LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Harʼa

Roobii, Hagayya 5

Qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan . . . jabaadhaa dhaabbadhaa.—Efe. 6:14, 15.

Sabni Yihowaa dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu baayʼee jaallatu. Amantiin keenya kan hundaaʼe dhugaa kanarrattidha. (Rom. 10:17) Yihowaan gumii Kiristiyaanaa “utubaa fi deggertuu dhugaa” godhee akka ijaare ni amanna. (1 Xim. 3:15) Seexanni amanannaa Kitaaba Qulqulluu fi qajeelfama jaarmiyaa Waaqayyoorratti qabnu nu dhabsiisuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. (Efe. 4:14) Diyaabilos yeroo dhihootti saboota hunda dogoggorsuudhaan Yihowaa mormanii akka dhaabbatan gochuuf olola cimaa taʼetti fayyadama. (Mul. 16:13, 14) Seexanni saba Yihowaa dogoggorsuuf caalaatti carraaqqii akka godhus ni eegna. (Mul. 12:9) Garaa garummaa dhugaa fi soba gidduu jiru beekuun, akkasumas dhugaadhaaf ajajamuu barachuun kan nu barbaachisu kanaafi. (Rom. 6:17; 1 Phe. 1:22) Rakkina guddaarraa ooluu kan dandeenyu akkas yoo goonedha! w24.07 8 key. 1-3

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Kamisa, Hagayya 6

Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti.—Kes. 30:11.

Yihowaan saba Israaʼel yeroo gurmeessetti isaan wajjin kakuu galee, jechuunis walii galtee godhee ture. Isaan seerasaatiif yoo ajajaman innis isaan eega, akkasumas isaan eebbisa. Waaqolii kan biroo waaqeffachuuf filachuudhaan yoo isarratti fincilan garuu, eebbasaa isaan dhowwata, akkasumas ni rakkatu. Taʼus, sana boodallee deebiʼanii Waaqayyo biratti fudhatama argachuu ni dandaʼu. ‘Gara Waaqa isaanii Yihowaatti deebiʼuu fi sagalee isaa dhagaʼuu’ ni dandaʼu. (Kes. 30:1-3, 17-20) Jechuunis, yaada geddarachuu ni dandaʼu. Akkas yoo godhan, Yihowaan isaanitti dhihaata, akkasumas deebiʼee isaan eebbisa. Sabni Yihowaan filate kun irra deddeebiʼee isarratti fincileera. Kanaan kan kaʼes sabichi rakkinarra buʼeera. Taʼus, Yihowaan abdii isaanitti hin kutanne. Yaada akka geddaratanii fi garasaatti akka deebiʼan isaan jajjabeessuuf irra deddeebiʼee raajotasaa gara isaanitti ergeera.—2 Mot. 17:13, 14. w24.08 9 key. 4-5

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Jimaata, Hagayya 7

Gumii Yerusaalem keessa jiru irratti ariʼatamni guddaan ni kaʼe.—HoE. 8:1.

Kiristiyaanonni Ibrootaa Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiraatan waggoota Yesuus erga duʼee booda turanitti haalli rakkisaa hedduun isaan mudateera. Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee utuma baayʼee hin turin ariʼatamni cimaan ni kaʼe. Gara waggaa 20 boodammoo, beela biyyattii keessatti uumamee tureen kan kaʼe duuka buutota Kiristoos rakkinni diinagdee cimaan mudateera. (HoE. 11:27-30) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61tti garuu, Kiristiyaanonni ariʼatama gara fuulduraatti isaan mudatu wajjin yeroo walbira qabamu hamma tokko nagaa argatanii turan. Yeroo sanatti Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa isaaniif barreesseera; xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture. Nagaan Kiristiyaanonni yeroo sanatti argatan yeroo dheeraa waan hin turreef xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture. Phaawulos gorsa gaarii rakkina isaan mudachuuf jedhu akka dandamatan isaan gargaaru isaaniif kenneera. w24.09 8 key. 1-2

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi