MATA DUREE QOʼANNAA 6
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Abbaa Kitaabichaa Maal Nu Barsiisa?
“Dubbii ani sitti himu hundumaa kitaaba irratti barreessi.”—ER. 30:2.
FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha
QABIYYEEa
1. Kitaaba Qulqulluu qabaachuu keetti Yihowaa kan galateeffattu maaliifi?
KITAABA QULQULLUU qabaachuu keenyatti Yihowaa baayʼee galateeffanna! Yihowaan kitaaba kanatti fayyadamee gorsa ogummaarratti hundaaʼee fi rakkoowwan yeroo harʼaatti nu mudatan milkaaʼinaan dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisees abdii dinqisiisaa nuuf kenneera. Kana malees, Yihowaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee waaʼee eenyummaa isaa wantoota baayʼee nuuf ibseera. Amaloota gaggaarii inni qaburratti yeroo xiinxallu garaan keenya waan tuqamuuf caalaatti isatti dhihaachuuf kakaana.—Far. 25:14.
2. Yihowaan namoonni waaʼee isaa akka beekan kan godhe karaawwan kamiini?
2 Yihowaan namoonni akka isa beekan barbaada. Bara duriitti abjuu, mulʼataa fi maleekotatti fayyadamee namoonni waaʼee isaa akka beekan godheera. (Lak. 12:6; HoE. 10:3, 4) Haa taʼu malee, abjuuwwan, mulʼatawwan ykn ergaawwan maleekotarraa dhufan kun yoo barreeffaman malee, namoonni hubachuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan namoonni wanta akka inni beeknu barbaadu “kitaaba irratti” akka barreessan kan godhe kanaafi. (Er. 30:2) “Daandiin Waaqa dhugaa mudaa kan hin qabne” taʼuu isaa waan beeknuuf malli kun baayʼee gaarii fi kan nu fayyadu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 18:30.
3. Yihowaan Kitaabni Qulqulluun hanga harʼaatti akka turu kan godhe akkamitti? (Isaayyaas 40:8)
3 Isaayyaas 40:8 dubbisi. Dubbiin Waaqayyoo waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoota amanamoo taʼaniif qajeelfama gaarii kennaa tureera. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Akkuma beekamu Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduu dura wantoota salphaatti baduu dandaʼanirratti barreeffame; barreeffamoonni jalqabaa kunimmoo yeroo ammaatti hin argaman. Haa taʼu malee, Yihowaan namoonni barreeffamoota qulqulluu kana akka garagalchan godheera. Namoonni barreeffamoota kana garagalchan mudaa kan qaban taʼanis baayʼee of eeggatu turan. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee hayyuun tokko, “Kitaabni bara durii ergaan isaa utuu hin jijjiiramin sirriitti garagalfame kan biraan hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun erga barreeffamee yeroo dheeraan kan darbe, wantoota salphaatti baduu dandaʼanirratti kan barreeffamee fi namoota mudaa qabaniin kan garagalfame taʼus, ergaan yeroo harʼaatti Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnu yaada Yihowaa isa Abbaa kitaabichaa taʼee akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
4 “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa argama. (Yaq. 1:17) Kitaabni Qulqulluun kennaawwan gaggaarii Yihowaan nuu kenne keessaa tokkodha. Kennaan tokko namni kennaa sana nuuf kenne nuunis taʼe wanta nu barbaachisu akka beeku argisiisa. Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu nuu kennee wajjin haala walqabateenis akkasuma. Waaʼee kennaa kanaa yeroo qorru waaʼee Yihowaa wanta baayʼee baranna. Nuunis taʼe wanta nu barbaachisu hammam akka beeku nu hubachiisa. Mata duree kana keessatti Kitaabni Qulqulluun amaloota Yihowaa sadii, jechuunis ogummaa, haqaa fi jaalala isaa ilaalchisee maal akka nu barsiisu ilaalla. Mee jalqaba Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ogeessa taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO OGEESSA AKKA TAʼE MIRKANEESSA
5. Karaan Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ogeessa taʼuusaa itti mirkaneessu inni tokko isa kami?
5 Yihowaan gorsi isaa inni ogummaarratti hundaaʼe akka nu barbaachisu beeka. Kitaabni Qulqulluun inni kennaa isaa taʼemmoo ogummaa isaatiin kan guutamedha. Gorsi Kitaaba Qulqulluu namootarratti dhiibbaa gaarii godha. Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa ni jijjiira. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa yeroo barreeffamanitti Museen Israaʼelota saba Waaqayyoo taʼaniin, “Kun jireenya keessani malee, isiniif dubbii gatii hin qabne miti” jedheera. (Kes. 32:47) Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchan jireenya gammachiisaa fi milkaaʼina qabu jiraachuu dandaʼu. (Far. 1:2, 3) Dubbiin Waaqayyoo erga barreeffamee yeroo dheeraan kan darbe taʼus, ammayyuu jireenya namootaa jijjiiruuf humna qaba. Fakkeenyaaf, mata dureen “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhuu fi jw.org irratti walitti aansee baʼu seenaa jireenyaa namoota 50 olii qabateera; seenaan jireenyaa isaanii Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaattis ‘warra amantoota taʼan keessatti hojjechaa akka jiru’ mirkaneessa.—1 Tas. 2:13.
6. Kitaabni akka Kitaaba Qulqulluu taʼe kan biraan hin jiru kan jennu maaliifi?
6 Kitaabni akka Dubbii Waaqayyoo taʼe kan biraan hin jiru. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Yihowaan inni Abbaa kitaabichaa taʼe Waaqa hundumaa dandaʼu, bara baraaf jiraatuu fi hundumaa caalaa ogeessa taʼedha. Kitaabonni hedduun abbootiin kitaabichaa erga duʼanii boodas dubbifamuu isaanii itti fufu; yeroo booda garuu gorsi isaanii yeroon kan itti darbe taʼa. Haa taʼu malee, qajeelfamoonni ogummaarratti hundaaʼanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman bara baraaf jiraatu, akkasumas namoota bara kamittiyyuu jiraatan ni fayyadu. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu Abbaan kitaabichaa hafuura isaatti fayyadamee gorsa kitaabicha keessatti argamu jireenya keenya keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaara. (Far. 119:27; Mil. 3:16; Ibr. 4:12) Eeyyee, Waaqa jiraataa kan taʼe Yihowaan inni Kitaaba Qulqulluu barreessise nu gargaaruuf fedhii guddaa qaba. Kunimmoo yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf nu kakaasa.
7. Kitaabni Qulqulluun bara duriitti sabni Waaqayyoo tokkummaa akka qabaatan kan godhe akkamitti?
7 Kitaabni Qulqulluun ogummaa Waaqayyoo akka qabate wanti mirkaneessu kan biraanimmoo sabni Waaqayyoo tokkummaa akka qabaatan gochuu isaati. Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte yeroo galanitti bakka garaa garaa buufatan. Isaan keessaa tokko tokko qurxummii kan qaban, kaan beelladoota kan horsiisan, tokko tokkommoo qonnaan bultoota turan. Israaʼelonni naannoo tokko jiraatan waaʼee nageenya Israaʼelota naannoo kan biraa jiraatanii salphaatti yaaduu dhiisuu dandaʼu turan. Taʼus, Yihowaan yeroo garaa garaatti Israaʼelonni Dubbiin isaa yeroo dubbifamuu fi yeroo ibsamu dhaggeeffachuuf akka walitti qabaman qophii godheera. (Kes. 31:10-13; Nah. 8:2, 8, 18) Namni Israaʼel amanamaa taʼe tokko gara Yerusaalem dhufee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kutaa biyyattii garaa garaatii dhufanii yeroo argu miirri akkamii akka isatti dhagaʼamu mee yaadi. Akka kanaan Yihowaan sabni isaa tokkummaa akka qabaatan gargaareera. Yeroo booda gumiin Kiristiyaanaa yeroo hundeeffametti gumichi dhiirotaa fi dubartoota afaan, akkaataa guddinaa fi sadarkaa jireenyaa garaa garaa qaban kan of keessatti qabate taʼe. Taʼus, Kitaaba Qulqulluudhaaf jaalala waan qabaniif, tokkummaadhaan Waaqa dhugaa waaqeffachuu dandaʼaniiru. Namoonni amantoota taʼan Dubbii Waaqayyoo hubachuu kan dandaʼan obboloota isaaniirraa gargaarsa yoo argatanii fi isaanii wajjin yoo walitti qabaman qofa ture.—HoE. 2:42; 8:30, 31.
8. Kitaabni Qulqulluu yeroo harʼaatti sabni Yihowaa tokkummaa akka qabaatan kan gargaare akkamitti?
8 Waaqni keenya inni ogeessa taʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee saba isaa barsiisuu fi tokkummaa akka qabaatan gargaaruu isaa itti fufeera. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa dhugaawwan beekuun nu barbaachisu hunda qabateera. Kitaabni Qulqulluun yeroo dubbifamu, yeroo ibsamuu fi irratti mariʼatamu dhaggeeffachuuf walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoorratti yeroo hunda walitti qabamna. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun meeshaa guddaa Yihowaan sabni isaa “harka wal qabatanii akka isa tajaajilan” gargaaruuf itti fayyadamudha.—Sef. 3:9.
9. Amalli ergaa Kitaaba Qulqulluu hubachuuf barbaachisaa taʼe isa kami? (Luqaas 10:21)
9 Mee ragaa ogummaa Yihowaa argisiisu kan biraa haa ilaallu. Yihowaan kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun karaa namoonni gad of qaban qofti hubachuu itti dandaʼaniin akka barreeffaman godheera. (Luqaas 10:21 dubbisi.) Namoonni bakka hunda jiran Kitaaba Qulqulluu ni dubbisu. Akka hayyuun tokko dubbatanitti Kitaabni Qulqulluun “kitaaba namoonni baayʼeen dubbisan qofa utuu hin taʼin, kitaaba hundumaa caalaa of eeggannoodhaan dubbifamudha.” Wanta inni dubbatu hubachuu fi hojiirra oolchuu kan dandaʼan garuu, namoota gad of qaban qofadha.—2 Qor. 3:15, 16.
10. Karaan Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ogeessa taʼuu isaa itti mirkaneessu kan biraan isa kami?
10 Karaa kan biraatiinis ogummaa Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hubachuu dandeenya. Yihowaan akka gareetti nu barsiisuuf qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti nu barsiisuu fi nu jajjabeessuufis Kitaaba Qulqulluutti ni fayyadama. Hundi keenya Dubbii isaa yeroo dubbisnu Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennu hubachuu ni dandeenya. (Isa. 30:21) Rakkinni tokko yeroo si mudatetti rakkina sana dandamachuuf Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu caqasa sumaaf akka barreeffame sitti dhagaʼame argattee beektaa? Kitaabni Qulqulluun karaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hubachuu dandaʼaniin barreeffame. Maarree, odeeffannoo yeroon itti hin dabarree fi dhuunfaatti si barbaachisu qabachuu kan dandaʼe akkamitti? Kun taʼuu kan dandaʼe Abbaan kitaabichaa ogummaa hundarra caaluu fi adda taʼe waan qabuufi.—2 Xim. 3:16, 17.
KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO HAQA QABEESSA TAʼUU ISAA MIRKANEESSA
11. Waaqayyo Kitaabni Qulqulluun yeroo barreeffametti akka hin loogne kan argisiise akkamitti?
11 Amalli Yihowaan qabu inni kan biraanimmoo haqadha. (Kes. 32:4) Haqni loogiirraa fagaachuu wajjin wal qabata; Yihowaanimmoo matumaa hin loogu. (HoE. 10:34, 35; Rom. 2:11) Kitaabni Qulqulluun afaan bara sanatti namoonni hedduun dubbataniin akka barreeffamu gochuun isaa kana argisiisa. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa 39n harki caalaan isaa Afaan Ibrootaa sabni Waaqayyoo yeroo sanatti salphaatti hubachuu dandaʼaniin barreeffame. Haa taʼu malee, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, namoonni baayʼeen Afaan Giriikii waan dubbataniif kitaabonni Kitaaba Qulqulluu dhumaa 27n afaan kanaan barreeffaman. Yihowaan Dubbiin isaa afaan tokkoon qofa akka argamu hin goone. Yeroo harʼaatti addunyaarra namoonni gara biliyoona saddeetii taʼan afaan garaa garaa dubbatu. Namoonni hamma kana baayʼatan waaʼee Yihowaa barachuu kan dandaʼan akkamitti?
12. Raajiin Daaniʼel 12:4 irratti argamu guyyoota dhumaa kanatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?
12 Yihowaan kitaaba Daaniʼel raajichaarratti bara dhumaatti “beekumsi dhugaan” Kitaaba Qulqulluu ‘akka baayʼatu’ waadaa galeera. Namoonni baayʼeen ni hubatu. (Daaniʼel 12:4 dubbisi.) Beekumsi kun akka baayʼatu wanti gumaacha godhe tokko Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan baayʼinaan hiikamuu, maxxanfamuu fi raabsamuu isaaniiti. Addunyaarratti kitaabni akka Kitaaba Qulqulluu baayʼinaan hiikamee fi raabsame hin jiru. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu dhaabbilee daldalaatiin qophaaʼan yeroo tokko tokko gatiin isaanii baayʼee miʼaadha. Sabni Yihowaa Dubbii Waaqayyoo guutuu isaa ykn gartokkoo isaa afaanota 240 oliin hiikaniiru; namni kamiyyuu kaffaltii malee kitaaba kana argachuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, namoonni saba hundumaa keessaa dhufan dhumni dhufuu isaa dura waaʼee ‘misiraachoo Mootummichaa’ barachaa jiru. (Mat. 24:14) Waaqni keenya inni haqa qabeessa taʼe hamma dandaʼametti namoonni hedduun Dubbii isaa dubbisuudhaan carraa itti isa beekan akka argatan barbaada. Akkas kan godhe hunda keenyayyuu baayʼee waan jaallatuufi.
KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO AKKA NU JAALLATU NUUF MIRKANEESSA
13. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessa kan jennu maaliifi? (Yohaannis 21:25)
13 Kitaabni Qulqulluun amalli Yihowaa inni guddaan jaalala akka taʼe dubbata. (1 Yoh. 4:8) Mee wantoota Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffaman godhee fi wantoota dhiise haa ilaallu. Wantoonni michoota isaa taʼuuf, yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraachuuf, akkasumas gara fuulduraatti jireenya bara baraa argachuuf nu barbaachisan akka barreeffaman godheera. Haa taʼu malee, Yihowaan waan nu jaallatuuf ibsa balʼaa hubachuun nutti ulfaatu nuuf hin kennine.—Yohaannis 21:25 dubbisi.
14. Karaa kan biraan Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo akka nu jaallatu itti nuuf mirkaneessu isa kami?
14 Kana malees, Yihowaan walitti dhufeenya nu wajjin qaburratti akka nu kabaju argisiisuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera. Kitaaba Qulqulluu keessatti seera hedduu jireenya keenya hundumaa toʼatu nuuf hin kennine. Kanaa mannaa, murtoo gaarii akka goonu nu gargaaruuf seenaawwan jireenyaa, raajiiwwan garaa namaa tuqanii fi gorsawwan gaggaarii taʼanitti fayyadama. Karaawwan kanaan Dubbiin Waaqayyoo garaadhaa akka isa jaallannuu fi akka isaaf ajajamnu nu kakaasa.
15. (a) Yihowaan namoota Dubbii isaa dubbisaniif akka yaadu kan argisiise akkamitti? (b) Fakkicharratti intalli xinnoon, obboleessi dargaggeessii fi obboleettii maanguddoon seenaa eenyuufaarratti xiinxalaa jiru? (Uma. 39:1, 10-12; 2 Mot. 5:1-3; Luq. 2:25-38)
15 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Dubbiin isaa seenaawwan miira namaa ibsaniin kan guutamedha. Namoonni seenaan isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame ‘namootuma miira akka keenyaa qaban’ waan taʼaniif, miira isaanii hubachuu ni dandeenya. (Yaq. 5:17) Hunda caalaammoo hariiroo inni namoota akka keenyaa taʼan wajjin qabu ilaaluudhaan “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuu isaa caalaatti hubachuu dandeenya.—Yaq. 5:11.
16. Kitaaba Qulqulluurraa seenaa namoota dogoggora raawwatanii yeroo dubbisnu waaʼee Yihowaa maal baranna? (Isaayyaas 55:7)
16 Kitaabni Qulqulluun jaalala Yihowaan nuuf qabu karaa kan biraatiinis ni ibsa. Waaqni keenya yeroo dogoggora raawwannuttillee akka nu hin dhiisne nuuf mirkaneessa. Israaʼelonni irra deddeebiʼanii Yihowaarratti cubbuu kan raawwatan taʼus, garaadhaa yeroo yaada geddaratanitti dhiifama isaaniif godheera. (Isaayyaas 55:7 dubbisi.) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis Waaqayyo akka isaan jaallatu hubataniiru. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee obboloonni isaa nama cubbuu cimaa hojjechaa turee fi yaada geddarate tokkoof ‘dhiifama akka godhanii fi akka isa jajjabeessan’ isaan gorseera. (2 Qor. 2:6, 7; 1 Qor. 5:1-5) Yihowaan balleessaa waan raawwataniif qofa tajaajiltoota isaa akka hin dhiisne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Yeroo akkasiitti jaalalaan kakaʼee isaan gargaareera, sirreeffama isaaniif kenneera, akkasumas gara isaatti akka deebiʼan isaan affeereera. Yeroo harʼaattis namoota cubbuu hojjetanii yaada geddaratan hundaaf akkas gochuuf waadaa galeera.—Yaq. 4:8-10.
DUBBII WAAQAYYOO ISA ‘KENNAA GAARII’ TAʼEEF IDDOO GUDDAA KENNI
17. Kitaabni Qulqulluun kennaa dinqisiisaadha kan jennu maaliifi?
17 Yihowaan kennaa adda taʼe nuuf kenneera. Dubbiin isaa baayʼee dinqisiisaadha kan jennu maaliifi? Hanga ammaatti akkuma ilaalle Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ogeessa, haqa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa ibsa. Akkasumas Yihowaan akka isa beeknu kan barbaadu taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. Yihowaan michuu isaa akka taanu barbaada.
18. Kitaaba Qulqulluu isa ‘kennaa gaarii’ taʼeef akka galateeffannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Dubbii Waaqayyoo isa ‘kennaa gaarii’ taʼe salphisnee ilaaluu hin barbaannu. (Yaq. 1:17) Kanaafuu, kennaa kanaaf akka galateeffannu argisiisuu keenya itti haa fufnu. Dubbii isaa isa qulqulluu taʼe dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya. Akkas yoo goone Yihowaan inni Abbaa kitaabichaa taʼe carraaqqii keenya akka nuuf eebbisuu fi ‘beekumsa Waaqayyoo akka argannu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Fak. 2:5.
FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame
a Kitaabni Qulqulluun Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaara. Ogummaa, haqaa fi jaalala Waaqayyoo ilaalchisee kitaaba kanarraa maal baranna? Wanti barannu dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabnu akka guddifannuu fi Kitaabni Qulqulluun kennaa Abbaa keenya isa samiirraa nuuf kenname taʼuu isaa hubachuuf nu gargaara.