Hojii Ergamootaa
19 Yeroo booda Apholos+ utuu Qorontos keessa jiruu, Phaawulos naannoowwan galaana irraa fagaatan keessa darbee gara Efesoonitti gad buʼe.+ Achittis barattoota tokko tokko argatee, 2 “Yommuu amantoota taatan, hafuura qulqulluu fudhattaniittuu?”+ isaaniin jedhe. Isaanis, “Hafuurri qulqulluun jiraachuu isaa iyyuu matumaa dhageenyee hin beeknu” jedhanii isaaf deebisan. 3 Kanaafuu inni, “Cuuphaa akkamii cuuphamtan ree?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Cuuphaa Yohaannis” jedhan.+ 4 Phaawulosis, “Yohaannis namoonni isa isa booda dhufu sanatti, jechuunis Yesuusitti akka amanan isaanitti himaa,+ cuuphaa isa mallattoo yaada geddarachuu+ taʼe cuuphaa ture” jedhe. 5 Isaan yommuu kana dhagaʼan maqaa Gooftaa Yesuusiin cuuphaman. 6 Yommuu Phaawulos harka isaa isaan irra kaaʼu hafuurri qulqulluun isaan irra buʼe;+ isaanis afaan ormaatiin dubbachuu fi raajii dubbachuu jalqaban.+ 7 Isaan walumatti gara dhiirota 12 turan.
8 Phaawulos gara mana sagadaatti seenee+ jiʼa sadiif ija jabinaan dubbate; haasaa kennuudhaanis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan amansiisuuf yaale.+ 9 Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko mata jabeeyyii taʼuudhaan amanuu didanii Daandicha+ namoota duratti yommuu arrabsan isaan irraa fagaate;+ achiis barattoota isaan irraa adda baasee, guyyuma guyyaadhaan galma mana barumsaa Xiraanos keessatti haasaa isaaniif kenna ture. 10 Wanti kun waggaa lamaaf waan itti fufeef, Yihudootas taʼan Giriikota, namoonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiraatan hundi dubbii Gooftaa ni dhagaʼan.
11 Waaqayyo harka Phaawulosiin wantoota baayʼee dinqisiisoo taʼan hojjechuu isaa itti fufe;+ 12 uffataa fi marxoo qaama isaa tuqe illee fudhatanii namoota dhukkubsatanitti yommuu geessan+ dhukkubni sun isaan gadhiisa, hafuuronni hamoonis isaan keessaa baʼu turan.+ 13 Haa taʼu malee, Yihudoonni asii fi achi deemanii jinniiwwan baasan tokko tokkos maqaa Gooftaa Yesuusitti fayyadamanii hafuurota hamoo baasuuf yaalii godhan; isaan, “Ani maqaa Yesuus isa Phaawulos lallabuun cimsee sin ajaja” jedhu turan.+ 14 Ilmaan namicha Yihudii Asqewaa jedhamuu fi dura buutuu lubootaa taʼee torbas akkana gochaa turan. 15 Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusiin beeka;+ Phaawulosiinis beeka;+ isin immoo eenyu?” isaaniin jedhe. 16 Yeroo kanatti namichi hafuura hamaadhaan qabame isaanitti utaalee humnaan hunduma isaanii caalee isaan moʼe; isaanis mammadaaʼanii qullaa isaanii manicha keessaa baqatanii baʼan. 17 Wanti kun Yihudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; hundi isaaniis baayʼee sodaatan; maqaan Gooftaa Yesuusis ulfina argachuu isaa itti fufe. 18 Warra amantoota taʼan keessaa hedduun isaanii dhufanii wanta godhan ifatti himatu turan. 19 Namoonni gargaarsa jinniitiin waa hojjetan hedduun, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban.+ Yommuu gatii kitaabota kanaa shallaganis gara saantima meetii 50,000 taʼuu isaa hubatan. 20 Kanaan kan kaʼes, dubbiin Yihowaa* caalaatti babalʼachaa fi moʼaa deeme.+
21 Wantoonni kun erga taʼanii booda, Phaawulos Maqedooniyaa+ fi Akaayaa keessa darbee gara Yerusaalem dhaquuf murteesse.+ Achiis, “Ergan achi dhaqee booda, gara Roomaas dhaquun qaba” jedhe.+ 22 Kanaafuu, warra isa tajaajilan keessaa lama, jechuunis Ximotewosii+ fi Eraasxosiin+ gara Maqedooniyaatti erge; inni garuu yeroo muraasaaf koonyaa Eeshiyaa keessa ture.
23 Yeroo sanatti Daandicha ilaalchisee+ jeequmsi guddaan+ ni uumame. 24 Sababiin isaas, Dimeexiros inni meetii baqsuu fi meetii irraa fakkiiwwan mana qulqullummaa Arxemiis tolche, ogeeyyii harkaatiif galii hedduu argamsiisee ture.+ 25 Inni namoota kanaa fi warra wantoota akkasii hojjetan kaan walitti qabee akkana jedhe: “Namoota nana, badhaadhina keenya kana kan arganne hojii kana irraa taʼuu isaa akka gaariitti beektu. 26 Amma garuu namichi Phaawulos jedhamu kun, Efesoon+ qofatti utuu hin taʼin bakka muraasa irraa kan hafe guutummaa koonyaa Eeshiyaa keessatti, waaqoliin harkaan tolfaman dhuguma waaqolii miti jedhee namoota hedduu amansiisee ilaalcha isaanii jijjiiruu isaa argitaniittu, dhageessaniittus.+ 27 Kana malees, balaan inni guddaan hojiin keenya kun dhaabbachuu isaa qofa miti; manni qulqullummaa waaqayyittii Arxemiis guddittiis akka waan gatii hin qabneetti ilaalama; akkasumas, Arxemiis ishiin koonyaa Eeshiyaa fi guutummaa lafaa irratti waaqeffatamtu ulfina dhabdi.” 28 Namoonni sunis yommuu kana dhagaʼan akka malee aaranii, “Arxemiis ishiin kan warra Efesoon Guddoo dha!” jedhanii iyyuu jalqaban.
29 Kanaan kan kaʼes, magaalattiin jeequmsaan guutamte; hundi isaaniis Gaayosii fi Arisxaarkos+ namoota Maqedooniyaa warra miiltoo Phaawulos taʼan sana harkisanii didichaa bakka taphni itti argisiifamu seenan. 30 Phaawulos bakka namoonni sun itti wal gaʼanitti seenuu barbaadee kan ture taʼus, barattoonni isaaf hin heyyamne. 31 Michoonni isaa warri ayyaanaa fi tapha qindeessan tokko tokko illee ergaa itti dhaamanii, Phaawulos bakka taphni itti argisiifamu seenee lubbuu isaa balaadhaaf akka hin saaxille isa kadhatan. 32 Namoonni walitti qabaman sun burjaajaʼanii waan turaniif, baayʼeen isaaniis maaliif akka walitti qabaman waan hin beekneef, isaan keessaa tokko tokko waan tokko, warri kaan immoo waan kan biraa jedhanii iyyu turan. 33 Kanaafuu, Iskindiriin namoota sana gidduudhaa yommuu baasan, Yihudoonni dhidhiibanii gara fuulduraatti isa fidan; innis namoota sana duratti falmachuu barbaadee harka isaatiin mallattoo isaanitti argisiise. 34 Haa taʼu malee, inni Yihudii taʼuu isaa yommuu hubatan, hundi isaanii tokkummaadhaan gara saʼaatii lamaatiif, “Arxemiis ishiin kan warra Efesoon Guddoo dha!” jedhanii iyyan.
35 Dhuma irrattis barreessaan magaalattii namoota sana cal jechisiisee akkana jedhe: “Yaa namoota Efesoon, magaalaan warra Efesoon, eegduu mana qulqullummaa Arxemiis guddittii fi bifa fakkeenyaa ishii isa samii irraa buʼe sanaa taʼuu isaa namni hin beekne jiraa? 36 Wanti kun kan hin haalamne erga taʼee, tasgabbaaʼuu qabdu malee, ariifattanii tarkaanfii fudhachuu hin qabdan. 37 Namoonni as fiddan kun mana qulqullummaa hin saamne, waaqayyittii keenyas hin arrabsine. 38 Kanaafuu, Dimeexirosis+ taʼe ogeeyyiin harkaa isaa wajjin jiran nama himatan yoo qabaatan, guyyoonni murtiin itti kennamuu fi bulchitoonni biyyaa* waan jiraniif achitti wal himachuu dandaʼu. 39 Dhimma kana caalu yoo qabaattan garuu, walgaʼii idilee irratti murteeffamuu qaba. 40 Haa taʼu malee, jeequmsa harʼa uumame kanaaf sababii dhiheessinu tokko illee waan hin qabneef, mootummaa irratti fincila kakaastaniittu jedhamnee himatamuun keenya hin oolu.” 41 Erga kana dubbatee booda, namoonni walitti qabaman sun akka bittinnaaʼan godhe.