Pheexiros Tokkoffaa
4 Kiristoos yeroo fooniin turetti rakkinni waan isa irra gaʼeef,+ isinis yaada* Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa; sababiin isaas, namni rakkinni isa irra gaʼe cubbuu hojjechuu dhiiseera;+ 2 kana kan godhus bara jireenyaa isaa isa hafe isa fooniin jiraatutti, fedhii namootaatiif utuu hin taʼin+ fedhii Waaqayyootiif+ jiraachuu akka dandaʼuufi. 3 Sababiin isaas, yeroon duraanii inni isin addaggummaadhaan,* kajeellaa toʼannaa hin qabneen, garmalee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan,* affeerraa dhugaatii irratti hirmaachuu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisoo taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan+ ni gaʼa.+ 4 Isin jireenya gadhiisii akkasii irratti isaanii wajjin hirmaachuu keessan waan itti hin fufneef bitaa isaanitti taʼa, akkasumas isin arrabsu.+ 5 Haa taʼu malee, namoonni kun isa warra jiranii fi warra duʼan irratti murteessuuf+ qophaaʼe sanaaf deebii ni kennu. 6 Warra duʼaniifis misiraachoon kan lallabame kanaafi;+ kunis akka ilaalcha namootaatti fooniin kan isaanitti murteeffame taʼus, akka ilaalcha Waaqayyootti hafuuraa wajjin wal simanii akka jiraataniifi.
7 Haa taʼu malee, dhumni wantoota hundumaa dhihaateera. Kanaafuu, sirriitti kan yaaddan taʼaa,+ kadhannaa wajjin haala wal qabateenis dammaqoo taʼaa.+ 8 Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa;+ sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.+ 9 Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa.+ 10 Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa garaa garaa mulʼateef+ tajaajiltoota gaarii waan taataniif, kennaa argattanitti hammuma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa. 11 Namni dubbatu yoo jiraate akka nama dubbii Waaqayyoo dubbatuutti haa dubbatu; namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu;+ kunis Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos wanta hundumaan ulfina akka argatuufi.+ Ulfinnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti kan isaa ti. Ameen.
12 Yaa obboloota jaallatamo, qorumsa akka ibiddaa isin irra gaʼaa jiru+ ilaalchisee, wanti adda taʼe akka isin irra gaʼetti yaaduudhaan hin dinqisiifatinaa. 13 Kanaa mannaa, rakkina Kiristoos irraa waan hirmaattaniif+ hammuma sana gammaduu keessan itti fufaa;+ kunis yeroo inni ulfina isaatiin mulʼatutti akka gammaddanii fi akka ililchitan godha.+ 14 Maqaa Kiristoosiif jettanii yoo arrabsamtan isin gammadoo dha;+ sababiin isaas hafuurri ulfinaa, eeyyee, hafuurri Waaqayyoo isin irra ni buufata.
15 Haa taʼu malee, isin keessaa namni kam iyyuu kan nama ajjeesu yookiin hattuu yookiin nama hammina hojjetu yookiin dhimma namoota kaanii keessa kan galu taʼuudhaan rakkinni isa irra hin gaʼin.+ 16 Haa taʼu malee, namni kam iyyuu Kiristiyaana taʼuu isaatiin yoo rakkinni isa irra gaʼe hin qaanaʼin;+ kanaa mannaa, maqaa kana baatee Waaqayyoof ulfina kennuu isaa itti haa fufu. 17 Sababiin isaas, yeroon murtiin mana Waaqayyoo+ keessaa itti jalqabu inni dursee murteeffame sun gaʼeera. Egaa murtiin kun nu irraa kan jalqabu erga taʼee,+ warri misiraachoo Waaqayyootiif hin ajajamne dhumni isaanii maal taʼa ree?+ 18 “Namni qajeelaan rakkinaan kan fayyu erga taʼee, nama Waaqayyoon hin sodaannee fi nama cubbamaa irra maaltu gaʼa laata?”+ 19 Kanaafuu, warri fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun rakkinni isaan irra gaʼaa jiru, wanta gaarii hojjechaa Uumaa isa amanamaa taʼetti imaanaadhaan of* kennachuu isaanii itti haa fufan.+