LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Harʼa

Kamisa, Onkoloolessa 8

Maariyaam ishiin Magdalaa dhuftee, “Ani Gooftaa argeera!” jettee oduu kana barattootatti himte.—Yoh. 20:18.

Niisaan 16 ganama barii dubartoonni amanamoon muraasni bakka reeffi Yesuus kaaʼamee ture dhaqan. (Luq. 24:1, 10) Mee dubartoota kana keessaa wanta Maariyaam ishii Magdalaa muudate haa ilaallu. Maariyaam yeroo achi geessu bakki awwaalchaasaa duwwaa ture. Achiis fiigdee gara Pheexirosii fi Yohaannis dhaqxee waaʼee kanaa isaanitti himte; yommuu isaan fiiganii gara bakka awwaalchaa sana deeman ishiinis isaan duukaa buute. Pheexirosii fi Yohaannis iddoon awwaalchaa sun duwwaa taʼuusaa yommuu argan gara manaatti deebiʼan. Maariyaam garuu hin deebine. Achuma teessee booʼaa turte. Yeroo kanatti ishiin beekuu baattus Yesuus ishii ilaalaa ture. Yesuus imimmaan dubartiin amanamtuun kun dhangalaastu yeroo argu garaansaa baayʼee tuqame. Kanaafuu, ishiitti mulʼatee wanta salphaa garuummoo baayʼee ishii jajjabeessu tokko godhe. Misiraachoo akka inni duʼaa kaʼe ibsu obbolootasaatti akka himtu ishii erguudhaan hojii barbaachisaa taʼe tokko ishiidhaaf kenne.—Yoh. 20:17, 18. w24.10 13 key. 7

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Jimaata, Onkoloolessa 9

Biyya Gibxii [keessatti] mallattoowwanii fi dinqiiwwan hedduu nan raawwadha.—Bau. 7:3.

Museen raajii, abbaa murtii, ajajaa fi barreessaa seenaa taʼee tajaajileera. Saba Israaʼel garbummaa Gibxii jalaa baaseera, dinqiiwwan Yihowaan raawwate hedduus ijasaatiin argeera. Yihowaan kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan, Faarfannaa 90 fi tariimmoo Faarfannaa 91 barreessisuuf isatti fayyadameera. Kitaaba Iyyoobis kan barreesse isa taʼuu hin oolu. Museen duʼuusaa yeroo muraasa dura, umuriisaa waggaa 120tti, wantoota arganii fi Yihowaan isaaniif godhe isaan yaadachiisuuf Israaʼelota hunda walitti qabee ture. Namoonni kun mallattoowwanii fi dinqiiwwan Yihowaan raawwates taʼe murtii inni Gibxiirratti dabarse arganiiru. (Bau. 7: 4) Galaanni Diimaa bakka lamatti hiramee keessa darbaniiru, raayyaan Faraʼoon yeroo balleeffamus arganiiru. (Bau. 14:29-31) Lafa onaa keessatti eegumsaa fi kunuunsa Yihowaa argataniiru. (Kes. 8:3, 4) Amma yeroo sabichi Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qophaaʼee turetti Museen carraa dhumaa kanatti fayyadamee sabicha jajjabeesseera. w24.11 8-9 key. 3-4

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Sanbadduraa, Onkoloolessa 10

Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata; nyaanni ani kennu immoo foon koo isa ani addunyaan jireenya akka argatuuf kennu dha.—Yoh. 6:51.

Wanti Yesuus Irbaata Gooftaarratti ergamoota isaatti dubbate yaada balʼaa isa inni namoota Galiilaatti walitti qabamanitti dubbaterraa faallaadha. Yesuus Dh.K.B. bara 32tti yeroo Galiilaa keessa turetti, dubbachaa kan ture Yihudoota daabboo akka isaaniif kennu barbaadanittidha. Namoonni sun wanta nyaata foonii caalaa barbaachisaa taʼerratti akka xiyyeeffatan barbaadee ture. Innis qophii jireenya barabaraa isaaniif argamsiisuu dandaʼudha. Yesuus namoonni duʼan guyyaa dhumaatti duʼaa kaʼanii barabaraaf jiraachuu akka dandaʼanis dubbateera. Akka Irbaata Gooftaarratti dubbatetti, yeroo kanatti kan dubbate waaʼee eebba namoonni muraasni qofti argatanii miti. Kanaa mannaa, eebba namoonni hundi argachuu dandaʼanirratti xiyyeeffateera. w24.12 11 key. 10-11

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi