-
Ermiyaas 27:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 ‘Humna koo isa guddaa fi irree koo isa diriirfameen lafa, ilmaan namootaa fi bineensota lafa irra jiran kan uume ana dha; isas naman barbaadeef* kenneera.+ 6 Ammas ani biyyoota kana hundumaa tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar mootii Baabiloniif kenneera;+ akka isa tajaajilaniif bineensota bosonaa illee isaaf kenneera. 7 Hamma yeroon biyyi isaa itti kufu gaʼutti, jechuunis hamma saboonni hedduunii fi mootummoonni guguddaan isa garboomfatanitti,+ saboonni hundi isa, ilma isaa fi ilma ilma isaa ni tajaajilu.’+
-