MATA DUREE QOʼANNAA 36
FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta
“Dubbicha Hojii Irra kan Oolchitan Taʼaa”
“Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, . . . dhagaʼuu qofaan kan of gowwoomsitan hin taʼinaa.”—YAQ. 1:22.
YAADA IJOO
Mata dureen kun fedhii Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf qabnu cimsachuuf qofa utuu hin taʼin, wanta dubbisnerratti yaaduu fi jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuufis nu gargaara.
1-2. Wanti tajaajiltoota Waaqayyoo gammadoo taasisu maalidha? (Yaaqoob 1:22-25)
YIHOWAA fi Ilmisaa jaallatamaan gammadoo akka taanu barbaadu. Barreessaan Faarfannaa 119:2, “Warri yaadachiisawwan isaa eegan, warri garaa isaanii guutuudhaan isa barbaaddatan gammadoo dha” jedheera. Yesuusis, “Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedheera.—Luq. 11:28.
2 Nuti tajaajiltoonni Yihowaa saba gammadoodha. Maaliif? Sababiiwwan hedduu qabna; sababii guddaan tokko yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu keenyadha.—Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.
3. Wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra oolchuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
3 ‘Dubbicha hojii irra kan oolchinu taʼuun’ keenya faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Tokkoffaa, wanta baranne hojiirra oolchuun keenya Yihowaa gammachiisa. Kana beekuun keenyammoo nu gammachiisa. (Lal. 12:13) Wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra yeroo oolchinu, walitti dhufeenyi miseensota maatii keenyaa fi obboloota gumii keenyaa wajjin qabnu ni fooyyaʼa. Atis kana jireenya kee keessatti akka argite hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, rakkina namoota daandii Yihowaa hin hordofnerra gaʼu hedduurraa ni baraaramna. Kanaafuu, wanta Daawit Mootichi dubbaterratti walii galla. Daawit faarfannaasaarratti seera, qajeelfamaa fi murtii Yihowaa erga caqasee booda, “Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa” jedheera.—Far. 19:7-11.
4. Wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra oolchuun yeroo hunda salphaa kan hin taane maaliifi?
4 Dhugaa dubbachuuf, wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra oolchuun yeroo hunda salphaa miti. Hojiin kan nutti baayʼatu taʼus, wanta Yihowaan nurraa barbaadu hubachuu akka dandeenyuuf, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Kanaafuu, yaadawwan dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu. Wanta dubbisnerratti yaaduuf maaltu akka nu gargaaruu fi wanta baranne jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
DUBBII WAAQAYYOO DUBBISUUF YEROO RAMADI
5. Itti gaafatamummaawwan yeroo keenya hedduu fudhatan kamfaʼi?
5 Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun hojiin isaanitti baayʼata. Itti gaafatamummaa garaagaraa raawwachuudhaan yeroo hedduu dabarsu. Fakkeenyaaf, baayʼeen keenya wanta ofii keenyaa fi maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf hojii hojjenna. (1 Xim. 5:8) Kiristiyaanonni hedduun miseensota maatii isaanii warra dhukkubsatan ykn dullooman kunuunsu. Hundi keenyayyuu fayyaa keenya kunuunsuun nu barbaachisa; kunimmoo yeroo barbaada. Itti gaafatamummaawwan kana malees, hojii gumii keessatti hojjennu qabna. Itti gaafatamummaawwan guguddaa qabnu keessaa tokko hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudha. Maarree, itti gaafatamummaa garaagaraa utuma qabduu dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf, wanta dubbisterratti xiinxaluu fi wanta baratte hojiirra oolchuuf yeroo argachuu kan dandeessu akkamitti?
6. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kennuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
6 Kiristiyaana tokkoof “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuudha; kanaafuu, yeroo hunda dursa kennuufii qabna. (Filp. 1:10) Kitaabni Faarfannaa nama gammachuu qabu ilaalchisee, “Seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa” jedha. (Far. 1:1, 2) Ifatti akka hubannutti, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramaduun nu barbaachisa. Maarree, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroon gaarii taʼe yoomi? Yeroon Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf filannu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti guddaan yeroo dhaabbataadhaan dubbisuuf nu dandeessisu filachuu keenyadha. Obboleessi Viiktar jedhamu akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu ganama dubbisuun jaalladha. Ganama hirribaa kaʼuun kan natti ulfaatu taʼus, saʼaatii kanatti wantoonni xiyyeeffannaa koo hihiran hedduun hin jiran. Sammuun koo dammaqaa waan taʼeef, wantan dubbisurratti xiyyeeffachuun natti hin ulfaatu.” Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Tarii, ‘Anaaf yeroon Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf caalaatti gaarii taʼe yoomi?’ jettee of gaafachuu dandeessa.
WANTA DUBBISTURRATTI XIINXALI
7-8. Wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu akka hin arganne wanti gufuu nutti taʼuu dandaʼu maalidha? Fakkeenya kenni.
7 Utuu irratti hin yaadin wanta hedduu dubbisuu akka dandeenyu beekamaadha. Waaʼee wanta tokkoo erga dubbistee booda utuu baayʼee hin turin, maal akka dubbiste yaadachuun sitti ulfaatee beekaa? Hundi keenyayyuu haalli akkasii nu mudata. Kan nama gaddisiisu, dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyarrattis haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Tarii guyyaa guyyaadhaan boqonnaa muraasa dubbisuuf galma baafanneerra taʼa. Kun galma gaariidha. Galma baafachuu fi galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii gochuu qabna. (1 Qor. 9:26) Kitaaba Qulqulluu dubbisuun keenya gaariidha; haa taʼu malee, kun tarkaanfii jalqabaa qofadha. Dubbisa keenyarraa faayidaa guutuu argachuuf wanti gochuun nu barbaachisu kan biraanis jira.
8 Mee fakkeenya kanarratti yaadi: Bishaan bokkaarraa argamu jireenyaaf barbaachisaadha. Bokkaa hedduun takkaatti yoo roobe garuu bishaan lafarra ciisuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti bokkaa hedduun roobuunsaa faayidaa argamsiisu hin qabu. Biyyoon bokkaa roobe ofitti fudhatee biqiltoonni akka irraa fayyadaman gochuuf yeroo barbaada. Haaluma wal fakkaatuun, utuu takka dhaabbannee irratti hin yaadin ariitiidhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuurraa of qusachuu qabna; taʼuu baannaan, wanta dubbisne yaadannee hojiirra oolchuun nutti ulfaata.—Yaq. 1:24.
9. Kitaaba Qulqulluu ariitiidhaan dubbisuu amaleeffanneerra taanaan maal gochuu qabna?
9 Yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu ariitiidhaan dubbistaa? Taanaan, maal gochuu qabda? Suuta dubbisi. Yeroo dubbistu ykn erga dubbistee booda irratti yaaduuf carraaqqii godhi. Kun ulfaataa nutti taʼuu hin qabu. Gorsi akka xiinxallu nuuf kennamu ulfaataa akka taʼe yoo sitti dhagaʼame, xiinxaluun wanta dubbisnurratti yaaduu wajjin tokko akka taʼetti ilaaluu dandeessa. Irratti yaaduu ykn xiinxaluu akka dandeessuuf yeroo qoʼannaadhaan dabarsitu dheeressuu dandeessa. Karaa kan biraatiinimmoo, caqasoota muraasa dubbisuu fi yeroo isa hafe wanta dubbisterratti xiinxaluuf itti fayyadamuu dandeessa. Viiktar inni olitti ibsame akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluurraa wanta gabaabaa taʼen dubbisa; tarii boqonnaa tokko qofa taʼuu dandaʼa. Ganama waanan dubbisuuf, guyyaa guutuu wantan dubbiserratti xiinxaluu nan dandaʼa.” Malli itti fayyadamtu maaliyyuu yoo taʼe, saffisa wanta dubbisterraa faayidaa guutuu argachuuf si dandeessisuun dubbisuun kee gaariidha.—Far. 119:97; saanduqa, “Gaaffilee Irratti Yaaduu Dandeessu” jedhu ilaali.
10. Wanta baratte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu fakkeenyaan ibsi. (1 Tasalonqee 5:17, 18)
10 Caqasoota tokko tokko yeroo dubbistu gorsa argatte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu irratti yaadi. Dubbii Waaqayyoorraa kutaa muraasa erga dubbistee booda, ‘Odeeffannoon argadhe kana amma ykn gara fuulduraatti hojiirra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, 1 Tasalonqee 5:17, 18 dubbisaa akka jirtu godhii yaadi. (Dubbisi.) Caqasoota kana lamaan erga dubbistee booda, takka dhaabbadhuutii hammam irra deddeebitee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu akka dandeessu irratti yaadi. Kana malees, wantoota galateeffachuuf si kakaasanirratti xiinxaluu dandeessa. Tarii wantoota sadii caqastee Yihowaa galateeffachuuf yaadda taʼa. Haala kanaan daqiiqaa muraasaaf wanta dubbisterratti xiinxaluun kee Dubbii Waaqayyoo hubachuu fi hojiirra oolchuuf si gargaara. Guyyaa guyyaadhaan yeroo kutaalee Kitaaba Qulqulluu kan biroo dubbistuttis akkas gochuun kee hammam akka si fayyadu yaadi! Akkas yoo goote wanta Dubbii Waaqayyoorraa barattu hojiirra oolchuu ni dandeessa. Haa taʼu malee, wanti irratti hojjechuu qabdu hedduun akka jiru yoo hubattehoo?
GALMAWWAN BIRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU
11. Yeroo tokko tokko abdii kutachuu kan dandeessu maaliifi? Fakkeenya kenni.
11 Kitaaba Qulqulluu dubbistee wanti fooyyessuu qabdu hedduun akka jiru yeroo hubattu, tarii abdii kutatta taʼa. Fakkeenyaaf, guyyaa tokko Kitaaba Qulqulluurraa yaada loogiirraa akka fagaannu ibsu akka dubbiste godhii yaadi. (Yaq. 2:1-8) Kanaafuu, akkaataa warra kaan itti qabdurratti sirreeffama gochuu akka qabdu waan hubatteef jijjiirama tokko tokko gochuuf murteessite. Kana yaaduun kee baayʼee gaariidha! Guyyaa itti aanutti yaada arraba keenya toʼachuu akka qabnu ibsu dubbiste. (Yaq. 3:1-12) Achiis yeroo tokko tokko wanta gaarii hin taane akka dubbattu hubatte. Kanaafuu, wanta gaarii taʼee fi warra kaan jajjabeessu dubbachuuf carraaqqii gochuuf murteessite. Guyyaa kan biraattimmoo yaada namoota addunyaatti michoomuun balaa akka qabu ibsu dubbiste. (Yaq. 4:4-12) Kanaafuu, wanta ittiin bashannantu yeroo filattu caalaatti of eeggachuun akka si barbaachisu hubatte. Guyyaa arfaffaatti wanti irratti hojjechuu qabdu hedduun akka jiru waan sitti dhagaʼamuuf abdii kutachuu dandeessa.
12. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu keerraa jijjiirama gochuun akka si barbaachisu yoo hubatte abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
12 Wantoota hedduurratti jijjiirama ykn fooyyaʼiinsa gochuun akka si barbaachisu yoo hubatte abdii hin kutatin. Kun garaa gaarii akka qabdu kan argisiisudha. Namni gad of qabuu fi haqaan of gamaaggamu yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisu wantoota irratti hojjechuu qabu argachuuf carraaqqii godha.a “Namummaa haaraa” uffachuun carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu akka gaafatus yaadadhu. (Qol. 3:10) Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuu kee itti fufuuf maaltu si gargaara?
13. Galma bira gaʼuu dandeessu muraasa baafachuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
13 Wanta baratte hunda takkaatti hojiirra oolchuuf yaaluu mannaa, galma bira gaʼuu dandeessu muraasa baafadhu. (Fak. 11:2) Akkana gochuuf yaali: Wantoota irratti hojjechuun si barbaachisu erga galmeessitee booda wanta jalqaba irratti hojjettu tokko ykn lama filadhu; warra hafanimmoo yeroo biraa irratti hojjechuu dandeessa. Maalirraa jalqabuu dandeessa?
14. Galma isa kamirraa jalqabuu dandeessa?
14 Galma irra gaʼuun siif salphaturraa jalqabuu dandeessa. Tariimmoo wanta caalaatti fooyyessuun si barbaachisurratti hojjechuuf filachuu dandeessa. Galma kee erga adda baafattee booda, barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhi; tarii Laayibrarii Intarneetiirraa ykn Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fayyadamuu dandeessa. “Fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13) Achiis wanta baratte hojiirra oolchuuf yaali. Galma kee isa jalqabaarra gaʼaa akka jirtu yeroo hubattu galma kee isa kaanirra gaʼuufis carraaqqii gochuuf kakaata. Gama taʼe tokkoon jijjiirama gochuu ykn amala kee tokko fooyyessuu akka dandeesse yeroo hubattu, jijjiirama gochuu kee itti fufuuf kakaata; kunimmoo fooyyaʼiinsa dabalataa gochuun akka siif salphatu godha.
DUBBIIN WAAQAYYOO ‘SI KEESSATTI HAA HOJJETU’
15. Sabni Yihowaa namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisan hedduurraa adda kan taʼan akkamitti? (1 Tasalonqee 2:13)
15 Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu siʼa hedduu akka dubbisan dubbatu. Garuu dhuguma Kitaaba Qulqulluutti ni amanuu? Wanta dubbisan hojiirra oolchuudhaan jireenyasaanii akka jijjiiru ni heyyamuu? Kan nama gaddisiisu, yeroo baayʼee akkas hin godhan. Sabni Yihowaa garuu kanarraa baayʼee addadha! Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Kitaaba Qulqulluu “akka dubbii Waaqayyootti [fudhanna]; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.” Hunda caalaammoo, jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf wanta dandeenyu hunda goona.—1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.
16. Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuuf maaltu nu gargaara?
16 Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi wanta baranne hojiirra oolchuun yeroo hunda salphaa miti. Yeroo itti dubbisnu argachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Yookiin wanta dubbisnerratti utuu hin yaadin ariitiidhaan dubbisna taʼa. Tariimmoo gama hedduutiin fooyyaʼiinsa gochuun akka nu barbaachisu yeroo hubannu abdii kutanna taʼa. Rakkinni gama kanaan si mudatu maaliyyuu yoo taʼe, wanta furmaata argachuu hin dandeenye miti. Gargaarsa Yihowaatiin moʼuu ni dandeessa. Kanaafuu, Dubbicha dhageenyee kan irraanfannu utuu hin taʼin, gargaarsa Waaqayyoo fudhachuudhaan hojiirra kan oolchinu taʼuuf haa murteessinu. Dubbii Waaqayyoo dubbisnee hammuma jireenya keenya keessatti hojiirra oolchine, gammachuun keenyas hammasuma akka dabalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:25.
FAARFANNAA 94 Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna
a Viidiyoo Hiriyoonni Kee Maal Jedhu?—Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu jedhamu jw.org irraa ilaali.