-
2 Seenaa Baraa 1:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Halkan sana Waaqayyo Solomoonitti mulʼatee, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+ 8 Yeroo kanatti Solomoon Waaqayyoon akkana jedhe: “Ati abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta;+ anaanis bakka isaa mootii gooteetta.+ 9 Ammas yaa Yihowaa, ati saba baayʼina isaatiin kan kaʼe akka awwaara lafaa+ taʼe irratti mootii waan na gooteef, waadaan abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.+ 10 Ammas saba kana akkan geggeessuuf* ogummaa fi beekumsa naaf kenni;+ taʼuu baannaan saba kee isa guddaa taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”+
-