‘Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Dubbadhaa’
“Hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan.”—HOE. 4:31.
1, 2. Tajaajila keenyarratti bu’a qabeeyyii ta’uuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
YESUS ajjeefamuusaa guyyaa sadii dura bartootasaatiin, “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhee ture. Yesus inni du’aa ka’e, samiitti ol ba’uusaa dura, duuka buutonnisaa ‘wanta inni abboome saba hundumaa barsiisuudhaan bartoota akka godhan’ ajajeera. “Hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa” isaanii wajjin akka ta’us waadaa isaanii galeera.—Mat. 24:14; 26:1, 2; 28:19, 20.
2 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, hojii jaarraa jalqabaatti eegalamerratti dammaqinaan hirmaachaa jirra. Hojiin Mootummicha lallabuufi bartoota gochuu lubbu baraarsaa waan ta’eef, hojii kamirrayyuu kan caaludha. Kanaaf, tajaajila keenyarratti bu’a qabeeyyii ta’uun keenya baay’ee barbaachisaa mitii? Mataduree kana keessatti, hafuura qulqulluutiin gaggeeffamuun, yommuu tajaajilarratti hirmaannu ija jabinaan dubbachuuf akkamitti akka nu gargaaru ilaalla. Matadureewwan itti aanan lamaanirrattimmoo, hafuurri Yihowaa beekumsaan akka barsiisnuufi ittuma fufnee akka lallabnu akkamitti nu geggeessuu akka danda’u baranna.
Ija Jabinni Nu Barbaachisa
3. Waa’ee Mootummichaa lallabuun ija jabina kan gaafatu maaliifi?
3 Mirga Waaqayyo Mootummicha akka lallabnu nuu kenneef bakka guddaa laanna. Haata’u malee, hojii kana raawwachuun yeroo hunda salphaadha jechuu miti. Namoonni tokko tokko misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo gammachuudhaan kan fudhatan yoo ta’es, namoonni hedduun akkuma namoota bara Nohi ta’uusaanii argisiisu. Yesus, “isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan” dubbateera. (Mat. 24:38, 39) Namoonni nutti ga’isan ykn nu mormanis jiru. (2 Phe. 3:3) Warra aboo qabanirraa, hiriyoota mana barumsaarraa, warra wajjin hojjennu ykn miseensota maatii keenyaarraallee mormiin nurra ga’uu danda’a. Kana malees, dadhabina mataa keenyaa qabaachuu, jechuunis ija laafessa ta’uufi warri kaan na jibbu jennee kan sodaannu ta’uu dandeenya. Sababiiwwan dubbii Waaqayyoo “ija jabinaan” akka hin dubbanne gufuu nutti ta’an hedduun jiru. (Efe. 6:19, 20) Kanaaf, yeroo hunda dubbii Waaqayyoo dubbachuun, ija jabina gaafata. Haata’u malee, ija jabina argachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
4. (a) Ija jabina jechuun maal jechuudha? (b) Phaawulos warra Tasaloniiqeetiif lallabuuf ija jabina kan argate akkamitti?
4 Afaan Giriikiitiin jechi “ija jabina” jedhu, hiika “ifatti dubbachuu, dhugaasaa dubbachuu, akkasumas dhoksaa malee dubbachuu” jedhu qaba. Jechi kun, yaada “ija jabina, amanannaa, . . . sodaachuu dhiisuu” jedhu dabarsa. Haata’u malee, ija jabina jechuun, karaa sirrii hin taaneen ykn akka namaa dhufetti dubbachuu jechuu miti. (Qol. 4:6) Ija jabeeyyii yoo taaneyyuu, namoota hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuus ni barbaanna. (Rom. 12:18) Kana malees, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yommuu lallabnu, ija jabinaafi malaan dubbachuudhaan utuu itti hin yaadin namoota akka hin mufachiisne of eeggannoo goona. Ija jabina qabaachuun, amalawwan barbaachisaa ta’an horachuu akka gaafatu beekamaadha. Ija jabinni akkasii, keessa keenyaa kan dhufu ykn ofitti amanamuudhaan kan argamu miti. Phaawulosiifi hiriyoonnisaa, ‘Filiphisiiyusitti erga namoonni itti darbanii’ booda, warra Tasaloniiqeetti ‘ija jabinaan’ dubbachuu kan danda’an akkamitti? Phaawulos, “Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenne” jechuudhaan barreesseera. (1 Tasaloniiqee 2:2 dubbisi.) Yihowaan sodaa qabnu balleessuufi ija jabina akkasii nuu kennuu danda’a.
5. Yihowaan Phexrosiif, Yohannisiifi bartoota kaaniif ija jabina kan kenne akkamitti?
5 Phexrosiifi Yohannis yommuu, “gurguddoonni Yihudootaa fi maanguddoonni, barsiisonni seeraas” isaan morman, “Kan Waaqayyoo dhaga’uu irra, kan keessan dhaga’uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta’e, isinumti faradaa! Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu” isaaniin jedhan. Waaqayyo ari’atama sana akka isaanii dhaabu kadhachuu mannaa, isaanis ta’an obboloonni kaan, “Yaa gooftaa, doorsisa isaanii ilaali, hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif!” jedhanii kadhatan. (HoE. 4:5, 19, 20, 29) Yihowaan kadhannaasaaniitiif deebii kan kenne akkamitti? (Hojii Ergamootaa 4:31 dubbisi.) Ija jabina akka argatan hafuurasaatiin isaan gargaareera. Hafuurri Waaqayyoo nuunis gargaaruu danda’a. Maarree, tajaajilarratti hafuura Waaqayyoo argachuufi hafuura kanaan geggeeffamuu kan dandeenyu akkamitti?
Ija Jabina Qabaadhaa
6, 7. Hafuura qulqulluu argachuuf karaan hundarra caalu maalidha? Fakkeenya kenni.
6 Karaan hafuura qulqulluu argachuu itti danda’amu inni guddaan, kadhannaadha. Yesus namoota isa dhaggeeffataniin, “Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jedheera. (Luq. 11:13) Dhugumayyuu, hafuura qulqulluu argachuuf yeroo hunda kadhachuu qabna. Bifawwan tajaajilaa kan akka karaarratti, karaa alidilee ta’een ykn naannoo daldalaatti lallabuun yoo nu sodaachise, Yihowaan hafuurasaa akka nuu kennuufi ija jabina nu barbaachisu argachuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya.—1 Tas. 5:17.
7 Obboleettiin Roosaa jedhamtu tokko gorsa kana hojiirra oolchiteetti.a Gaaf tokko Roosaan bakka hojiishee utuu jirtuu, barsiistuun ishee wajjin hojjettu tokko, barreeffama daba ijoollee mana barumsaa tokkorratti raawwatame ibsu dubbisaa akka jirtu hubatte. Barsiistuun kun wanti dubbistu waan ishee jeeqeef sagaleeshee ol fuutee, “Biyyi lafaa kun garamitti adeemaa jira?” jette. Roosaan carraa kanatti fayyadamtee dhugaa baateef. Haata’u malee, ija jabina dhugaa ba’uuf ishee gargaaru argachuuf maal goote? Roosaan, “Yihowaan hafuurasaatiin akka na gargaarun kadhadhe” jetteetti. Achiis akka gaariitti dhugaa kan baateef ta’uusaarrayyuu, dhimma kanarratti bal’inaan mari’achuuf beellama qabatte. Haala intala umrii waggaa shanii Milaane jedhamtuufi magaalaa Niwuu Yoork jiraattuus ilaali. Milaanen, “Gara mana barumsaa dhaquukoo dura, aniifi haatikoo yeroo hunda kadhannaa goona” jetteetti. Waa’ee maalii kadhatu? Milaanen ija jabina argattee ejjennooshee akka eegduufi waa’ee Waaqayyoo akka dubbattu kadhatu. Haatishee, “Kana gochuun keenya, Milaanen guyyoota dhalootaas ta’e, guyyoota ayyaanaa ilaalchisee ejjennooshee ibsuufi yeroo akkasiitti warra kaanii wajjin ta’uurraa fagaachuuf ishee gargaareera” jetteetti. Fakkeenyawwan kun, kadhannaan ija jabina argachuuf akka gargaaru hin argisiisanii?
8. Ija jabina argachuu ilaalchisee Ermiyaasirraa maal baranna?
8 Ermiyaasis ija jabina akka qabaatu kan isa gargaare maal akka ta’e yaadadhu. Yommuu Yihowaan sabichaaf raajii isa godhe, “Kunoo ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku” jedhee ture. (Er. 1:4-6) Booda garuu, Ermiyaas yeroo hunda ija jabinaan waan lallabuuf, namoonni hedduun nama waa’ee badiisaa lallabu godhanii isa ilaalaniiru. (Er. 38:4) Gara waggoota 65 ol ta’aniif waa’ee firdii Yihowaa ija jabinaan lallabeera. Ermiyaas, Israa’el keessatti nama ija jabinaan lallabu waan tureef, gara waggaa 600 booda, namoonni yommuu Yesus ija jabinaan lallabu argan tokko tokko Ermiyaastu du’aa ka’e jedhanii turan. (Mat. 16:13, 14) Raajiin jalqabarratti ija laafessa ture kun sodaasaa kan mo’e akkamitti? “[Dubbiin Waaqayyoo] garaa koo keessatti akka ibidda boba’uu waan ta’eef, ani isa ittisuu yoon yaale iyyuu homaa hin danda’u” jedheera. (Er. 20:9) Eeyyee dubbiin Yihowaa Ermiyaasiif humna kennuudhaan akka lallabu isa kakaaseera.
9. Dubbiin Waaqayyoo, akkuma Ermiyaas nurrattis jijjiirama fiduu kan danda’u akkamitti?
9 Phaawulos ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda’a” jedheera. (Ibr. 4:12) Ergaan ykn dubbiin Waaqayyoo, akkuma Ermiyaas nuunis jijjiiruu danda’a. Macaafa Qulqulluu kan barreessan namoota yoo ta’aniyyuu, ergaan achi keessa jiru hafuura Waaqayyootiin waan barreeffameef, macaafa ogummaa namootaa qabate ta’uu hin danda’u. Phexros Isa Lammaffaa 1:21rratti, “Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” jedha. Yeroo fudhannee dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabannu, sammuun keenya ergaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameen guutama. (1 Qorontos 2:10 dubbisi.) Ergaan kun keessa keenyatti, “akka ibidda boba’uu” waan ta’uuf, ofii keenyaaf qabannee taa’uu hin dandeenyu.
10, 11. (a) Ija jabinaan lallabuu yoo barbaanne, Macaafa Qulqulluu akkamitti qayyabachuu qabna? (b) Qulqullina qayyabannaa dhuunfaakee fooyyessuuf, yoo xinnaate tarkaanfii fudhachuuf yaadde tokko dubbadhu.
10 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraa bu’aa gaarii argachuu yoo barbaanne, karaa garaa keenya tuquufi keessa namummaa keenyaarratti jijjiirama fiduun gochuu qabna. Fakkeenyaaf Hisqi’el raajichi, macaafa maramuufi ergaa cimaa namoonni mata jabeeyyii ta’an dhaga’uu hin barbaanne qabate tokko akka nyaatu mul’ataan gaafatamee ture. Hisqi’el, ergaa sana guutummaatti hubachuufi kan ofii godhachuu qaba ture. Kana gochuunsaa, ergaa sana lallabuun akka dammaa akka itti mi’aawu godha.—Hisqi’el 2:8–3:4, 7-9 dubbisi.
11 Nuyis haala Hisqi’elii wajjin wal fakkaatu keessa jirra. Yeroo ammaatti namoonni hedduun wanta Macaafni Qulqulluun jedhu dhaga’uu hin barbaadan. Dubbii Waaqayyoo labsuutti cimuu yoo barbaanne, ergaa Caaffata Qulqullaa’oo hanga akka gaariitti hubannutti qayyabachuu qabna. Darbee darbee utuu hin ta’in, yeroo hunda qayyabachuu qabna. Fedhiin keenya akkuma Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta’u!” jedhee faarfate ta’uu qaba. (Far. 19:14) Dhugaa Macaafa Qulqulluu gara keenya keessatti qabachuuf waan nu gargaaruuf, yeroo fudhannee wanta dubbisnerratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Qulqullina qayyabannaa dhuunfaa keenyaa fooyyessuuf carraaqqii gochuu akka qabnu beekamaadha.b
12. Walga’iiwwan keenya, hafuura qulqulluutiin akka geggeeffamnu kan nu gargaaran akkamitti?
12 Karaan hafuura Yihowaarraa faayidaa itti argannu inni kaanimmoo, ‘jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis tuttuqnee yaada walii kaasuuf walitti qabamuu keenya itti fufuudha.’ (Ibr. 10:24, 25) Hafuura qulqulluutiin akka geggeeffamnu karaa itti argisiisnu keessaa tokko, walga’iiwwanirratti argamuuf carraaqqii gochuu, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi wanta baranne hojiirra oolchuudha. Kana malees, hafuurri Yihowaa qajeelfama kan kennu karaa gumiiti.—Mul’ata 3:6 dubbisi.
Faayidaa Ija Jabeessa Ta’uun Qabu
13. Hojii lallabaa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa raawwatanirraa maal barachuu dandeenya?
13 Hafuurri qulqulluun, uumama cufa keessatti humna hundarra caalu si’a ta’u, namoonni fedha Yihowaa akka raawwataniif isaan gargaaruu danda’a. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, humna hafuura kanarraa argataniin hojii lallabaa bal’inaan hojjetaniiru. Misiraachicha, “waaqa jalaa uumama hundumaatti” lallabaniiru. (Qol. 1:23) Namoota kana keessaa baay’eensaanii, “barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes” ta’uusaanii yommuu ilaallu, hojii kanaaf kan isaan kakaase humna hundarra caalu kana akka ta’e hubanna.—HoE. 4:13.
14. “Hafuura gubaa” akka qabaannu maaltu nu gargaaruu danda’a?
14 Qajeelfama hafuura qulqulluurraa argannuu wajjin haala walsimuun jiraachuun keenyas, tajaajila keenya ija jabinaan raawwachuuf nu kakaasuu danda’a. Yeroo hunda hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuun, dhimminee qayyabannaa dhuunfaa gochuun, wanta dubbisnerratti kadhannaadhaan xiinxaluuniifi yeroo hunda walga’ii gumiirratti argamuun keenya, “hafuura gubaa” akka qabaannu nu gargaara. (Rom. 12:11) Macaafni Qulqulluun, “Yihudiin mandara Iskindiriyaatti dhalate, Apholos kan jedhamu tokko mandara Efesoon dhufe; inni nama arraba qajeelu, . . . dubbii gooftaas waa barsiifame, hafuura gubaadhaan waa’ee Yesus qajeeltootti in lallaba, in barsiisas ture” jedha. (HoE. 18:24, 25) “Hafuura gubaa” qabaachuudhaan, manaa gara manaattis ta’e, karaa alidilee ta’een ija jabina guddaadhaan tajaajilluu dandeenya.—Rom. 12:11.
15. Ija jabina guddaadhaan lallabuun kan nu fayyadu akkamitti?
15 Ija jabina guddaadhaan lallabuun faayidaa nuuf argamsiisa. Barbaachisummaafi faayidaa hojii keenyaa guutummaatti waan hubannuuf, ilaalchi keenya ni fooyya’a. Tajaajila keenyaan yommuu bu’a qabeeyyii taanu, gammachuu guddaa waan argannuuf caalaatti miira ho’aa qabaanna. Hojiin lallabaa kun ariifachiisaa ta’uusaa akka gaariitti waan hubannuuf, hinaaffaan keenya ni cima.
16. Hinaaffaan tajaajilaaf qabnu yoo hir’ate maal gochuu qabna?
16 Hinaaffaan tajaajilaaf qabnu yoo hir’ate maal gochuu qabna? Yoo kun ta’e, haqaan of gamaaggamuun nu barbaachisa. Phaawulos, “Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa!” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 13:5) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ani ammayyuu hafuura gubaa nan qabaa? Hafuurasaa akka naa kennuuf Yihowaa nan kadhadhaa? Kadhannaankoo, fedhasaa raawwachuuf isatti akkan amanamu ni argisiisaa? Tajaajila adaraadhaan nuu kenname akkan dinqisiifadhu ni argisiisaa? Qayyabannaa dhuunfaarratti barsiifanni ani qabu maal fakkaata? Wantan dubbisuufi wantan dhaga’u xiinxaluurratti yeroo hammamiin dabarsa? Walga’iiwwan gumiirratti hammam hirmaachaan jira?’ Gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluunkee, dadhabinakee hubattee sirreeffama akka gootu si gargaara.
Hafuura Waaqayyoorraa Ija Jabina Kan Argattan Ta’aa
17, 18. (a) Yeroo ammaatti hojiin lallabaa hammam hojjetamaa jira? (b) Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo, ‘ija jabina guddaadhaan’ lallabuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Yesus inni du’aa ka’e bartootasaatiin, “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jedheera. (HoE. 1:8) Hojiin yeroo sanatti jalqabame, yeroo ammaatti bal’inaan hojjetamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoona torba ta’an, biyyoottan 230 ol ta’anitti ergaa Mootummichaa lallabaa kan jiran si’a ta’u, hojii kanarrattis waggaatti sa’aatii biliyoona 1.5 ta’u dabarsu. Hojii matumaa irra hin deebi’amne kanarratti hirmaachuun baay’ee nama gammachiisa.
18 Akkuma jaarraa jalqabaa, yeroo ammaattis hojiin lallabaa kun qajeelfama hafuura Waaqayyootiin geggeeffamaa jira. Qajeelfama hafuura kanarraa argannu hojiirra yoo oolchine, ‘ija jabina guddaadhaan’ tajaajiluu dandeenya. (HoE. 28:31) Kanaaf, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yommuu lallabnu, hafuura qulqulluutiin haa geggeeffamnu.
[Miiljaleewwan]
a Maqaansaanii jijjiirameera.
b Dubbisa Macaafa Qulqulluufi qayyabannaa dhuunfaarraa faayidaa guddaa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti Kennamurraa Fayyadami jedhamu mataduree, “Dubbisuudhaaf Carraaqi,” akkasumas “Qayyabannaan Nama Kiisa” jedhuufi fuula 21-32rratti argamu ilaali.
Maal Baratte?
• Dubbii Waaqayyoo ija jabinaan lallabuun kan nu barbaachisu maaliifi?
• Bartoonni jaarraa jalqabaa ija jabinaan akka lallaban kan isaan gargaare maalidha?
• Ija jabeeyyii ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
• Ija jabeeyyii ta’uun kan nu fayyadu akkamitti?
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Warri, ijoolleensaanii ija jabina akka qabaatan gargaaruu kan danda’an akkamitti?
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Tajaajilarratti kadhannaa gabaabaa gochuunkee, ija jabina argachuuf si gargaaruu danda’a