BOQONNAA 18
Ogummaa “Dubbii Waaqayyoo” Keessa Jiru
1, 2. Yihowaan “xalayaa” akkamii nuu barreesse? Maaliifi?
MICHUU KEE fagoo jiraatu biraa yeroo dhumaatiif xalayaan yoom akka sii ergame ni yaadattaa? Wantoota baayʼee nu gammachiisan keessaa inni tokko xalayaa michuu keenya biraa nuu ergamu dha. Waaʼee nageenya isaa, wantoota isa mudatanii fi karoora isaa dhagaʼuun nu gammachiisa. Xalayaan akkasii michoota wal irraa fagaatanii jiran illee walitti dhiheessa.
2 Haa taʼu malee, Waaqa nu jaallatu biraa ergaa barreeffamaan qophaaʼe argachuu caalaa wanti nu gammachiisuu dandaʼu jiraa? Yihowaan “xalayaa,” jechuunis Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu nuu barreesseera jechuun ni dandaʼama. Xalayaa kana keessatti eenyummaa isaa, maal akka raawwate, maal raawwachuu akka yaadee fi wantoota kan biroo hedduu nuu ibseera. Yihowaan Dubbii isaa kan nuu kenne isatti akka dhihaannu waan barbaaduufi. Waaqni keenya inni eenyu iyyuu caalaa ogeessa taʼe, mala nuu wajjin itti wal qunnamuu dandaʼu keessaa isa hunda irra caalu filateera. Akkaataan Kitaabni Qulqulluun itti barreeffamee fi dhaamsi isaa, ogummaa Yihowaa isa gita hin qabne argisiisa.
Dubbiin Isaa Akka Barreeffamu Kan Godhe Maaliifi?
3. Yihowaan Museedhaaf Seericha kan kenne akkamitti?
3 Namoonni tokko tokko, ‘Yihowaan karaa baayʼee nama hawwatuun, jechuunis samii irraa dubbachuudhaan yaada isaa maaliif namootaaf hin ibsine?’ jedhanii gaafatu taʼa. Yihowaan karaa maleekota isaa samii irraa yeroo itti dubbate qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼelotaaf Seericha kennetti akkas godheera. (Galaatiyaa 3:19) Yeroo kanatti sagaleen samii irraa dhufe sun baayʼee sodaachisaa waan tureef, Israaʼelonni Yihowaan kallattiidhaan isaanitti dubbachuu mannaa, karaa Musee akka isaanitti dubbatu gaafatanii turan. (Baʼuu 20:18-20) Yihowaan Seericha isa dambiiwwan gara 600 olii qabate Museetti kan hime afaaniin ture.
4. Seera Waaqayyoo afaaniin dabarsuun mala amansiisaa kan hin taane maaliif akka taʼe ibsi.
4 Haa taʼu malee, Seerichi utuu hin barreeffamne taʼee maaltu taʼa ture? Museen jechoota seericha keessatti ibsaman hunda yaadachuu fi utuu homaa hin hambisin sabichaaf dabarsuu ni dandaʼa turee? Dhaloonni sana booda dhufu hoo Seera afaaniin darbutti amanamuu dandaʼaa? Seera Waaqayyoo afaaniin dhaloota dhufutti dabarsuun matumaa mala amansiisaa miti. Fakkeenyaaf, seenaan tokko namoota hedduu bira akka gaʼu gochuuf, seenicha nama tokkotti utuu himtee fi inni immoo isa kaanitti himuudhaan akka kanaan warri hafanis akka walitti himan utuu gootee maaltu uumamuu akka dandaʼu mee tilmaami. Wanti namichi inni dhumaa dhagaʼe, wanta namni jalqabaa dhagaʼee wajjin garaa garummaa guddaa qabaata. Seerri Waaqayyoo garuu rakkina akkasiitiif hin saaxilamne. Maaliifi?
5, 6. Yihowaan, Museen dubbii isaa maal akka godhu ajaje? Dubbii Yihowaa barreeffamaan argachuun keenya eebba guddaa dha kan jennu maaliifi?
5 Yihowaan dubbiin isaa akka barreeffamu gochuun isaa ogummaa isaa argisiisa. Akkas jedhee Musee ajajeera: “Ani akkuma jechoota kanaatti sii wajjinii fi Israaʼelii wajjin kakuu waanan galuuf, wantoota kana barreessi.” (Baʼuu 34:27) Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Dh.K.D. bara 1513tti barreeffamuu jalqabe. Yeroo sanaa kaasee waggoota 1,610f Yihowaan “yeroo baayʼee fi karaa hedduutiin” namoota 40tti dubbatee Kitaaba Qulqulluu akka barreessan godheera. (Ibroota 1:1) Achiis, garagalchitoonni of eeggannoo guddaadhaan barreeffamoota kana garagalchuudhaan, Kitaabni Qulqulluun akka hin banne godhaniiru.—Izraa 7:6; Faarfannaa 45:1.
6 Yihowaan yaada isaa barreeffamaan nuu ibsuun isaa eebba guddaa dha. Xalayaa baayʼee jaallattuu fi jajjabina irraa argatte tokko kaawwattee irra deddeebitee dubbistee beektaa? Kitaabni Qulqulluun xalayaa kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan dubbii isaa waan nuu barreessiseef yeroo hunda dubbisuu fi irratti xiinxaluu dandeenya. (Faarfannaa 1:2) Yeroo barbaanne hundattis “jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessa” jiru argachuu dandeenya.—Roomaa 15:4.
Namoonni Akka Barreessan Kan Godhe Maaliifi?
7. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu barreessisuuf namootatti fayyadamuun isaa ogummaa isaa kan argisiisu akkamitti?
7 Yihowaan namoonni Dubbii isaa akka barreessan gochuudhaan ogummaa isaa argisiiseera. Mee yaadi, Yihowaan Kitaaba Qulqulluu barreessisuuf maleekotatti utuu fayyadameera taʼee, Dubbiin isaa kun akka kanaan nama hawwachuu dandaʼa turee? Maleekonni hubannaa guddaa waan qabaniif akka gaariitti waaʼee Yihowaa ibsuu, guutummaatti akka isaaf bulan argisiisuu fi waaʼee namoota isa tajaajilanii gabaasa gaarii dhiheessuu akka dandaʼan beekamaa dha. Haa taʼu malee, wanta uumamawwan hafuuraa mudaa hin qabnee fi beekumsi isaanii, muuxannoon isaanii fi jabinni isaanii nu irra caalu ibsan hubachuu dandeenya?—Ibroota 2:6, 7.
8. Yihowaan barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu maal akka godhan isaaniif heyyameera? (Miiljalees ilaali.)
8 Yihowaan, namootatti fayyadamee barreeffama barbaachisaa miira namaa hawwatuu fi ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame’ nuu qopheesseera. (2 Ximotewos 3:16) Kana kan godhe akkamitti? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo baayʼee barreessitoonni kun, dandeettii yaaduu isaaniitti fayyadamanii ‘jechoota nama gammachiisanii fi jechoota dhugaa’ filatanii akka barreessan gochuudhaani. (Lallaba 12:10, 11) Kun immoo kutaawwan Kitaaba Qulqulluu bifa gara garaatiin kan barreeffaman maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Barreessitoonni kun eenyummaa fi muuxannoo isaanii yaada barreessan irratti calaqqisiisaniiru.a Haa taʼu malee, namoonni kun ‘ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbataniiru.’ (2 Pheexiros 1:21) Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun “dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tasalonqee 2:13.
‘Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman’
9, 10. Kitaabni Qulqulluun namootaan barreeffamuun isaa, miira akka qabaatuu fi kan nama hawwatu akka taʼu kan godhe maaliifi?
9 Kitaabni Qulqulluun namootaan barreeffamuun isaa, miira akka qabaatuu fi kan nama hawwatu akka taʼu godheera. Namootuma miira akka keenyaa qabaniin barreeffame. Isaanis namoota mudaa qaban waan taʼaniif, akkuma keenya rakkinnii fi dhiibbaan isaan irra gaʼeera. Yeroo tokko tokko hafuurri Yihowaa, wanta isaanitti dhagaʼamuu fi wanta qabsoo isaanitti taʼu akka barreessan godheera. (2 Qorontos 12:7-10) Kanaafuu namoonni kun, jechoota maleekonni itti fayyadamuu hin dandeenyeen muuxannoo isaanii barreessaniiru.
10 Daawit inni Mootii Israaʼel ture kanaaf fakkeenya gaarii taʼa. Daawit cubbuu guguddaa erga raawwatee booda, wanta garaa isaa keessa jiru ibsuu fi Waaqayyoon dhiifama gaafachuuf faarfannaa tokko barreesseera. Akkas jedheera: “Cubbuu koo [irraa] na qulqulleessi! Sababiin isaas, ani balleessaa koo akka gaariittan beeka, cubbuun koos yeroo hundumaa fuula koo dura jira. Kunoo, ani yakkamaa taʼee dhaladheera, haati tiyyas cubbuu keessatti na ulfoofte. Fuula kee duraa na hin gatin; hafuura qulqulluu kees na irraa hin fudhatin. Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha; yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu.” (Faarfannaa 51:2, 3, 5, 11, 17) Yommuu kana dubbistu barreessaan kun hammam akka dhiphate salphaatti hubachuu hin dandeessuu? Nama cubbuu dhaale yoo taʼe malee, qaamni akka kanaatti yaaddoo garaa isaa ibsuu dandaʼu jiraa?
Kitaabni Kun Waaʼee Namootaa Kan Dubbatu Maaliifi?
11. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan dhugaa “barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman” akkamii arganna?
11 Wanti Kitaabni Qulqulluun akka nama hawwatu godhe kan biraanis jira. Harki caalaan kitaaba kanaa waaʼee namootaa dubbata; jechuunis waaʼee namoota Waaqayyoon tajaajilanii fi hin tajaajillee ibsa. Waaʼee muuxannoo isaanii, rakkina isaan mudatee fi gammachuu isaanii achi irraa dubbisuu dandeenya. Filannoon isaanii faayidaa akkamii akka isaaniif argamsiise ykn miidhaa akkamii akka isaan irraan gaʼe dubbisuu dandeenya. Seenaawwan kun, “barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.” (Roomaa 15:4) Yihowaan seenaawwan dhugaa kanatti fayyadamee karaa garaa keenya tuquu dandaʼuun nu barsiisaa jira. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.
12. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota amanamoo hin taanee dubbatan kan nu fayyadan akkamitti?
12 Kitaabni Qulqulluun hamoota dabalatee waaʼee namoota amanamoo hin taanee fi wanta isaan irra gaʼe nutti hima. Seenaawwan waaʼee namoota kanaa ibsan amalli namoota kanaa maaliif gadhee akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun gantummaan dogoggora akka taʼe ni ibsa. Seenaa Yihudaan Yesuusiin akka gane ibsu yommuu dubbisnu garuu yaanni kun caalaatti nuu hin galuu? (Maatewos 26:14-16, 46-50; 27:3-10) Seenaawwan akkasii garaa keenya tuquudhaan, amalawwan gadhee akka hubannuu fi akka irraa fagaannu nu gargaaru.
13. Kitaabni Qulqulluun amalawwan gaggaarii taʼan akka hubannu kan nu gargaaru akkamitti?
13 Kitaabni Qulqulluun, waaʼee namoota amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan hedduus ni dubbata. Namoonni kun Waaqayyoof kan bulanii fi amanamoo akka taʼan ibsameera. Waaqayyotti dhihaachuuf amalawwan akkamii argisiisuu akka qabnu seenaa namoota kanaa irraa barachuu dandeenya. Mee fakkeenyaaf waaʼee amantii ilaali. Kitaabni Qulqulluun, hiika amantiin qabuu fi Waaqayyoon gammachiisuuf amalli kun hammam barbaachisaa akka taʼe nutti hima. (Ibroota 11:1, 6) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota amantii qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniis qabateera. Mee fakkeenyaaf, amantii Abrahaam Yisihaqiin aarsaa gochuuf yeroo jedhetti argisiise yaadi. (Uumama, boqonnaa 22; Ibroota 11:17-19) Seenaawwan akkasii, jechi “amantii” jedhu hiika akkamii akka qabu gad fageenyaan hubachuuf nu gargaaru. Yihowaan amalawwan gaggaarii akka horannu nu ajajuu qofa utuu hin taʼin, seenaa namoota amalawwan kana argisiisuudhaan fakkeenya taʼanii nuu barreessisuun isaa ogummaa guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?
14, 15. Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartii gara mana qulqullummaa dhufte tokkoo maal dubbata? Seenaa kana irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?
14 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe nu barsiisu. Fakkeenyaaf, seenaa waaʼee dubartii Yesuus mana qulqullummaa keessatti arge tokkoo ibsu ilaali. Yesuus saanduqawwan buusii bira taaʼee utuu jiruu, namoonni buusii yommuu godhan ilaalaa ture. Namoonni sooreyyii taʼan hedduun “wanta isaan irraa hafe buusan.” Yesuus garuu kan xiyyeeffate buusii dubartiin abbaan manaa irraa duʼe goote irratti ture. Buusiin dubartii kanaa, “saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama” ture.b Maallaqni dubartiin tun qabdu kana qofa. Yesuus inni guutummaatti ilaalcha Yihowaa calaqqisu, “dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra saanduqa buusii keessa maallaqa buusan kaan hundumaa caalaa buusteetti” jedheera. Akka jecha isaatti, kennaan dubartiin kun kennite isa warri kaan kennan hunda irra ni caala.—Maarqos 12:41-44; Luqaas 21:1-4; Yohaannis 8:28.
15 Namoota guyyaa sanatti gara mana qulqullummaa dhufan hunda keessaa, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe kun qofti Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamuun ishii nama hin dinqisiisuu? Yihowaan fakkeenya kanatti fayyadamee, Waaqa namoota dinqisiifatu taʼuu isaa nu barsiiseera. Kennaan namoonni kennan hammam iyyuu yoo taʼe, Yihowaan kennaa nuti garaa guutuudhaan dhiheessinu gammachuudhaan fudhata. Yihowaan barumsa nama gammachiisu kana, karaa kana caalu kan biraatiin nu barsiisuu dandaʼaa?
Kitaabni Qulqulluun Balʼinaan Kan Ibsu Waan Hundumaa Miti
16, 17. Yihowaan wantoonni tokko tokko Dubbii isaa keessatti akka hin galmeeffamne gochuudhaan ogummaa isaa kan argisiise akkamitti?
16 Nama jaallattu tokkoof yommuu xalayaa barreessitu, yaada hedduu qabaattu iyyuu, hunda isaa barreessuu waan hin dandeenyeef, wanta barreessitu filachuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis, Dubbii isaa keessatti akka caqasaman kan filate namootaa fi taʼeewwan muraasa qofa dha. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun, seenaawwan barreeffaman kana keessatti illee waan hundumaa balʼinaan hin ibsu. (Yohaannis 21:25) Fakkeenyaaf, murtoo Waaqayyo godhe ilaalchisee ibsi Kitaaba Qulqulluu, gaaffii keenya hundaaf deebii hin kennu taʼa. Yihowaan wantoonni tokko tokko Dubbii isaa keessatti akka hin galmeeffamne gochuudhaan illee ogummaa isaa argisiiseera. Akkamitti?
17 Akkaataan Kitaabni Qulqulluun itti barreeffame, wanta garaa keenya keessa jiru qoruuf nu gargaara. Ibroonni 4:12 akkas jedha: “Dubbiin [ykn ergaan] Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha; goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; lubbuu fi hafuura, . . . hamma gargar baasutti illee waraanee seena; yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.” Ergaan Kitaaba Qulqulluu, keessa keenya seenuudhaan yaadaa fi sababii wanta tokko itti hojjennu ifa baasa. Yeroo baayʼee namoonni yaada dogoggoraatiin kitaaba kana dubbisan, seenaawwan odeeffannoo balʼaa hin qabne akkasiitti ni gufatu. Namoonni akkasii Yihowaan jaalala qabeessa, ogeessaa fi haqa qabeessa taʼuu isaa illee ni shakku.
18, 19. (a) Seenaan Kitaaba Qulqulluu tokko gaaffiin akka nutti uumamu yoo godhe dhiphachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Dubbii Waaqayyoo hubachuuf maal gochuu qabna? Kun hoo ogummaa Yihowaa isa guddaa kan argisiisu akkamitti?
18 Faallaa kanaatiin, garaa qulqulluu fi of eeggannoodhaan Kitaaba Qulqulluu yommuu qorru, guutummaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti Yihowaa akka ibsu hubanna. Kanaaf, seenaan tokko gaaffiin dafnee deebii argachuufii hin dandeenye akka nutti uumamu yoo godhe hin dhiphannu. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼannu Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe suutuma suuta hubachaa deemna. Seenaan tokko jalqaba irratti yoo nuu galuu baate ykn seenaan sun amala Waaqayyoo wajjin akkamitti akka walsimu yoo hubachuu baanne illee, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa Yihowaan guutummaatti jaalala qabeessa, kan hin loognee fi haqa qabeessa taʼuu isaa akka baranne yaadachuu qabna.
19 Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo hubachuuf garaa qulqulluu fi sammuu banaadhaan dubbisuu fi qoʼachuu qabna. Maarree kun, ogummaan Yihowaa guddaa taʼuu isaa kan argisiisu mitii? Namoonni beektota jedhaman, kitaabota “ogeeyyii fi beektota” qofaaf galuu dandaʼan barreessuu dandaʼu. Kitaaba namoonni garaa qajeelaa qaban qofti hubachuu dandaʼan barreessisuu kan dandaʼu garuu, Waaqa isa ogummaa qabu qofa dha!—Maatewos 11:25.
Kitaaba Jireenya Hunda Irra Wayyu Jiraachuuf Gargaaru
20. Akkaataan jireenyaa hunda irra caalu isa kam akka taʼe nuu ibsuu kan dandaʼu Yihowaa qofa kan taʼe maaliifi? Kitaabni Qulqulluun wanta nu gargaaru akkamii qabateera?
20 Yihowaan Dubbii isaa keessatti akkaataan jireenyaa hunda irra caalu isa kam akka taʼe nuu ibseera. Uumaa keenya waan taʼeef, wanta nu barbaachisu nu caalaa beeka. Bara duriittis taʼe harʼa namni kam iyyuu jaalalaa fi gammachuu argachuu, akkasumas warra kaanii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni barbaada. Kitaabni Qulqulluun “ogummaa” jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaaru hedduu qabateera. (Fakkeenya 2:7) Kutaawwan kitaaba kanaa hundi, boqonnaa gorsa Kitaabaa Qulqulluu akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu argisiisan kan qabatan taʼus, ammaaf fakkeenya tokko qofa haa ilaallu.
21-23. Gorsi gaariin haaloo qabachuu dhiisuuf nu gargaaru isa kami?
21 Namoonni haaloo qabatan yeroo baayʼee ofuma akka miidhan hubatteettaa? Haaloo qabachuun baʼaa guddaa dha. Yaada keenya ni toʼata, akkasumas nagaa fi gammachuu keenya balleessa. Qorannoowwan saayinsii akka ibsanitti, haaloo qabachuun carraa dhukkuba onnee fi dhibeewwan guguddaa hedduuf saaxilamuuf qabnu guddisuu dandaʼa. Qorannaawwan akkasii godhamuu isaanii yeroo dheeraa dura Kitaabni Qulqulluun, “Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi” jechuudhaan gorsa ogummaa irratti hundaaʼe kenneera. (Faarfannaa 37:8) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
22 Kitaabni Qulqulluun, “Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha, balleessaa tuffatee bira darbuun isaas miidhagina isaaf ni kenna” jechuudhaan gorsa ogummaa irratti hundaaʼe nuu kenna. (Fakkeenya 19:11) Hubataa taʼuun, wanta alaan mulʼatu irra darbanii, wanta dhokataa taʼe arguuf dandeettii qabaachuu kan argisiisu dha. Hubannaan, namni tokko wanta tokko maaliif akka dubbate ykn akka raawwate adda baafachuuf nu gargaara. Kakaʼumsa, miiraa fi haala namichi keessa jiru sirriitti hubachuun keenya immoo, ilaalcha gadhee akka isaaf hin qabaanne nu gargaara.
23 Kitaabni Qulqulluun gorsa, “wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jedhu qabateera. (Qolosaayis 3:13) Yaanni “wal dandaʼuu” jedhu, amala warra kaanii isa nu aarsuu dandaʼu obsaan bira darbuu ergaa jedhu dabarsa. Obsi akkasii haaloo qabachuu dhiisuuf nu gargaara. “Waliif dhiisuu” jechuun immoo haaloo qabachuu dhiisuu jechuu dha. Waaqni keenya inni ogeessi, yeroo sababii gaʼaa qabnutti warra kaaniif dhiifama gochuun barbaachisaa akka taʼe beeka. Kana gochuun keenya kan fayyadu isaaniin qofa utuu hin taʼin, nuufis nagaa sammuu argamsiisa. (Luqaas 17:3, 4) Dhuguma iyyuu ogummaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dinqisiisaa dha!
24. Ogummaa Waaqayyoo wajjin walsimnee yoo jiraanne faayidaa akkamii arganna?
24 Yihowaan jaalala isaa isa gita hin qabneen kakaʼee, yaada isaa nuu ibsuu akka barbaadu argisiiseera. Kana galmaan gaʼuufis mala hunda irra caalutti, jechuunis “xalayaa” namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessanitti fayyadamuu filateera. Kanaan kan kaʼes, ogummaan Yihowaa dubbii isaa keessatti mulʼachuu dandaʼeera. Ogummaan kun ‘baayʼee amansiisaa dha.’ (Faarfannaa 93:5) Ogummaa kanaa wajjin haala walsimuun yeroo jiraannuu fi ogummaa kana warra kaaniif yeroo hirru, Waaqa keenya isa ogummaa guddaa qabutti akka dhihaannu beekamaa dha. Boqonnaa itti aanu irratti, wanta ogummaa Yihowaa isa guddaa argisiisu kan biraa, jechuunis dandeettii inni waaʼee gara fuulduraa dubbachuu fi kaayyoo isaa raawwachuuf qabu ilaalla.
a Fakkeenyaaf, Daawit inni tiksee ture fakkeenyota jireenya tiksee tokkoo ibsanitti fayyadameera. (Faarfannaa 23) Maatewos inni qaraxxuu ture, wantoota lakkoofsaa fi maallaqaa wajjin wal qabatan hedduu ibseera. (Maatewos 17:27; 26:15; 27:3) Luqaas inni ogeessa fayyaa ture immoo, jechoota ogummaa fayyaa wajjin wal qabatanitti fayyadameera.—Luqaas 4:38; 14:2; 16:20.
b Saantimoonni kun saantimoota Yihudootaa Leepton jedhamanii fi gatii gad aanaa qaban turan. Leeptaan lama mindaa hojjetaan hojii humna hojjetu tokko daqiiqaa 15 hojjetee argatu dha. Saantimoonni lamaan kun, simbirroota yeroo sanatti rakasa taʼanii fi nyaata hiyyeessotaa turan illee bituu hin dandaʼan turan.