BOQONNAA 2
Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Miidhaa Qabaa?
Jeesiikaan burjaajofteetti. Miirri akkasii ishiitti dhagaʼamuu kan jalqabe yommuu barataan daree ishii Jaramii jedhamu xiyyeeffannaa addaa ishiidhaaf kennuu eegalettidha. Akkana jetteetti: “Baayʼee bareeda; hiriyoonni koo yoomiyyuu dhiira naamusa gaarii qabu akkasii argachuu akkan hin dandeenye natti himu. Shamarran garaa garaa isa wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuuf kan yaalan taʼus, inni isaan hin barbaanne. Ana qofa jaallata.”
Utuma baayʼee hin turin, Jaramiin Jeesiikaa gaafate. Jeesiikaanis Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef nama amantaa ishii hin hordofne wajjin hariiroo jaalalaa akka jalqabdu akka ishiidhaaf hin heyyamamne itti himte. Akkana jetteetti: “Taʼus, Jaramiin yaada tokko naaf dhiheesse. ‘Warri kee utuu hin beekin dhoksaatti hariiroo jaalalaa qabaachuu hin dandeenyuu?’ naan jedhe.”
ATOO namni si hawwatte tokko gaaffii akkasii utuu siif dhiheessee deebii akkamii kennita? Jeesiikaan yaada Jaramiirratti akka walii galte yeroo beektu si ajaaʼibuu dandaʼa. Jeesiikaan, “Hariiroo jaalalaa yoon isa wajjin jalqabe, Yihowaa akka jaallatu isa gargaaruu akkan dandaʼu mirkanaaʼaa taʼeen ture” jetteetti. Maarree, dhumarratti maaltu taʼe? Deebii isaa booda ilaalla. Mee jalqaba dargaggoonni tokko tokko kiyyoo akkasiitiin kan qabaman akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Dhoksaatti Jaalallee kan Qabatan Maaliifi?
Dargaggoonni tokko tokko dhoksaatti jaalallee kan qabatan maaliifi? Dargaggeessi Deevid jedhamu haala isaa gabaabumatti yeroo ibsu, “Warri isaanii akka isaaniif hin heyyamne waan beekaniif isaanitti hin himan” jedheera. Jeen immoo akkana jetteetti: “Dhoksaatti jaalallee qabachuun finciluudha. Warri kaan akka dargaggeessa gaʼeessa taʼetti si ilaalaa akka hin jirre yeroo sitti dhagaʼamu, warra keetti utuu hin himin wanta barbaaddu gochuuf murteessita.”
Sababiiwwan dargaggoonni tokko tokko dhoksaatti jaalallee qabachuuf itti qoraman kan biroo yaaduu dandeessaa? Taanaan, gaditti barreessi.
․․․․․
Ijoolleen warra isaaniitiif akka ajajaman Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsame beekta. (Efesoon 6:1) Warri kee jaalallee qabachuu akka hin qabne yoo isaanitti dhagaʼame, sababii quubsaa akka qaban mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Taʼus, miirri armaan gadii yoo sitti dhagaʼame si dinqisiisuu hin qabu:
● Anaan alatti namni hundi jaalallee waan qabuuf, kophaatti akkan hafe natti dhagaʼama.
● Shamarreen amantaa koo hin hordofne takka na hawwatteetti.
● Gaaʼela dhaabbachuuf umuriin koo kan hin geenye taʼus, shamarree Kiristiyaana taate takka jaalallee utuun godhadhee natti tola.
Yaadawwan armaan olii ilaalchisee wanta warri kee jedhan beekta taʼa. Ilaalchi warra keetii sirrii akka taʼe garaan kee beeka. Haa taʼu malee, akkuma shamarree Maanaamii jedhamtuu sitti dhagaʼama taʼa. Akkana jetteetti: “Dhiibbaan jaalallee akkan qabadhu narratti godhamu baayʼee cimaa waan taʼeef, yeroo tokko tokko ejjennoon koo sirrii taʼuu isaa nan shakka. Ijoollee yeroo harʼaa jiraniif jaalallee malee jiraachuun wanta hin yaadamnedha. Kophaa taʼuunis wanta namatti tolu miti.” Dargaggoonni haalawwan akkasii keessa jiran tokko tokko warra isaanii jalaa dhoksuudhaan jaalallee qabataniiru. Akkamitti?
“Dhimmicha Iccitiidhaan Akka Qabnu Nutti Himame”
Yaanni “dhoksaatti jaalallee qabachuu” jedhuyyuu hamma tokko gowwoomsaa kan of keessatti qabatedha; kanaafuu, dhoksaatti jaalallee qabachuuf yeroo yaaddu warra kaan gowwoomsuun kee hin oolu. Dargaggoonni tokko tokko hariiroo jaalalaa isaanii dhoksuuf adda durummaadhaan bilbilaan ykn intarneetiidhaan wal qunnamu. Namoota duratti namoota hariiroo kan biraa hin qabne fakkaatanii mulʼatu; iimeeliin walii barreessan, wanti bilbilaan haasaʼanii fi ergaan walii barreessan garuu hariiroo addaa akka qaban argisiisa.
Malli itti fayyadaman kan biraanimmoo waliin taʼuu akka dandaʼaniif qophii gareedhaan irratti hirmaatan qopheessuudha. Jeemsi akkana jedheera: “Yeroo tokko, gareedhaan iddoo tokkotti affeeramnee turre; booda garuu wanti hundi kan qophaaʼe garicha keessaa namoonni lama waliin taʼuu akka dandaʼaniif haala mijeessuuf akka taʼe hubanne. Dhimmicha iccitiidhaan akka qabnu nutti himame.”
Akkuma Jeemsi dubbate yeroo baayʼee dargaggoonni dhoksaatti jaalallee kan qabatan deggersa hiriyoota isaaniitiini. Kaaral, “Yeroo baayʼee, hariiroo isaanii ilaalchisee yoo xinnaate namni beeku tokko jira; taʼus, iccitii hiriyaa isaanii baasuudhaan isa gaddisiisuu waan hin barbaanneef homaa hin dubbatan” jetteetti. Yeroo tokko tokko ifatti sobu. Shamarreen waggaa 17 Beet jedhamtu, “Dargaggoonni hedduun dhoksaatti jaalallee yeroo qabatanitti, eessa akka dhaqan warra isaanii ni sobu” jetteetti. Shamarreen waggaa 19 Misaakii jedhamtu akkana jetteetti: “Seenaa hin jirre uumuufin yaala. Warri koo amantii akka narratti hin dhabneef, wanta jaalallee koo wajjin wal qabateen alatti wanta akkamiirrattiyyuu akkan isaan hin sobne ofan eeggadha ture.”
Balaa Dhoksaatti Jaalallee Qabachuun Qabu
Dhoksaatti jaalallee qabachuuf qoramaa jirta ykn ammayyuu dhoksaatti jaalallee qabatteetta yoo taʼe gaaffilee armaan gadii lamaan of gaafachuun kee barbaachisaadha:
Gochi koo kun garamitti na geessa? Nama sana wajjin dhiheenyatti gaaʼela dhaabbachuuf yaaddeettaa? Shamarreen waggaa 20 Iivan jedhamtu, “Gaaʼela dhaabbachuuf utuu hin yaadin jaalallee qabachuun akkuma wanta hin gurgurre beeksisuuti” jetteetti. Maal geessisuu dandaʼa? Fakkeenyi 13:12, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. Maarree, garaan nama jaallattuu akka dhukkubsatu gochuu ni barbaaddaa? Dhoksaatti jaalallee qabachuun kee gargaarsa warra kee fi namoota siif yaadan kan biroos si dhabsiisa. Kanaan kan kaʼes, kiyyoo halalummaatiin qabamuu dandeessa.—Galaatiyaa 6:7.
Gocha koo ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Kitaabni Qulqulluu, “Wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha. (Ibroota 4:13) Kanaafuu, jaalallee qabachuu kee ykn hiriyaan kee tokko jaalallee qabachuu isaa ati yoo dhoksitellee Yihowaan beeka. Keessumaa warra kaan gowwoomsaa jirta taanaan, dhimmi kun si yaaddessuu qaba. Yihowaan soba baayʼee jibba. Kitaaba Qulqulluu keessatti wantoota inni jibbu keessaa tokko “arraba sobu” akka taʼe ibsameera.—Fakkeenya 6:16-19.
Dhoksuu Dhiisi
Hariiroo dhoksaatti jalqabde warra keetti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti himuun kee faayidaa siif argamsiisa. Hiriyaan kee tokkos dhoksaatti jaalallee qabateera taanaan isaaf dhoksuudhaan gocha isaa hin deggerin. (1 Ximotewos 5:22) Hiriyaan kee sun hariiroo isaa kanaan kan kaʼe miidhaan yoo isarra gaʼe maaltu sitti dhagaʼama? Miidhaa isarra gaʼeef hamma tokko itti gaafatamuun kee ni oolaa?
Fakkeenyaaf, hiriyaan kee dhukkuba sukkaaraa qabu tokko dhoksaatti wantoota miʼaawaa taʼan nyaata haa jennu. Wanta hiriyaan kee kun gochaa jiru yoo beektee fi innis eenyuttiyyuu akka isa jalaa hin himne yoo si kadhate maal goota? Wanti caalaatti si yaaddessu gocha hiriyaa keetii kana isaaf dhoksuumoo tarkaanfii lubbuu isaa oolchuu dandaʼu fudhachuudha?
Hiriyaan kee tokko dhoksaatti jaalallee akka qabate beekuun kees kana wajjin wal fakkaata. Hiriyummaan keenya balaarra buʼa jettee hin yaaddaʼin. Yeroo booda hiriyaan kee tarkaanfii kana kan fudhatte faayidaa isaatiif jettee akka taʼe hubachuun isaa hin oolu.—Faarfannaa 141:5.
Dhoksaamoo Dhimma Dhuunfaati?
Jaalallee qabachuu wajjin haala wal qabateen wanti iccitiidhaan qabamu hundi warra kaan gowwoomsuudha jechuu miti. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokkoo fi shamarreen takka caalaatti wal beekuu kan barbaadan taʼus, yeroodhaaf hariiroo isaanii namoonni baayʼeen akka beekan hin barbaadan taʼa. Tarii akkuma dargaggeessi Toomaas jedhamu dubbatetti, “yeroo hunda gaaffiin, ‘Maarree, gaaʼela yoom dhaabbattu?’ jedhu akka isaaniif dhihaatu hin barbaadan” taʼa.
Dhiibbaan warri kaan geessisan miidhaa qabaachuu dandaʼa. (Weedduu Weedduu Caalu 2:7) Kanaafuu, namoonni tokko tokko hariiroo akkasii yeroo jalqaban jalqabarratti beeksisuu dhiisuuf filatu. (Fakkeenya 10:19) Shamarree waggaa 20 kan taate Aanaan akkana jetteetti: “Kun taʼuun isaa namoonni lama hariiroo cimaa qabaachuu kan dandaʼan taʼuu isaa murteessuuf isaan dandeessisa. Murtoo kana erga godhanii booda namootatti beeksisuu dandaʼu.”
Haa taʼu malee, hariiroo keessan namoota beekuu qaban, jechuunis warra kee ykn warra jaalallee keetii dhoksuun dogoggoradha. Hariiroo keessan ilaalchisee homaa dubbachuu hin barbaaddu taanaan, akkas kan sitti dhagaʼamu maaliif akka taʼe of gaafachuu qabda. Warri kee sababa gaʼaa hariiroo keessan itti hin deggerre akka qaban sitti dhagaʼamaa?
“Maal Gochuu Akkan Qabu Nan Hubadhe”
Jeesiikaan ishiin olitti ibsamte, waaʼee shamarree Kiristiyaana taatee fi haalli kan ishii wajjin wal fakkaatu ishii mudatee yommuu dhageessu dhoksaatti Jaramii wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu ilaalchisee yaada qabdu jijjiirte. Jeesiikaan, “Hariiroo isaanii kan dhaabde akkamitti akka taʼe ergan dhagaʼee booda maal gochuu akkan qabu nan hubadhe” jetteetti. Garuu gargar baʼuun salphaa turee? Salphaa hin turre! Jeesiikaan, “Akkan isa jaalladhetti dhiira kan biraa jaalladhee hin beeku. Torban muraasaaf guyyaa guyyaadhaanan booʼa ture” jetteetti.
Taʼus, Jeesiikaan Yihowaa ni jaallatti. Yeroodhaaf karaarraa kan gorte taʼus, garaadhaa wanta sirrii taʼe gochuu barbaaddi turte. Yeroo booda miidhaa miiraa gargar baʼuu isaaniitiin kan kaʼe ishiirra gaʼerraa bayyanatteetti. Jeesiikaan akkana jetteetti: “Amma hariiroon Yihowaa wajjin qabu isa kanaan duraa caalaa baayʼee cimeera. Yeroo nu barbaachisutti qajeelfama waan nuu kennuuf baayʼeen isa galateeffadha!”
Jaalallee qabachuuf qophoofteetta, shamarree jaallattus argatteetta. Garuu shamarreen tun kan siif taatu taʼuu ishii beekuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
“Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.
GORSA GAARII
Jaalallee akka qabatte nama hundatti himuun si hin barbaachisu. Namoota beekuuf mirga qabanitti garuu himuu qabda. Yeroo baayʼee namoota itti himtu keessaa tokko warra kee fi warra jaalallee keetiiti.
KANA BEEKTAA?
Hariiroo dhaabbataan wal amanuurratti hundaaʼa. Dhoksaatti jaalallee qabachuun kee warri kee amantii akka sirratti dhaban godha; akkasumas hariiroon jaalallee kee wajjin qabdu buʼuura cimaa akka hin qabaanne godha.
WANTAN GOCHUU YAADE
Kiristiyaana tokko wajjin dhoksaatti hariiroo jaalalaa jalqabeera taanaan, akkanan godha ․․․․․
Hiriyaan koo tokko dhoksaatti jaalallee qabateera taanaan, akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Haalawwan sadan fuula 22ffaarratti gurraacheffamanii barreeffaman ilaali. Miira darbee darbee sitti dhagaʼamu kan ibsu isa kami?
● Dhoksaatti jaalallee utuu hin qabatin rakkina keetiif furmaata argachuu kan dandeessu akkamitti?
● Hiriyaan kee tokko dhoksaatti jaalallee akka qabate yoo beekte maal goota? Akkas gochuuf kan filatte maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 27rra jiru]
“Hariiroon jaalalaa dhoksaatti jalqabe addaanan kute. Dhugaa dubbachuuf, mana barumsaatti guyyaa guyyaadhaan gurbaa sana arguun baayʼee ulfaataa ture. Yihowaan garuu haala keenya ilaalchisee wanta hundumaa beeka, haalli sun maal akka geessisus beeka. Kanaafuu, Yihowaa amanuu qabna.”—Jeesiikaa
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Hiriyaan kee dhoksaatti jaalallee qabachuu isaa isaaf dhoksuun, nama dhukkuba sukkaaraa utuma qabuu dhoksaatti wantoota miʼaawaa taʼan nyaatuuf dhoksuu wajjin tokkodha