KUTAA DABALATAA
Guyyaan Firdii Maalidha?
GUYYAA Firdii yeroo jedhamu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Namoonni baay’een Guyyaa Firdiitti lubbuun biliyoonaan lakkaa’amu tokko tokkoon teessoo Waaqayyoo duratti dhihaata jedhanii yaadu. Boodas namoota hundumaarratti firdiin ni faradama. Namoonni tokko tokko gara samii dhaqanii jannata kan galan yeroo ta’u, warri kaanimmoo dhiphina bara baraatu itti faradama jedhu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun yeroo kana ilaalchisee yaada kanarraa adda ta’e dubbata. Akka Sagaleen Waaqayyoo ibsutti, guyyaan firdii yeroo nama sodaachisu utuu hin ta’in yeroo abdiidhaan eegamuufi haarominni itti raawwatamudha.
Yohannis Guyyaa Firdii ilaalchisee Mul’ata 20:11, 12rratti akkas jedha: “Kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taa’e nan arge; laftii fi waaqni fuula isaa duraa in baqatan, iddoonis isaaniif hin argamne. Warra du’anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du’an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, ykn [akka hiika Macaafa Qulqulluu hiika bara 1899tti ‘warri du’anis faradamanii macaafota keessatti akkuma caafamee ture akka hojiisaaniitti’] akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” Abbaan firdii caqasa kanarratti ibsame eenyudha?
Ilmaan namootaarratti faraduuf mirga hundaa caalu kan qabu Yihowaadha. Haata’u malee hojii firdii kana nama garabiraadhaaf kenneera. Akka Hojii Ergamootaa 17:31rratti ibsametti Phaawulos ergamaan, Waaqayyoo karaa “harka nama fo’ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa’eera” jechuudhaan dubbateera. Akka faraduuf kan muudame kun Yesus Kiristos isa du’aa ka’edha. (Yohannis 5:22) Haata’u malee, Guyyaan Firdii kan jalqabu yoomi? Kan turuhoo yeroo hammamiitiifi?
Macaafni Mul’ataa Guyyaan Firdii kan jalqabu sirni Seexanaa inni biyya lafaarratti argamu waraana Armaagedooniin erga balleeffamee booda ta’uusaa dubbata.a (Mul’ata 16:14, 16; 19:19–20:3) Armaagedoon booda Seexanniifi ergamoonnisaa waggaa kuma tokkoof iddoo isa lafa jalaatti hidhamu. Yeroo sanatti, namoonni samii dhaalan 144,000 abbootii firdiifi mootota ta’anii “waggaa kuma tokkoof Kristosii wajjin in mo’an.” (Mul’ata 14:1-3; 20:1-4; Roomaa 8:17) Guyyaan Firdii sa’aatii 24 qofa kan turuufi hatattamaan kan raawwatamu utuu hin ta’in waggaa kuma tokkoof kan turudha.
Bulchiinsa waggaa kuma tokkootti, Yesus ‘warra jiranii fi warra du’anitti farada.’ (2 Ximotewos 4:1) “Warra jiran” kan jedhaman “tuuta sonaan baay’ee” Armaagedoonirraa oolanidha. (Mul’ata 7:9-17) Kana malees, Yohannis ‘Warri du’an teessicha dura utuu dhaabatanii’ argeera. Akka Yesus waadaa galetti, ‘warri du’anii awwaalaman sagalee isaa [Yesus] yeroon itti dhaga’anii’ du’aa ka’an ni dhufa. (Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15) Haata’u malee hundasaanirratti kan faradamu maalirratti hundaa’ameeti?
Mul’ata Yohannis argerratti, ‘macaafni kan baname’ yeroo ta’u “Warri du’anis faradamanii macaafota keessatti caafamee akkuma ture akka hojiisaaniitti” Macaafonni kun gochawwan kanaan dura namoonni hojjetan kan irratti barreeffamedhaa? Lakki. Firdiin kan kennamu gochawwan namoonni kanaan dura hojjetanirratti hundaa’uudhaan miti. Kana beekuu kan dandeenyu akkamitti? Macaafni Qulqulluun: “Namni yommuu du’u humna cubbuu jalaa in ba’a” jechuudhaan dubbata. (Roomaa 6:7) Kanaafuu, namoonni kun kan du’aa ka’an cubbuunsaanii inni duraa isaaniif haqameeti. Waan kana ta’eefis macaafichi qajeelfama Waaqayyo gara fuulduraatti baasu kan argisiisu ta’uu qaba. Namoonni Armaagedoonirraa oolanis ta’e namoonni du’aa ka’an bara baraaf jiraachuu akka danda’anitti, ulaagaalee Yihowaan waggaa kuma tokko keessatti baasu dabalatee abboommiiwwan Waaqayyoo hundaa eeguu qabu. Kanaafuu, namootaaf firdiin kan kennamu gocha isaan Guyyaa Firdii keessatti hojjetanirratti hundaa’uudhaanidha
Guyyaa Firdiitti, namoonni biliyoonaan lakkaa’aman yeroo jalqabaatiif waa’ee jaalala Waaqayyoo barachuufi jaalalasaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraan isaaniif banama. Kana jechuunis hojiin barsiisuu bal’inaan ni raawwatama jechuudha. Dhugumayyuu, “warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.” (Isaayaas 26:9) Haata’u malee, haala jaalala Waaqayyoo wajjin wal simuun kan jiraachuu barbaadan namoota hundaa miti. Isaayaas 26:10 akkas jedha: “Warri jal’oonni faara tolaadhaan yoo ilaalaman, qajeelummaan maal akka ta’e hin baran; isaan biyya qajeelummaadhaan keessatti hojjetamutti iyyuu jal’ina in hojjetu, surraa Waaqayyoos hin argan.” Namoonni jal’oonni kun Guyyaa Firdiitti bara baraaf balleeffamu.—Isaayaas 65:20.
Namoonni Guyyaa Firdiitti badiisarraa oolan gonkummaa argatanii jireenya gammachuu qabu argatu. Kanaafuu, Guyyaa Firdiitti ilmaan namootaa gonkummaa kanaan duraa deebisanii argatu. (1 Qorontos 15:24-28) Itti aansees qorumsa dhumaatu itti fufa. Seexanni bakka itti hidhamee hiikamuudhaan ilmaan namootaa wallaalchisuuf carraaqqii akka godhuuf carraan dhumaa ni kennamaaf. (Mul’ata 20:3, 7-10) Namoonni Seexana morman abdiin Macaafa Qulqulluu: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedhu guutummaatti isaaniif raawwatama. (Faarfannaa 37:29) Eyyee, Guyyaan Firdii namoota amanamoo ta’an hundaaf eebba guddaa argamsiisa!
a Armaagedooniin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa Kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Hubachuu jedhamu, Jildii 1, fuula 594-595, 1037-1038, fi kitaaba Waaqa Dhugaa Waaqeffadhu jedhamu boqonnaa 20 ilaali. Kitaabonni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’anidha.