Boqonnaa Sagal
Jajjabina Abdiin Du’aa Ka’uu Namaaf Argamsiisu
1. Abdiin du’aa ka’uu utuu hin jiru ta’ee haalli namoota du’anii maal ta’a ture?
NAMA jaallattu du’aan dhabdeettaa? Utuu du’aa ka’uun hin jiru ta’ee namoota du’an lammata arguun hin danda’amu ture. Namoonni du’an haala Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibse ta’anii hafu turan: “Warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, . . . Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana [iddoo awwaalchaa], hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”—Lallaba 9:5, 10.
2. Du’aa ka’uun abdii gaariin akkamii akka jiraatu godheera?
2 Yihowaan gaarummaasaatiin namoonni lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne du’aa ka’anii jireenya barabaraa akka argataniif carraa guddaa isaanii baneera. Kanaafuu, atis gaaf tokko addunyaa haaraa keessatti firoottankee du’aan dhabdee wajjin wal arguuf abdii qabda jechuudha.—Maarqos 5:35, 41, 42; Hojii Ergamootaa 9:36-41.
3. (a) Du’aa ka’uun, kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu kan godhu karaawwan kamiini? (b) Abdiin du’aa ka’uu, keessumaa yeroo akkamiitti nu jajjabeessuu danda’a?
3 Abdii du’aa ka’uu waan qabnuuf du’a hin sodaannu. Yihowaan, Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ta’anirra barabaraaf utuu miidhaa hin geessisin, himata inni “namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan dhiheesse akka mirkaneessu heyyamuu danda’a. (Iyoob 2:4) Yesus hanga du’aatti abbaasaatiif amanamaa waan tureef, Waaqayyos du’aa isa kaasuudhaan samiirra akka jiraatu isa godheera. Kanaafuu, Yesus gatii aarsaa lubbuusaa, jechuunis wanta lubbuu keenya baraarsuu danda’u teessoo Abbaasaa duratti dhiheessuu danda’eera. Warri Kiristosii wajjin bulchaniifi “karra xinnayyoo” jedhamanis du’aa ka’anii Mootummaa samiirratti isaa wajjin tokko ta’u. (Luqaas 12:32) Warri kaanimmoo du’aa ka’anii lafa jannata taaturra bara baraan jiraatu. (Faarfannaa 37:11, 29) Kiristiyaanonni hundi, rakkinni du’aaf isaan saaxilu yeroo isaan mudatu, abdiin du’aa ka’uu humna “humna gararraa” isaaniif kenna.—2 Qorontos 4:7.
Du’aa Ka’uun Amantaa Kiristiyaanummaatiif Bu’uura Kan Ta’e Maaliifi?
4. (a) Du’aa ka’uun ‘barumsa jalqabaa’ kan ta’e akkamitti? (b) Du’aa ka’uu ilaalchisee namoonni addunyaa kanaa hedduun ilaalcha akkamii qabu?
4 Akkuma Ibroota 6:1, 2rratti ibsametti, du’aa ka’uun ‘dubbii [barumsa] jalqabaati.’ Hundee barumsa amantii keessaa tokko yeroo ta’u, barumsa kana malee Kiristiyaanota ga’eessota ta’uu hin dandeenyu. (1 Qorontos 15:16-19) Haata’u malee, du’aa ka’uu ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu ilaalcha biyya lafaarraa addadha. Namoonni hedduun jireenya hafuuraa waan hin qabneef, jireenya isa ammaa akka jireenya isa dhugaatti ilaalu. Kanaan kan ka’es jireenya gammachuu qabu jiraachuuf carraaqu. Namoonni amantii Saba Kiristiyaanaa keessattis ta’e isheedhaa alatti amantii garabiraa hordofan lubbuu hin duune qabna jedhanii yaadu. Haata’u malee, namoonni lubbuu hin duune qabu taanaan du’aa ka’uun gatii kan hin qabne waan ta’uuf, amantaan akkasii barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessa. Yaadawwan wal faallessan kana araarsuuf yaalii gochuun, abdii namaaf argamsiisuu mannaa caalaatti dalga namatti ta’a. Kana ilaalchisee, namoota dhugaasaa baruu barbaadaniifi garaa qajeelaa qaban gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
5. (a) Namni tokko waa’ee du’aa ka’uu barachuusaa dura maal barachuu qaba? (b) Lubbuun maal akka taateefi namoonni du’an haala akkamii keessatti akka argaman ibsuuf caqasawwan kamfa’iin gargaaramta? (c) Namni tokko hiika Macaafa Qulqulluu waa’ee du’aa ka’uufi waa’ee lubbuu akka gaariitti hin ibsineen kan fayyadamu yoo ta’e maal gochuutu danda’ama?
5 Namoonni kun du’aa ka’uun qophii gaarii akka ta’e hubachuusaanii dura, lubbuu jechuun maal jechuu akka ta’eefi namoonni du’an haala akkamii keessatti akka argaman hubachuu isaan barbaachisa. Yeroo baay’ee nama dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hubachuu barbaadu tokkoof caqasawwan muraasa caqasuu qofti ga’aa ta’uu danda’a. (Uumama 2:7, 1899; Faarfannaa 146:3, 4; Hisqi’el 18:4) Haata’u malee, hiikni Macaafa Qulqulluu yeroo ammaatti argaman tokko tokko lubbuu ilaalchisee dhugaan jiru akka dhokatu godhaniiru. Kanaafuu, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffame caqasoota kana ilaalchisee maal akka jedhu qoruun barbaachisaa ta’uu danda’a.
6. Namni tokko lubbuun maal akka taate akka hubatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
6 Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa, jecha afaan Ibrootaatiin nafeesh jedhuufi afaan Giriikiitiin pisihii jedhu bakka hundaatti “lubbuu” jedhee waan ibsuuf jecha kana hubachuuf nu gargaara. Bakka jechoonni kun itti argaman ilaalchisee dhuma Macaafa Qulqulluu kanarratti caqasawwan hedduun kennamaniiru. Hiikni Macaafa Qulqulluu garabiraa baay’een jechoota Macaafa Qulqulluu jalqabaarratti argaman kana “lubbuu” qofa utuu hin ta’in “uumama,” “nama,” akkasumas “jireenya” jechuudhaan hiiku. Jecha “lubbuu koo” jedhu “ana”, jecha “lubbuu kee” jedhummoo “si’i” jechuudhaan hiiku. Namoonni garaa qajeelaa qaban, Macaafa Qulqulluu hiika addaddaatiin qophaa’an Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa wajjin waliin ilaaluunsaanii, jechi “lubbuu” jedhuufi afaan jalqabaatiin barreeffame namootaafis ta’e bineensotaaf akka hojjetu hubachuuf isaan gargaaruu danda’a. Jechoonni kun, gonkumaa lubbuun kan ijaan hin argamne, kan hin qabamneefi du’a booda foonirraa gargar baatee bakka biraa jiraachuu kan itti fuftu ta’uushee hin dubbatan.
7. Macaafa Qulqulluudhaan gargaaramtee haala namoonni Sii’ol, Hedeesiifi Gahaannam keessa jiran keessatti argaman akkamitti ibsita?
7 Haaluma wal fakkaatuunis, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa jecha afaan Ibrootaatiin “Shii’ol” jedhu shii’ol jedhee kan hiiku yeroo ta’u, jechoota afaan Giriikiitiin “Hedees” yookiin “Geheenaa” jedhamanimmoo hedeesiifi geheenaa jedhee kallattiidhaan kaa’eera. (Faarfannaa 16:10, 1899; Hojii Ergamootaa 2:27 1899) Jechi “Shii’olii” fi “Hedees” jedhu hiika tokko qaba. Macaafni Qulqulluun iddoon lafa jalaa [Sii’ol] bakka namoonni du’an itti awwaalaman malee, bakka namoonni itti jiraatan ta’uusaa hin ibsu. (Faarfannaa 89:48; Mul’ata 20:13, NW) Kana malees, Caaffanni Qulqullaa’aan namoonni du’an abdii bakka awwaalchaa kana keessaa ka’uu akka qaban ibsa. (Iyoob 14:13, 1899; Hojii Ergamootaa 2:31, 1899) Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo namoonni Qilillee [Gahaannamiin] dhaqan gara fuulduraatti abdii jireenya argachuu akka hin qabne kan ibsu yeroo ta’u, gonkumaa lubbuun achi keessa jiraatti jedhee hin dubbatu.—Maatewos 10:28, 1899.
8. Namni tokko waa’ee du’aa ka’uu hubannaa sirrii ta’e argachuunsaa ilaalchaafi gochasaarratti jijjiirama kan fidu akkamitti?
8 Yaadawwan kana karaa namaa galuun yoo ibsine, namni tokko du’aa ka’uun hiika maalii akka isaaf qabu hubachuu danda’a. Yihowaan jaalalaan kaka’ee qophii dinqisiisaa akkasii gochuusaatti isa galateeffachuu danda’a. Namoonni firoottansaanii du’aan dhabuudhaan gaddan, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti isaan argachuuf hawwiidhaan eeggachuunsaanii gaddasaanii isaaniif hir’isuu danda’a. Kana malees, namni tokko faayidaa duuti Kiristos argamsiise hubachuuf jalqaba wantoota kana hubachuunsaa barbaachisaadha. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, Yesus Kiristos du’aa ka’uunsaa amantaa Kiristiyaanummaatiif bu’uura ta’uusaafi namoonni kaanis akka du’aa ka’an karaa kan isaaniif bane ta’uusaa hubatanii turan. Yesus du’aa ka’uusaafi kunis abdii akkamii akka argamsiisu hinaaffaadhaan lallabaniiru. Kanaafuu, namoonni waa’ee du’aa ka’uu akka gaariitti hubataniifi dinqisiifatan hundi, dhugaa kana warra kaanitti himuuf hawwii guddaa qabu.—Hojii Ergamootaa 5:30-32; 10:42, 43.
Furtuu ‘Balbala Warra Du’aniitti’ Fayyadamuu
9. Yesus ‘balbala iddoo warra du’anii [Sii’oliin] banurratti gooftummaa’ qabu jalqabarratti kan itti fayyadamu akkamitti?
9 Namoonni Mootummaasaa isa samiirratti Kiristosii wajjin mootota ta’an gara samii utuu hin dhaqin dura du’uu qabu. Haata’u malee, Yesus akka armaan gadiitti jechuudhaan waadaa akka isaaniif gale beeku: “Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii [Sii’oliin] banu irrattis ani gooftummaa qaba.” (Mul’ata 1:18) Yesus maal jechuusaa ture? Innis du’ee waan tureef, muuxannoo mataasaa dubbachuusaa ture. Haata’u malee, Waaqayyo iddoo warra du’aniitti [Sii’ol] keessatti isa hin dhiisne. Yihowaan guyyaa sadaffaatti qaama hafuuraa kennee du’aa isa kaasuudhaan jireenya hin duune isaaf kenneera. (Hojii Ergamootaa 2:32, 33; 10:40) Kana malees, Yesus namoota du’an du’aa akka kaasuufi rakkoowwan karaa cubbuu Addaam nutti dhufanirraa akka nu furu Waaqayyo ‘balbala iddoo warra du’anii [Sii’oliin] banurratti gooftummaa’ isaaf kenneera. Yesus Sii’olirratti gooftummaa waan qabuuf, duuka buutotasaa warra amanamoo ta’an du’aa kaasuu ni danda’a. Jalqabarratti, akkuma abbaansaa jireenya hin duune isaaf kenne, innis Kiristiyaanota warra dibamoo du’aa kaasuudhaan samiirratti jireenya kana isaaniif kenna.—Roomaa 6:5; Filiphisiiyus 3:20, 21.
10. Kiristiyaanonni dibamoon du’aa kan ka’an yoomi?
10 Dibamtoonni amanamoon samiirra jiraachuuf kan du’aa ka’an yoomi? Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uun kun jalqabamuusaa dubbata. Phaawulos, namoonni kun ‘argamuu Kiristositti’ du’aa akka ka’an dubbateera. Kunimmoo kan jalqabe yeroo inni aangoo mootummaasaa qabatetti, jechuunis bara 1914tti ta’uusaa hubanna. (1 Qorontos 15:23) Dibamtoonni amanamoon yeroo ammaatti du’an, hanga Gooftaansaanii dhufutti du’anii hin turan. Battaluma du’anitti qaama hafuuraa uffachuudhaan ‘liphsuu ijaa gidduutti geddaramu.’ ‘Iji hojiisaanii isaan duukaa waan bu’uuf’ gammachuu hangana hin jedhamne argatu.—1 Qorontos 15:51, 52; Mul’ata 14:13.
11. Namoonni hedduun du’aa ka’uu akkamii argatu? Kunoo yoom jalqabama?
11 Haata’u malee, kan du’aa ka’an namoota samiirratti Kiristosii wajjin Mootota ta’an qofa miti. Mul’ata 20:6rratti kun “du’aa ka’uu isa duraa” waan jedhameef du’aa ka’uun isatti aansee raawwatamu akka jiru argisiisa. Namoonni du’aa ka’uu isa lammaffaa argatan lafa jannata taaturra bara baraan jiraachuuf abdatu. Du’aa ka’uu inni lammaffaan yoom raawwatama? Macaafni Mul’ataa kun kan raawwatamu ‘laftiifi waaqni’ inni duraa, jechuunis sirni hamaa yeroo ammaatti argamuufi bulchiinsisaa erga badanii booda ta’uusaa dubbata. Dhumni sirna hamaa kanaa baay’ee dhihaateera. Sana booda yeroo Waaqayyo murteessetti du’aa ka’uun lafarratti ni jalqabama.—Mul’ata 20:11, 12.
12. Namoonni lafarra jiraachuuf du’aa kaafaman eenyufa’i? Abdiin kun gammachiisaa kan ta’e maaliifi?
12 Lafarratti du’aa kan ka’an namoota akkamiiti? Namoonni bara duriitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniifi du’aa ka’uurratti amantii cimaa qabaachuusaaniitiin kan ka’e “gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du’an” hundinuu ni ka’u. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’an kun lubbuusaanii oolchuuf jecha, amanamummaa Waaqayyoof qaban hin laaffisne. Namoota kanaa wajjin wal baruufi seenaasaanii isa Macaafa Qulqulluu keessatti gabaabaatti galmeeffame bal’inaan isaanirraa dhaga’uun akkam kan nama gammachiisudha! Namoota lafarratti du’aa ka’an keessaa dhugaa baatuu Yihowaa isa jalqabaa kan ture Abeel, Bishaan badiisaa dura sodaa tokko malee akeekkachiisa Waaqayyo kenne namootatti himaa kan turan Henokiifi Nohi, namoota ergamoota Waaqayyoo keessumsiisan Abrahaamiifi Saaraa, nama Tulluu Siinaarratti Seerri itti kenname Musee, Dh.K.D. bara 607tti yeroo Yerusaalem baddu kan arge Ermiyaasiifi raajonni ija jabeeyyii garabiraan, akkasumas Waaqayyo Yesus Ilmasaa ta’uusaa yeroo dubbatu kan dhaga’e Yohannis Cuuphaan keessatti argamu. Kana malees, namoonni bara dhumaa kana keessa amanamummaasaanii eeganii du’an hundi du’aa ni ka’u.—Ibroota 11:4-38; Maatewos 11:11.
13, 14. (a) Gara fuulduraatti Sii’olis ta’e namoonni achi keessa jiran maal ta’u? (b) Eenyufaas du’aa ni ka’u? Maaliif?
13 Tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo ta’an boodammoo, namoonni awwaalcha keessa jiran hundi du’aa ni ka’u. Yesus ‘gooftummaasaatiin fayyadamee balbala iddoo warra du’anii banuudhaan’ namoota du’an hunda waan kaasuuf bakki awwaalchaa duwwaa ta’a. Kunis mul’ata Yohannisiif kennamerratti kan ibsame yeroo ta’u, innis Sii’ol ‘kuufama ibiddaatti gad in darbatama’ jechuudhaan dubbateera. (Mul’ata 20:14) Kana jechuun maal jechuudha? Sii’ol, jechuunis bakki awwaalcha ilmaan namootaa guutummaatti ni balleeffama jechuudha. Yesus waaqeffattoota Yihowaa warra amanamoo ta’an qofa utuu hin ta’in, oo’asaatiin namoota hamoos du’aa waan kaasuuf, Sii’ol duwwaa ta’uudhaan ni bada jechuudha. Sagaleen Waaqayyoo, ‘warra qajeelotaafi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun jira’ jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Hojii Ergamootaa 24:15.
14 Jal’oonni kun kan du’aa ka’an badiisni akka itti faradamuuf miti. Mootummaa Waaqayyoo jalatti bakka qajeelummaan buufatu keessa waan jiraataniif, jireenyasaanii daandiiwwan Yihowaa wajjin akka wal simsiisaniif gargaarsi ni godhamaaf. Mul’ata sanarratti ‘macaafni inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman’ akka baname ibsameera. Kanaafuu, namoonni kun maqaasaanii macaafa kanarratti galmeessisuuf carraa argatu jechuudha. Wanta erga du’aa ka’ee booda hojjeteen “namni hundi adduma addaan akka hojii isaatiitti firdii in argata”. (Mul’ata 20:12, 13) Kanaafuu, bu’aa dhumarratti argamu yeroo ilaallu ‘firdiitti dhihaachuuf’ qofa utuu hin ta’in ‘jireenya argachuufis’ carraa argachuu danda’u.—Yohannis 5:28, 29.
15. (a) Namoonni abdii du’aa ka’uu hin qabne namoota akkamiiti? (b) Waa’ee du’aa ka’uu beekumsa sirrii argachuun keenya maal goochuuf nu kakaasuu qaba?
15 Kana jechuun garuu namoonni du’an hundi du’aa ni ka’u jechuu miti. Namoonni tokko tokko cubbuu dhiifama hin qabne hojjetaniiru. Namoonni akkasii kun kan jiran Sii’ol keessa utuu hin ta’in qilillee [Gahaannam] keessadha. Kunimmoo bara baraaf baduusaanii kan argisiisudha. Namoonni “rakkina guddaa” yeroo dhihootti dhuffuun balleeffamanis isaan kana keessaa tokko ta’u. (Maatewos 12:31, 32; 23:33; 24:21, 22; 25:41, 46; 2 Tasaloniiqee 1:6-9) Kanaafuu, Yihowaan namoota du’anii Sii’ol keessa jiran kaasuuf oo’a kan argisiisu ta’us, abdiin du’aa ka’uu jireenya keenya isa ammaa dantaa dhabuudhaan akka dabarsinu nu gochuu hin qabu. Namoonni ta’e jedhanii olaantummaa Yihowaa morman abdii du’aa ka’uu hin argatan. Kana hubachuun keenya akka fedha Waaqayyootti jiraachuudhaan gaarummaasaa akka dinqisiifannu nu kakaasa.
Jajjabina Abdii Du’aa Ka’uurraa Argamu
16. Abdiin du’aa ka’uu jajjabina namaaf argamsiisuu kan danda’u akkamitti?
16 Du’aa ka’uutti amanuu keenyaan jajjabina guddaa arganneerra. Yeroo ammaatti kan dulloomne yoo taane, yaalii fayyaa akkamiiyyuu gochuudhaan du’aa of oolchuu akka hin dandeenye beekna. (Lallaba 8:8) Jaarmiyaasaa wajjin Yihowaa kan tajaajillu yoo ta’e garuu, yeroo gara fuulduraatti dhufu abdiidhaan eeggachuu dandeenya. Waaqayyo yeroo murteessetti du’aa nu kaasee jireenya akka nuu kennu beekna. Jireenya baay’ee gaarii ta’etu nu eega! Akkuma Phaawulos jedhe gara fuulduraatti “jireenya dhugaa” arganna.—1 Ximotewos 6:19; Ibroota 6:10-12.
17. Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
17 Du’aa ka’uun akka jiruufi qophii kana kan nuuf godhe eenyu akka ta’e beekuun keenya, amantii cimaa akka qabaannu nu gargaara. Kunimmoo, namoonni hamoon nu ajjeesuuf yoo nu sosodaachisanillee Waaqayyoof amanamoo taanee akka dhaabannu nu gargaara. Seexanni yeroo dheeraadhaa jalqabee namoonni du’a akka sodaatan gochuudhaan gabrummaa jala isaan galcheera. Haata’u malee, Yesus sodaa akkasii hin qabu ture. Hanga du’aattillee Yihowaadhaaf amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Lubbuusaa aarsaa godhee kaffaluudhaanis namoonni kaan sodaa du’aarraa akka walaba ba’an godheera.—Ibroota 2:14, 15.
18. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamummaasaanii eeguu ilaalchisee seenaa gaarii akka galmeessisan kan isaan gargaare maalidha?
18 Tajaajiltoonni Yihowaa, aarsaa Kiristosirrattis ta’e du’aa ka’uurratti amantii cimaa waan qabaniif, amanamummaasaanii eeganii jiraachuudhaan seenaa gaarii galmeessisaniiru. Yoo rakkinni guddaan isaanirra ga’ellee, ‘lubbuusaanii utuu hin mararsiifatin’ Yihowaa akka jaallatan argisiisaniiru. (Mul’ata 12:11) Lubbuusaanii oolfachuuf jecha seerawwan bu’uuraa Kiristiyaanotaaf kenname hin cabsan. (Luqaas 9:24, 25) Amanamummaadhaan olaantummaa Yihowaa deggeruuf jecha lubbuusaanii yoo dhabanillee, Yihowaan akka du’aa isaan kaasu beeku. Atoo amantii akkasii qabdaa? Yihowaa kan jaallattuufi abdii du’aa ka’uutiif bakka guddaa kan laattu yoo ta’e, atis amantaa akkasii qabaachuu dandeessa.
Maree Irra Deebii
• Namni tokko waa’ee du’aa ka’uu hubachuusaa dura, waa’ee lubbuufi haala namoonni du’an keessa jiran hubachuun kan isa barbaachisu maaliifi?
• Du’aa kan ka’an eenyufa’i? Kana beekuun keenya maal goochuuf nu kakaasuu qaba?
• Abdiin du’aa ka’uu kan nu jajjabeessu akkamitti?
[Fakkii fuula 85rra jiru]
Yihowaan warri qajeelonniifi warri jal’oonni akka du’aa ka’an waadaa galeera