Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Fulbaana 2020
FULBAANA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 23-24
“Tuuta Duukaa hin Buʼinaa”
(Baʼuu 23:1 dubbisi.)
Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?
7 Michoota kee fi namoota hin beekneef, iimeelii fi ergaa gabaabaa erguun si gammachiisaa? Taanaan, seenaa oduu irratti dubbatame haaraa yommuu argitu ykn muuxannoo tokko yeroo dhageessu, nama jalqabaa seenaa gammachiisaa kana gabaasu taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ergaa gabaabaa ykn iimeelii erguu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Odeeffannoon babalʼisuuf jedhu kun dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa dha? Dhimma sana ilaalchisee hoo odeeffannoo guutuu qabaa?ʼ Yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte, utuu hin beekin obboloota keenya gidduutti odeeffannoo soba taʼe babalʼisuu dandeessa. Shakkii yoo qabaatte, odeeffannoo kana erguu irraa of qusadhu.
8 Iimeelii ykn ergaa gabaabaa nuuf ergame saffisaan namoota kaaniif dabarsanii erguunis balaa kan biraa qaba. Biyyoota tokko tokko keessatti, hojiin keenya kan daangeffame ykn guutummaatti kan dhorkame dha. Mormitoonni keenya biyyoota akkasii keessa jiran, taʼe jedhanii gabaasawwan akka wal sodaannu ykn akka wal shakkinu gochuuf qopheeffaman babalʼisuu taʼa. Mee wanta Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti raawwatame tokko haa ilaallu. Poolisoonni dhoksaadhaan sochaʼanii fi Kee.Jii.Bii. jedhaman, oduu sobaa obboloonni itti gaafatamummaa qaban tokko tokko saba Yihowaa akka ganan ibsu dubbatu turan. Obboloonni hedduun gabaasa sobaa kana amananii turan; kanaan kan kaʼes jaarmiyaa Yihowaa irraa adda of baasaniiru. Kun baayʼee nama gaddisiisa! Kan nama gammachiisu garuu, yeroo booda baayʼee isaanii deebiʼaniiru; tokko tokko garuu matumaa hin deebine. Amantiin isaanii akka doonii balaan irra gaʼee caccabee hafeera. (1 Xim. 1:19) Nuti hoo haala gaddisiisaa akkasii irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gabaasawwan dogoggoraa ykn dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamne babalʼisuu irraa of qusachuudhaani. Salphaatti kan gowwoomfamtan hin taʼinaa. Dhimmichi dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffadhaa.
(Baʼuu 23:2 dubbisi.)
it-1-E 11 key. 3
Aaron
Aaron yeroo murtoo dogoggoraa godhe sadanittuu, tarkaanfii dogoggoraa raawwatame sanaaf kaʼumsi isaa isa taʼuu isaa akka hin ibsamne hubachuu qabna; kanaa mannaa, haalli yeroo sana ture ykn dhiibbaan warra kaanii karaa isa sirrii irraa akka isa jalʼisu heyyameera. Keessumaa balleessaa jalqaba hojjete irra of qusachuuf ajaja, “Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin buʼin” jedhu hojii irra oolchuu dandaʼa ture. (Bau 23:2) Haa taʼu malee, sana booda maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti kan caqasame karaa ulfina qabuuni; akkasumas Ilmi Waaqayyoo yeroo lafa irra jiraachaa turetti, lubummaan Aaron seera duratti fudhatama kan qabu taʼuu isaa akka amanu argisiiseera.—Far 115:10, 12; 118:3; 133:1, 2; 135:19; Mat 5:17-19; 8:4.
(Baʼuu 23:3 dubbisi.)
it-1-E 343 key. 5
Jaamummaa
Jalʼinni haqaa abbootiin murtii malaanmaltummaadhaan raawwatan jaamummaatti fakkeeffameera; mattaʼaa ykn kennaawwan fudhachuu, akkasumas jibba halaalaa ilaalchisee Seericha keessatti gorsi hedduun kennameera; wantoonni kun abbaan murtii tokko murtoo haqa irratti hin hundoofne akka godhu ija isaa jaamsuu dandaʼu. ‘Mattaʼaan ija namoota akka gaariitti arganii jaamsa.ʼ (Bau 23:8, NW) “Mattaʼaan ija ogeessaa ni jaamsa.” (Kes 16:19, NW) Abbaan murtii tokko hammam iyyuu qajeelaa fi hubannaa kan qabu yoo taʼe, kennaan abbaan dhimmaa tokko isaaf kennu beekaas taʼe utuu hin beekin dhiibbaa guddaa isa irratti gochuu dandaʼa. Seerri Waaqayyoo kennaa fudhachuun qofti utuu hin taʼin, miiraan oofamanii murtoo gochuunis dhiibbaa akka qabu dubbata; “Hiyyeessa ilaaltanii gara isaa hin gorinaa yookiis isa guddaadhaaf hin looginaa!” jedha. (Lew 19:15) Kanaafuu, abbaan murtii tokko miiraan oofamee ykn tuuta biratti beekamtii argachuuf jecha, namni tokko sooressa waan taʼeef qofa isatti murteessuu hin qabu.—Bau 23:2, 3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 23:9 dubbisi.)
“Warra Ormaatti Gaarummaa Argisiisuu hin Dagatinaa”
4 Yihowaan Israaʼelonni namoota biyya biraatii dhufan akka kabajan ajajuu qofa utuu hin taʼin, rakkina isaanii akka kan ofiitti akka ilaalanis isaan yaadachiiseera. (Baʼuu 23:9 dubbisi.) ‘Nama biyya ormaa jirutti wanta dhagaʼamu’ beeku turan. Ibroonni garbummaa jala galuu isaanii dura illee, warri Gibxii sabboonummaadhaan kan kaʼe ykn sababa amantii isaaniitiin halaalatti isaan jibbuudhaan isaan irraa ni fagaatu turan. (Uma. 43:32; 46:34; Bau. 1:11-14) Israaʼelonni jiraattota biyya biraa taʼuudhaan jireenya gaddisiisaa kan dabarsan taʼus, Yihowaan namoota biyya biraatii dhufan “akkuma nama biyyaatti” akka ilaalan isaan irraa eega ture.—Lew. 19:33, 34.
(Baʼuu 23:20, 21 dubbisi.)
it-2-E 393
Mikaaʼel
1. Gabriʼeeliin alatti Kitaaba Qulqulluu keessatti maleekaan maqaadhaan caqasame maleekaa kana qofadha; ‘hogganaa maleekotaa’ kan jedhame maleekaa kana qofadha. (Yih 9) Maqaan kun jalqaba irratti kan caqasame Daaniʼel boqonnaa kudhan irratti yeroo taʼu, achi irratti Mikaaʼel “bulchitoota aangoo guddaa qaban keessaa tokko” jedhameera; inni yeroo “bulchaan mootummaa Faarsi” maleekaa isaa gadi taʼe tokko mormetti maleekaa sana gargaaruuf dhufee ture. Mikaaʼel “bulchaa [saba Daaniʼel],” akkasumas “bulchaa guddicha . . . saba [Daaniʼeliif] dhaabbatu” jedhamee waamameera. (Dan 10:13, 20, 21, NW; 12:1, NW) Kun immoo maleekaan lafa onaa keessatti Israaʼeloota geggeessaa ture Mikaaʼel akka taʼe argisiisa. (Bau 23:20, 21, 23; 32:34; 33:2) Xumura kana irra gaʼuuf wanti ragaa nuu taʼu ‘Mikaaʼel hogganaan maleekotaa waaʼee reeffa Musee irratti Diyaabilosii wajjin akka wal falme’ ibsamuu isaa ti.—Yih 9.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 23:1-19 dubbisi.)
FULBAANA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 25-26
“Miʼa Godoo Qulqullaaʼaa Hundumaa Irra Caalu”
(Baʼuu 25:9 dubbisi.)
it-1-E 165
Saanduqa Kakuu
Pilaanii fi Diizaayinii. Yeroo Yihowaan godoo qulqullaaʼaa akka ijaaru Museedhaaf qajeelfama kenneetti wanti jalqaba irratti isaaf kenne pilaanii fi diizaayinii saanduqa kakuu ture; saanduqni kun godoo qulqullaaʼaa keessattis taʼe buufata Israaʼel keessatti wanta hundumaa caalaa iddoo guddaa qabu ture. Saanduqichi qofti dheerinni isaa dhundhuma 2.5, balʼinni isaa dhundhuma 1.5, irraan oleen isaa immoo dhundhuma 1.5 taʼa. Muka laaftoo irraa kan hojjetame yeroo taʼu, keessii fi alli isaa warqii qulqulluudhaan kan uwwifame ture. Gara oliitiin qarqara isaatti naanneffamee warqii irraa ittisni miidhagaan tolfameefii ture. Qadaadni saanduqichaa muka irraa tolfamee warqiidhaan kan uwwifame utuu hin taʼin, guutummaa guutuutti warqii irraa hojjetame; dheerinnii fi balʼinni qadaadichaa kan saanduqichaa wajjin walqixa dha. Qadaadicha gubbaa, fiixee lamaan qadaadichaa irra kiruubelonni warqii tumame irraa tolfaman lama jiru turan; kiruubelonni kun walitti kan garagalan yeroo taʼu, fuulli isaanii gadi jedhee ture; qoochoowwan isaanii kan ol diriiran yoo taʼu, qoochoowwan sun qadaadicha ni haguugu turan. (Bau 25:10, 11, NW, 17-22; 37:6-9) Qadaadni kun “qadaada araaraa” jedhames ni beekama.—Bau 25:17; Ibr 9:5; QADAADA ARAARAA (PROPITIATORY COVER) isa jedhu ilaali.
(Baʼuu 25:21 dubbisi.)
it-1-E 166 key. 2
Saanduqa Kakuu
Saanduqichi miʼa qulqulluu yaadachiisni ykn dhugaa baatuun keessa kaaʼamu dha; wanti saanduqicha keessa jiru inni guddaan gabateewwan dhugaa baatuu laman ykn Ajajawwan Kurnani. (Bau 25:16) Saanduqa kana keessas ‘okkotee warqii mannaa qabatee fi ulee Aaron inni late’ jira ture; taʼus wantoonni kun yeroo booda manni qulqullummaa Solomoon ijaaramuu isaa dura achi keessaa baafamaniiru. (Ibr 9:4; Bau 16:32-34; Lak 17:10; 1Mo 8:9; 2Se 5:10) Museen duʼuu isaa yeroo muraasa dura, garagalcha “macaafa seeraa” Lewwoota luboota taʼaniif kennee ture; macaafa kanas saanduqicha keessa utuu hin taʼin, ‘dhugaa baʼuuf saanduqa kakuu Waaqayyo gooftaa isaanii’ bira akka kaʼaniif qajeelfama isaaniif kennee ture.—Kes 31:24-26.
(Baʼuu 25:22 dubbisi.)
it-1-E 166 key. 3
Saanduqa Kakuu
Argama Waaqayyoo wajjin kan walqabatu ture. Saanduqni kakuu argama Waaqayyoo wajjin kan walqabatu ture. Yihowaan, “Ani achitti sin arga, teessoo araaraa irraan, Kiruubel lamaan saanduqa dhuga-baatuu irra jiran gidduudhaan . . . sitti nan hima” akkasumas, ‘Ani duumessaan teessoo araaraa sana irratti nan mulʼadha’ jedhee waadaa galeera. (Bau 25:22; Lew 16:2) Saamuʼel waaʼee Yihowaa yeroo barreessu, “Isa teessoon isaa Kiruubel lamaan gidduu ture” jedheera (1Sa 4:4); kiruubelonni kun akeeka konkolaataa Yihowaa bakka buʼu turan. (1Se 28:18) “Museen Waaqayyoo wajjin dubbachuudhaaf dunkaana itti wal gaʼanitti yommuu ol lixe, teessoo araaraa isa saanduqa dhuga-baatuu irra jiru irraa Kiruubel lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu in dhagaʼe; Waaqayyo isatti in dubbate.” (Lak 7:89) Yeroo booda, Iyaasuunii fi Fiinehaas inni Luba Ol Aanaa ture saanduqicha fuulduratti Yihowaa gaafataniiru. (Iya 7:6-10; Abo 20:27, 28) Haa taʼu malee, gara isa Iddoo hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe seenuu kan dandaʼu luba ol aanaa qofa ture; innis waggaatti siʼa tokko seena; kan seenuus Yihowaa wajjin dubbachuuf utuu hin taʼin, sirna Guyyaa Araaraatti raawwatamu raawwachuuf ture.—Lew 16:2, 3, 13, 15, 17; Ibr 9:7.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 25:20 dubbisi.)
it-1-E 432 key. 1
Kiruubel
Miʼawwan godoo qulqullaaʼaa lafa onaatti ijaarame keessatti argaman tokko tokko irratti bifti kiruubelotaa kaafamee ture. Fiixee lamaan qadaada Saanduqichaa irra kiruubelonni warqii tumame irraa tolfaman lama jiru turan. Kiruubelonni kun walitti kan garagalan yeroo taʼu, fuulli isaanii karaa waaqeffachuu argisiisuun gara qadaadichaatti gadi jedhee ture. Lamaan isaanii iyyuu qoochoowwan ol diriiran lama kan qaban yeroo taʼu, qoochoowwan sun qadaadicha ni haguugu turan; kunis eegumsa gochuu argisiisa ture. (Bau 25:10-21; 37:7-9) Kana malees, huccuu dunkaanaa godoo qulqullaaʼaa isa keessaa irrattii fi golgaa Iddoo Qulqulluu Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe irraa adda baasu irratti bifti kiruubelotaa kaafamee ture.—Bau 26:1, 31; 36:8, 35.
(Baʼuu 25:30 dubbisi.)
it-2-E 936
Buddeena Ilaalchaa [Daabboo Ilaalchaa]
Godoo qulqullaaʼaa ykn mana qulqullummaa keessa Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessatti daabboon kudha lama minjaala irra kaaʼama ture; daabboon sunis yeroo hundumaa guyyaa Sanbataatti daabboo hoʼaadhaan bakka buufama ture. (Bau 35:13; 39:36; 1Mo 7:48; 2Se 13:11; Nah 10:32, 33) Jechi Afaan Ibrootaa buddeena ilaalchaa jedhamee hiikame kallattiidhaan yeroo hiikamu “daabboo fuulaa” jechuu dha. Jechi “fuula” argisiisuuf gale yeroo tokko tokko duratti dhihaachuu argisiisa (2Mo 13:23); kanaafuu buddeenni ilaalchaa aarsaa yeroo hundumaa isa dura jiru taʼee fuula Yihowaa duratti dhihaata ture. (Bau 25:30) Buddeenni ilaalchaa “daabboo wal irra tuulamu” (2Se 2:4, NW), akkasumas “daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu” (Mar 2:26; Ibr 9:2) jedhames waamameera.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 25:23-40 dubbisi.)
FULBAANA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 27-28
“Uffata Lubootaa Irraa Maal Barachuu Dandeenya?”
(Baʼuu 28:30 dubbisi.)
it-2-E 1143
Uuriimii fi Tuumiimii
Namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan hedduun Uuriimii fi Tuumiimiin carraawwan buufaman akka taʼan amanu. Hiikkaan Jeemsi Moofaat Baʼuu 28:30 irratti wantoota kana “carraawwan qulqulluu taʼan” jedhee waameera. Namoonni tokko tokko carraawwan kun sadii akka taʼan, isa tokko irratti jechi “eeyyee” jedhu, isa lammaffaa irratti immoo jechi “lakki” jedhu akka barreeffamee fi isa sadaffaa irratti homtuu akka hin barreeffamne yaadu. Wantoonni kunis kan buufaman gaaffii kaʼuuf deebii kennuuf ture; inni homtuu irratti hin barreeffamne garuu deebiin akka hin jirre kan argisiisu dha. Namoonni kaan immoo wantoonni kun dhagaawwan diriiraa karaa tokkon adii karaa kan biraatiin immoo gurraacha taʼan lama akka taʼanitti yaadu. Dhagaawwan kun yommuu buufaman, lamaan isaanii iyyuu karaa isa adii taʼeen yoo mulʼatan “eeyyee” jechuu, karaa isa gurraacha taʼeen yoo mulʼatan “lakki” jechuu, adii fi gurraacha taʼanii yoo mulʼatan immoo deebii hin qabu jechuu ture. Yeroo tokko, Saaʼol lola Filisxeemotaa wajjin gochaa ture itti fufuuf yommuu lubicha gaafatetti, deebiin isaaf kenname hin jiru ture. Yeroo kanatti namoota isaa keessaa namni taʼe tokko cubbuu akka raawwate yaaduudhaan, “Yaa Waaqa Israaʼel, karaa Tuumiimii deebii kenni!” jedhee kadhatee ture. Namoota achi dhaabbatan keessaa Saaʼolii fi Yonaataan erga adda baafamanii booda lamaan isaanii keessaa eenyu akka taʼe beekuuf immoo carraan ni buufame. Seenaa kana irratti kadhannaan “karaa Tuumiimii deebii kenni” jedhu, Tuumiimii fayyadamuun carraa buusuu irraa adda akka taʼe kan argisiisu fakkaata; taʼus haalli kun wantoonni kun lamaan hamma taʼe walitti dhufeenya akka qabanis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.—1Sa 14:36-42, NW.
(Baʼuu 28:36 dubbisi.)
it-1-E 849 key. 3
Adda
Luba Ol Aanaa Israaʼel. Lubni ol aanaa Israaʼel maratni mataa isaa fuulduraan, warqii diriiraa “mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu” qaba ture; innis adda lubichaa irra oola ture; Warqii diriiraa kana irras jechoonni “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhan ‘bocamaniiru.’ (Bau 28:36-38; 39:30, NW) Lubni ol aanaan waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhihaatu irratti bakka buʼaa isa guddaa waan tureef, tajaajilli dhiheessu qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuun isaa baayʼee barbaachisaa ture; barreeffamni adda isaa irra jiru kun tajaajilli Yihowaadhaaf dhiheessan yeroo hundumaa qulqulluu taʼuu akka qabu Israaʼeloota hundumaa kan yaadachiisu ture. Kana malees, tajaajila Yesuus Kiristoos Lubaa Ol Aanaa hundumaa irra caalu taʼuudhaan raawwatu akka gaariitti argisiisa; Yihowaan tajaajila lubummaa, qulqullummaa isaa deggeru kanaaf Yesuusiin muudeera.—Ibr 7:26.
(Baʼuu 28:42, 43 dubbisi.)
Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa
17 Macaafni Qulqulluun, keessumaa yeroo waaqeffannaatti ulfina argisiisuu akka qabnu ibsa. Lallabni 5:1 “Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu!” jedha. Museefi Iyaasuun yommuu bakka qulqullaaʼaa dhaabatanii turan kopheesaanii akka ofirraa baasan abboomamaniiru. (Bau. 3:5; Iya. 5:15) Kana kan godhan ulfina argisiisuuf ture. Israaʼeloonni luboota taʼan “qullaa isaanii dhoksuudhaaf” uffatasaanii jalatti qumxaa quncee talbaarraa tolfame uffachuun dirqamasaanii ture. (Bau. 28:42, 43) Kana gochuunsaanii bakka aarsaatti yommuu tajaajilan qullaansaanii akka hin argamne godha. Miseensonni maatii lubootaa hundi, ulaagaa Waaqayyo ulfinaaf baase eeguu qabu turan.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 28:15-21 dubbisi.)
w12-AM 8/1 26 key. 1-3
Kana Beektaa?
Dhagoonni gati jabeeyyiin korojoo qomaa luba ol aanaa Israaʼel irratti maxxanfaman eessaa argaman?
Israaʼeloonni Gibxiidhaa baʼanii lafa onaa keessa erga seenanii booda, Waaqayyo korojoo qomaa kana akka hojjetan isaan ajajee ture. (Baʼuu 28:15-21) Korojoo qomaa kana irratti dhagoonni ruubii, xophaaziyon, imeraaldi, tarkooyis, safiiros, yaasphis, lesheem, ageet, ametiisxos, kirisoliixos, oniiksii fi jeed jedhaman maxxanfamanii turan. Israaʼeloonni dhuguma dhagoota gati guddaa qaban akkasii argachuu ni dandaʼu turanii?
Bara duriitti namoonni dhagoota gatii guddaa qaban akka qabeenya guddaatti kan ilaalan yeroo taʼu, daldalaaf itti fayyadamu turan. Fakkeenyaaf, Gibxoonni bara durii, biyyoota yeroo ammatti Iraanii fi Afgaanistaan jedhaman (tarii Hindiis) dabalatee iddoowwan fagoo taʼan irraa dhagoota gatii guddaa qaban ni argatu turan. Biyya Gibxii keessattis iddoowwan albuudni itti baafamu keessaa dhagoonni gatii guddaa qaban adda addaa ni argamu turan. Mootonni Gibxii naannoowwan injifatan keessa iddoowwan albuudni itti baʼu ol aantummaadhaan toʼatu turan. Iyoob inni nama amantii taʼe namoonni bara isaa turan dhagoota gatii guddaa qaban barbaaduuf lafa akka qotan dubbateera. Iyoob albuudota lafa jalaa qotamanii baafaman keessaa safiirosii fi xophaaziyoniin maqaadhaan caqaseera.—Iyoob 28:1-11, 19.
Seenaan kitaaba Baʼuu keessatti argamu Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii gadhiisanii baʼanitti qabeenya ‘warra Gibxii akka saaman’ dubbata. (Baʼuu 12:35, 36, NW) Kanaafuu, Israaʼeloonni dhagoota korojoo qomaa luba ol aanaa irratti maxxanfaman kan argatan Gibxiidhaa taʼuu hin oolu.
(Baʼuu 28:38 dubbisi.)
it-1-E 1130 key. 2
Qulqullummaa
Beeladootaa fi Oomisha. Loon, hoolonnii fi reʼoonni jalqaba dhalatanii fi kormaa taʼan Yihowaadhaaf akka qulqulleeffamanitti waan ilaalamaniif, hin furaman ykn wantoota kan birootiin bakka hin buufaman. Aarsaa taʼanii kan dhihaatan yeroo taʼu, foon isaanii irraa hammi tokko luboota qulqulleeffamanitti kennama ture. (Lak 18:17-19) Akkuma aarsaawwanii fi kennaawwan tajaajila godoo qulqullaaʼaatiif qulqulleeffamaniitti, firiiwwan jalqabaa fi kurnoonis qulqulluu dha. (Bau 28:38) Wantoonni Yihowaadhaaf adda baafaman hundi qulqulluu dha; akka laayyootti ilaaluun ykn kaayyoo biraatiif itti fayyadamanii xureessuun hin dandaʼamu. Seerri kurnoo ilaalchisee kenname kanaaf fakkeenya taʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko ykn miseensi maatii isaa tokko qamadii kurnoodhaaf adda baafame irraa utuu hin beekin hamma tokko fudhee nyaataaf utuu bilcheeffatee seera Waaqayyo wantoota qulqulluu taʼan ilaalchisee kenne akka cabsetti ilaalama. Akka seerichi ajajutti namni akkasii wanta sana dhibbeentaa 20 itti dabalee gara godoo qulqullaaʼaatti fiduu qaba; akkasumas korbeessa hoolaa mudaa hin qabne aarsaa godhee dhiheessuu qaba. Akka kanaan wantoota Yihowaadhaaf qulqulleeffamaniif ulfinni guddaan ni kennama ture.—Lew 5:14-16.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 27:1-21 dubbisi.)
FULBAANA 28–ONKOLOOLESSA 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 29-30
“Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
(Baʼuu 30:11, 12 dubbisi.)
it-2-E 764-765
Galmeessuu
Siinaatti. Israaʼeloonni Gibxiidhaa baʼanii waggaa lammaffaatti, waggicha keessaas jiʼa lammaffaatti, yeroo Siinaa keessa buufatanii turanitti Yihowaan yeroo jalqabaatiif sabichi akka galmeeffamu ajajee ture. Hojii kana irratti Musee akka gargaaraniif, qomoo hunda keessaa geggeessitoonni tokko tokko kan filataman yeroo taʼu, qomoo isaanii galmeessu irratti itti gaafatamummaan isaaniif ni kenname. Dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffaman raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluuf gaʼumsa kan qaban yeroo taʼu, akka Seerichi ajajutti namoonni galmeeffaman tajaajila godoo qulqullaaʼaatiif akka ooluuf gibira sheeqelii walakkaa akka kaffalan irraa eegama ture. (Bau 30:11-16; Lak 1:1-16, 18, 19) Lewwoota warra biyyicha keessaa dhaala hin qabne utuu hin dabalatin lakkoofsi namoota galmeeffamanii walumaa galatti 603,550 ture. Lewwoonni gibira godoo qulqullaaʼaa kaffaluunis taʼe raayyaa waraanaa keessa tajaajiluun isaan irraa hin eegamu ture.—Lak 1:44-47; 2:32, 33; 18:20, 24.
(Baʼuu 30:13-15 dubbisi.)
it-1-E 502
Buusii
Seerichi buusiiwwan tokko tokko akka godhaman ni ajaja ture. Yeroo Museen saba Israaʼel lakkaaʼetti, dhiironni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe hundinuu lubbuu isaaniitiif furii akka taʼuuf, “meetii walakkaa sheeqel akka madaallii iddoo qulqullaaʼaa sanaatti” akka kennan ajajamanii turan. Kunis lubbuu isaaniitiif araara argamsiisuuf, akkasumas ‘hojii dunkaana itti wal gaʼanii sana irra akka ooluuf’ ‘kennaa Waaqayyoof kennamu’ ture. (Bau 30:11-16) Joseefas barreessan seenaa Yihudootaa akka ibsetti (The Jewish War, VII, 218 [vi, 6]), yeroo booda ‘gibirri’ qulqulluu taʼe kun waggaa waggaadhaan kaffalamuu jalqabeera.—2Se 24:6-10; Mat 17:24; GIBIRA (TAXATION) isa jedhu ilaali.
(Baʼuu 30:16 dubbisi.)
w11-AM 11/1 12 key. 1-2
Kana Beektaa?
Tajaajila mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti raawwatamaa tureef maallaqni barbaachisu kan argamu akkamitti ture?
Tajaajila mana qulqullummaa keessatti raawwatamu hedduuf maallaqni kan argamu gibira kaffalamu irraa yeroo taʼu, adda durummaadhaan immoo kurnoo sassaabamu irraa ture. Akaakuuwwan gibiraa kan biroonis jiru turan. Fakkeenyaaf, yeroo godoo qulqullaaʼaan ijaaramaa turetti, Yihowaan ‘kennaa Waaqayyoof kennamu’ akka taʼuuf tokkoon tokkoon Israaʼeloota galmeeffaman irraa meetii sheeqelii walakkaa akka sassaabu Museedhaaf qajeelfama kennee ture.—Baʼuu 30:12-16.
Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, tokkoon tokkoon Yihudii waggaa waggaadhaan gibira mana qulqullummaa kana akka kaffalu irraa eegama ture. Yesuus afaan qurxummii keessaa saantima fudhee akka kaffalu Pheexirosiin kan ajaje gibira akkasii ture.—Maatewos 17:24-27.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 29:10 dubbisi.)
it-1-E 1029 key. 4
Harka
Harka Irra Kaaʼuu. Waa qabachuun alattis, kaayyoo adda addaatiif nama ykn miʼa tokko irra harki ni kaaʼama ture. Akka walii galaatti gochi kun nama ykn miʼa sana karaa taʼe tokkoon adda baasuu ykn beekamtii isaaf kennuu argisiisa. Yeroo luboonni muudamanitti, Aaronii fi ilmaan isaa mataa jibichaa fi korbeeyyii hoolaa aarsaa taʼuuf dhihaatanii irra harka isaanii kaaʼanii turan; akkana gochuun isaanii horiiwwan aarsaa taʼanii dhihaatan kun qulqulluu taʼuu isaaniitiif beekamtii kennuu isaanii argisiisa; akka kanaan Aaronii fi ilmaan isaa luboota Yihowaa taʼanii muudamaniiru. (Bau 29:10, 15, 19; Lew 8:14, 18, 22) Museen ajaja Waaqaatiin bakka isaa akka buʼuuf yeroo Iyaasuu muudetti harka isaa isa irra kaaʼee ture; kanaan kan kaʼes Iyaasuun ‘hafuura ogummaatiin waan guutameef’ Israaʼeloota akka gaariitti geggeessuu dandaʼeera. (Kes 34:9) Namoonni eebba tokko akka argataniifis harki isaan irra kaaʼama ture. (Uma 48:14; Mar 10:16) Yesuus Kiristoos namoota tokko tokko yeroo fayyisetti harkaan isaan tuqeera ykn harka isaa isaan irra kaaʼeera. (Mat 8:3; Mar 6:5; Luq 13:13) Namoonni kennaa hafuura qulqulluu akka argataniif ergamoonni harka isaanii isaan irra ni kaaʼu turan.—HoE 8:14-20; 19:6.
(Baʼuu 30:31-33 dubbisi.)
it-1-E 114 key. 1
Dibamuu, Dibuu
Yihowaan seera Museedhaaf kennee irratti akkaataa zayitiin dibataa itti qophaaʼu ilaalchisee qajeelfama isaaf kennee ture. Dibanni kun makaa addaa urgooftuuwwan filatamoo qumbii, qarafaa miʼaawaa, qayya citaa, qaasiyaa fi zayitii ejersaa irraa qophaaʼu ture. (Bau 30:22-25) Namni dibata akkanaa qopheessuu fi kaayyoo kan biraatiif fayyadamu kam iyyuu akka cubbuu guddaa raawwateetti ilaalama ture. (Bau 30:31-33) Kunis mirgi zayitii qulqulluu kana dibuudhaan raggaasifamu iddoo guddaa kan qabuu fi qulqulluu taʼuu isaa argisiisa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 29:31-46 dubbisi.)