessa.+ 25 Lubichi xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatu sana ni qala; achiis dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaa irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti ni diba.+ 26 Lubichi zayitii sana irraa muraasa barruu harka bitaa isaa irratti naqa;+ 27 achiis zayitii barruu harka isaa isa bitaa irra jiru sana irraa muraasa isaa quba harka isaa mirgaatiin Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa. 28 Achiis lubichi zayitii barruu harka isaa irra jiru keessaa muraasa isaa, fiixee gurra mirgaa namicha of qulqulleessu sanaa irratti, abgudduu harka mirgaa isaa irrattii fi abgudduu miila mirgaa isaa irratti, bakkuma dhiiga horii aarsaa yakkaatiif dhihaate sana dibe irratti ni diba. 29 Achiis lubichi Yihowaa duratti namichaaf araara argamsiisuuf, zayitii barruu isaa irratti hafe sana mataa namicha of qulqulleessu sanaa irratti dhangalaasa.
30 “Inni gugee bosonaa yookiin cuucii gugee akka humna isaatti fide keessaa isa tokko ni dhiheessa;+ 31 isa akka humna isaatti fide keessaa isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu+ godhee aarsaa midhaanii wajjin dhiheessa; lubichis Yihowaa duratti namicha of qulqulleessu sanaaf araara argamsiisa.+
32 “Seerri nama dhukkuba nadaayiitiin qabamee turee fi qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf wanta barbaachisu argachuu hin dandeenye ilaalchisee kenname kana dha.”
33 Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 34 “Isin gara biyya Kanaʼaan+ isa ani dhaalaan isiniif kennutti+ yommuu seentanii fi anis mana biyya keessan keessatti argamu tokko dhukkuba nadaayiitiin yommuun faalu,+ 35 abbaan mana sanaa dhufee, ‘Faalamni taʼe tokko mana koo keessatti mulʼateera’ jedhee lubichatti haa himu. 36 Lubichi wanti manicha keessa jiru hundi xuraaʼaa akka taʼe godhee akka hin labsinetti, faalama sana qoruuf dhufuu isaa dura miini hundi manicha keessaa akka baafamu ajaja; sana booda lubichi manicha qoruuf ol ni seena. 37 Innis bakka hubame ni qora; achiis girgiddaan manichaa dhooqa bifa magariisaa gara keellootti dhihaatuun yookiin bifa gara diimaatti dhihaatuun kan faalamee fi dhooqni sun girgiddaa sana darbee kan seene yoo taʼe, 38 lubichi manicha keessaa gara balbalaatti gad ni baʼa; achiis manichi guyyaa torbaaf cufamee akka turu godha.+
39 “Sana booda lubichi guyyaa torbaffaatti deebiʼee dhufee manicha qora. Faalamni sun girgiddaa manichaa irratti babalʼateera yoo taʼe, 40 lubichi ajaja kenna; dhagoonni faalaman sun baafamuu fi magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti gatamuu qabu. 41 Achiis inni manichi keessi isaa guutummaatti akka soqamu godha; maraggiin isaa fi dhoqqeen suphee irraa kaafame sunis magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti gatamuu qaba. 42 Isaanis bakka dhagoota baafaman sanaa dhagoota kan biraa haa galchan; innis dhoqqee suphee kan biraatti haa fayyadamu; manichas haa maragsiisu.
43 “Haa taʼu malee, dhagoonni sun erga baafamanii fi manichi soqamee lammata erga maragamee booda faalamni sun deebiʼee manicha keessatti yoo mulʼate, 44 lubichi ol seenee manicha qora. Faalamni sun manicha keessatti yoo babalʼate, dhukkuba nadaayii cimaatu+ manicha keessatti uumame jechuu dha. Manichi xuraaʼaa dha. 45 Innis manichi diigamee, dhagoonni isaa, saanqaawwan isaa, maraggiin isaa fi dhoqqeen suphee manichaa hundi magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti akka geeffamu godha.+ 46 Haa taʼu malee, namni guyyaa manichi cufamee itti turu+ kamitti iyyuu gara manichaatti seenu hundi hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa;+ 47 namni manicha keessa ciisu yookiin namni manicha keessatti nyaatu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu.
48 “Haa taʼu malee, lubichi dhufee manichi lammata erga maragamee booda faalamni sun manicha keessatti akka hin babalʼanne yoo arge, faalamni sun waan badeef manichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa. 49 Innis manicha xuraaʼummaa* isaa irraa qulqulleessuuf, simbirroota lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii ni fudhata.+ 50 Sana booda simbirroo ishii takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate irratti ni qala. 51 Achiis muka gaattiraa, hiisoophii, foʼaa diimaa fi simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu fuudhee dhiiga simbirroo ishii qalamte sana keessaa fi bishaan burqaa sana keessa cuuphee siʼa torba gara manichaatti ni facaasa.+ 52 Innis dhiiga simbirroo, bishaan burqaa, simbirroo lubbuudhaan jirtu, muka gaattiraa, hiisoophii fi foʼaa diimaa sanaan xuraaʼummaa* irraa manicha ni qulqulleessa. 53 Achiis simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu magaalattiidhaa ala dirree keessatti gadhiisa; manichaafis araara argamsiisa; manichis qulqulluu ni taʼa.
54 “Seerri dhukkuba nadaayii akaakuu akkamii iyyuu, madaa gogaa mataa yookiin areeda irratti baʼu,+ 55 dhukkuba nadaayii uffata+ yookiin mana+ irratti mulʼatu, 56 akkasumas, dhiitoo, cittoo fi roobbii ilaalchisee kenname kana dha;+ 57 kunis wanti tokko xuraaʼaa yookiin qulqulluu taʼuu isaa murteessuuf gargaara.+ Seerri dhukkuba nadaayii ilaalchisee kenname kana dha.”+