‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
‘Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf akka dhamaatan isinan gorsa.’—EFE. 4:1, 3.
AKKAMITTI IBSITA?
Kaayyoon bulchiinsa Waaqayyoo maalidha?
‘Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
‘Walitti kan tollu taʼuuf’ wanti nu gargaaru maalidha?
1, 2. Yihowaan lafaafi ilmaan namootaatiif kaayyoo maalii baasee ture?
JECHA maatii jedhu yommuu dhageessu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Jaalala hoʼaadhaa? Gammachuudhaa? Galma tokkorra gaʼuuf tokkummaadhaan hojjechuudhaa? Moo bakka guddina, barumsaafi yaada wal jijjiiruuf mijaaʼaa taʼedhaa? Maatii walii yaadu keessa jiraatta taanaan, haalli akkasii gara sammuukeetti dhufuu dandaʼa. Maatii kan hundeesse Yihowaadha. (Efe. 3:14, 15) Uumamawwansaa samiifi lafarra jiraatan hundi nageenya, wal amantaafi tokkummaa dhugaa akka qabaatan kaayyoosaa ture.
2 Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda, kutaa maatii Waaqayyoo isa uumama cufaa keessaa kan baafaman taʼus, kaayyoon Yihowaa hin jijjiiramne. Waaqayyo gara fuulduraatti lafti Jannata taatu ilmaan Addaamiifi Hewwaaniin akka guutamtu godha. (Uma. 1:28; Isa. 45:18) Kaayyoosaa kana galmaan gaʼuuf qophii barbaachisu hunda godheera. Qophiiwwan waaʼee tokkummaa dubbatan kun hedduunsaanii ergaa Efesoon keessatti ibsamaniiru. Mee caqasoota macaafa kanaa keessaa tokko tokko qoruudhaan kaayyoo Yihowaan uumamawwansaa tokko gochuuf qabu akkamitti deggeruu akka dandeenyu haa ilaallu.
BULCHIINSICHAAFI WANTA INNI RAAWWATU
3. Bulchiinsi Waaqayyoo inni Efesoon 1:10rratti caqasame maalidha? Kutaan inni jalqabaa hojiisaa kan eegale yoomi?
3 Museen Israaʼelootaan, “Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!” jedhee ture. (Kes. 6:4) Yihowaan waan hundaa kaayyoosaa wajjin haala walsimuun raawwata. Kanaaf Waaqayyo, “barri murame yeroo guututti” ‘bulchiinsi’ uumamasaa yaaduu dandaʼan tokko gochuuf itti gargaaramu hojii akka jalqabu godheera. (Efesoon 1:8-10 dubbisi.a) Bulchiinsi kun kutaa lama qaba. Kutaan inni jalqabaa gumii Kiristiyaanota dibamoo Yesus Kiristos isa karaa hafuuraa Mataasaanii taʼe jalatti jireenya samiitiif kan isaan qopheessuudha. Kutaan kun kan jalqabe Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee yommuu Yihowaan namoota Kiristosii wajjin samiirratti bulchan walitti qabuu eegalettidha. (HoE. 2:1-4) Dibamtoonni aarsaa furii Kiristosirratti hundaaʼuudhaan akka qajeelotaatti lakkaaʼamanii jireenya waan argataniif, “ijoollee Waaqayyoo” taʼanii guddifamuuf fudhatama argataniiru.—Rom. 3:23, 24; 5:1; 8:15-17.
4, 5. Kutaa lammaffaan bulchiinsichaa maal raawwata?
4 Kutaan inni lammaffaan namoota Mootummaa Kiristos Masiihichaa jalatti lafa Jannata taaturra jiraatan kan qopheessudha. Kutaan garee kanaa warri jalqabaa namoota “tuuta sonaan baayʼee” taʼanidha. (Mul. 7:9, 13-17; 21:1-5) Yeroo Bulchiinsa Waggaa Kumaattis namoonni biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi duʼaa kaafaman isaanitti dabalamu. (Mul. 20:12, 13) Duʼaa kaʼuun tokkummaa keenya caalaatti akkamitti akka mulʼisu yaadaa! Dhuma bulchiinsa waggaa kumaatti “wanta lafa irra jiru” kan jedhaman yeroo xumuraatiif qoramu. Warri amanamoo taʼuusaanii mirkaneessan, “ijoollee Waaqayyoo” warra lafarraa taʼanii guddifamu.—Rom. 8:21; Mul. 20:7, 8.
5 Yeroo harʼaa Yihowaan wanta waaqarra jiruufi wanta lafarra jiru walitti qabaa jira. Taʼus, dhuunfaadhaan bulchiinsa Waaqayyoo deggeruu kan dandeenyu akkamitti?
‘TOKKUMMAA HAFUURA QULQULLUU OF HARKATTI EEGGADHAA’
6. Caaffanni Qulqullaaʼoon Kiristiyaanonni walitti qabamuu akka qaban kan argisiisan akkamitti?
6 Caaffanni Qulqullaaʼoon Kiristiyaanonni akka walitti qabaman ibsu. (1 Qor. 14:23; Ibr. 10:24, 25) Kana gochuun, akkuma namoota bakka gabaatti ykn bakka ispoortiitti walitti qabamanii, iddoo tokkotti walitti qabamanii yeroo waliin dabarsuu qofa miti. Tokkummaa dhugaan bakka tokkotti yeroo waliin dabarsuu caalaa waan dabaltu qaba. Tokkummaa akkasii kan qabaannu, qajeelfama Waaqayyoo yoo hojiirra oolchineefi hafuurri Waaqayyoo akka nu sirreessu yoo heyyamnedha.
7. “Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuu” jechuun maal jechuudha?
7 Yihowaan aarsaa furii Kiristosirratti hundaaʼee, dibamtoota akka qajeelotaatti lakkaaʼuudhaan akka ilmaansaatti, hoolota kan biraammoo akka michootasaatti kan fudhate taʼus, sirna hamaa kana keessa hamma jirrutti dhuunfaadhaan garaagarummaa qabaachuun keenya hin oolu. (Rom. 5:9; Yaq. 2:23) Utuu kun hin jiru taʼee, gorsi geggeessaa hafuuraatiin barreeffameefi “waliif dandaʼaa” jedhu nu hin barbaachisu ture. Maarree, namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaa” qabaachuun nu barbaachisa. Kana malees Phaawulos, ‘hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf akka dhamaanu’ nu gorseera. (Efesoon 4:1-3 dubbisi.) Gorsa kana hojiirra oolchuun, hafuurri Waaqayyoo dhiibbaa akka nurratti godhu taasisuufi hafuurichi ija hojii hafuuraa akka nu keessatti guddisu heyyamuu kan dabalatudha. Iji hojii hafuuraa hojii foonii isa yeroo hunda garaagarummaa uumurraa haala adda taʼeen, garaagarummaa namoota gidduu jiru ni hambisa.
8. Hojiin foonii garaagarummaa kan uumu karaawwan kamiini?
8 “Hojiin foonii” waldhabiinsa akkamitti akka uumu hubadhaa. (Galaatiyaa 5:19-21 dubbisi.) Halalummaan nama gocha akkasii raawwatu Yihowaafi gumiirraa gargar baasa; ejji ijoollee warrarraa, akkasumas hiriyaa gaaʼelaa balleessaa hin qabne hidhatasaarraa gargar baasuu dandaʼa. Xuraaʼummaan, tokkummaa namni tokko Waaqayyoofi namoota isa jaallatanii wajjin qabu balleessa. Namni hapheedhaan waa walitti maxxansuuf yaalu tokko haphee sana itti gochuusaa dura wantoonni sun qulqulluu taʼuu akka qaban beeka. Amala gadhiisii argisiisuun seera Waaqayyo qajeelummaaf baaseef tuffii guddaa qabaachuu argisiisa. Hojiin foonii hundi namoota waliisaaniifi Waaqayyorraa gargar baasa. Amalli akkasii amala Yihowaa wajjin guutummaatti kan wal faallessudha.
9. “Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa” jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf of qoruu kan dandeenyu akkamitti?
9 Kanaaf tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha: ‘“Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf” carraaqqii hangamii gochaan jira? Yommuu rakkinni uumamu nagaa uumuuf tarkaanfii akkamiin fudhadha? Hiriyoota koorraa deggersa argachuuf jecha wanta na mufachiise sana hundumasaaniittan odeessaa? Ofumakootii nagaa uumuuf carraaqqii gochuu mannaa, jaarsoliin akka narra goran gochuufan yaalaa? Namoonni kaan waanan isaan mufachiise akka natti hin kaasneef jecha, isaanirraa fagaachuun yaalaa?’ Gochi akkasii kaayyoo Yihowaan wantoota waaqarraafi lafarraa hunda karaa Kiristos deebisee walitti qabuuf baasee wajjin walsimnee jiraachaa akka jirru kan argisiisudhaa?
10, 11. (a) Obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuun hangam barbaachisaadha? (b) Nagaafi eebba Yihowaa kan argamsiisu maal gochuu keenyadha?
10 Yesus akkas jedhee ture: “Kennaa aarsaa dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti in yaadatama taʼa. Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebiʼii kennaa aarsaa kee dhiʼeessi! . . . dafii isa firoomfadhu.” (Mat. 5:23-25) Yaaqoob, “Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:17, 18) Kanaaf, bakka nagaan hin jirretti amala qajeelaa argisiisuu hin dandeenyu.
11 Fakkeenyaaf, utuu namoonni boombii awwaalame hin sodaatan taʼee, lafa qonnaa biyyoota waraanni keessatti geggeeffamu keessaa harka 35 ol kan taʼu misoomuu akka dandaʼu tilmaamama. Boombiin awwaalame yommuu dhukaʼu, qonnaan bultoonni maasiisaaniirraa ni buqqaʼu, qabeenyi mandarootaa ni saamama, magaalonnis nyaata dhabu. Haaluma wal fakkaatuun, amala nagaa obboloota keenyaa wajjin qabnu booressu yoo qabaanne, guddinni hafuuraa keenya ni daangeffama. Haataʼu malee, dafnee dhiifama kan goonuufi warri kaan nageenya akka argatan carraaqqii kan goonu yoo taʼe, nagaafi eebba Yihowaa argachuu dandeenya.
12. Jaarsoliin tokkummaa akka qabaannu nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
12 Kana malees, ‘dhiironni’ kennaa taʼan tokkummaan akka jiraatuuf gumaacha guddaa gochuu dandaʼu. Dhiironni kun “tokkummaa amantii” akka qabaannu nu gargaaruuf nuu kennaman. (Efe. 4:8, 13) Jaarsoliin yommuu nu wajjin tajaajilaniifi gorsa gaarii Dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼe nuu kennan namummaa haaraa uffachuutti akka guddannu nu gargaaru. (Efe. 4:22-24) Gorsi isaan sii kennan, karaa Yihowaan jireenya addunyaa haaraa bulchiinsa Ilmasaa keessatti argattuuf itti si qopheessu akka taʼe ni hubattaa? Jaarsolii kan taatan, warri kaan jireenya kana akka argatan isaan sirreessuuf yaalii ni gootuu?—Gal. 6:1.
“WALITTI KAN TOLTAN . . . TAʼAA”
13. Gorsa Efesoon 4:25-32rra jiru hordofuu yoo dhiisne maaltu uumamuu dandaʼa?
13 Efesoon 4:25-29 amaloota irraa fagaachuu qabnu adda baasee caqasa. Kunis soba dubbachuu, aaruu ykn dhibaaʼuu, akkasumas dubbii gaariifi nama ijaaru dubbachuu mannaa dubbii ciiggaasisaa dubbachuu kan dabalatudha. Hafuurri qulqulluun humna tokkummaa argamsiisu waan taʼeef, namni tokko gorsa kana hojiirra hin oolchu taanaan hafuura Waaqayyoo gaddisiisa. (Efe. 4:30) Wanta Phaawulos ittaansee, “Hadhaaʼummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu! Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan taʼaa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” jechuudhaan barreesse hojiirra oolchuunis tokkummaa qabaachuuf barbaachisaadha.—Efe. 4:31, 32.
14. (a) Yaanni ‘walitti kan toltan taʼaa’ jedhu maal argisiisa? (b) Gaarummaa argisiisuuf maaltu nu gargaara?
14 Yaanni, ‘walitti kan toltan taʼaa’ jedhu, hamma tokko gaarummaa akka hin qabneefi fooyyaʼiinsa gochuun akka nu barbaachisu kan argisiisudha. Miira keenya caalaa kan warra kaaniitiif yaaduu barachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Filp. 2:4) Wanti dubbachuu barbaannu tokko namoota kolfisiisuu ykn beekaa nu fakkeessuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee akkas gochuun keenya gaarummaadhaa? Dhimma kanarratti dursinee yaaduun keenya ‘walitti kan tollu taʼuuf’ nu gargaara.
MAATII KEESSATTI JAALALAAFI KABAJA ARGISIISUU BARACHUU
15. Phaawulos, Efesoon 5:28rratti hariiroo Kiristos gumii wajjin qabu maalitti fakkeessee ture?
15 Macaafni Qulqulluun hariiroo Kiristos gumii wajjin qabu, hariiroo abbaa manaafi haati manaa qabanii wajjin wal fakkeessa. Kunis abbaan manaa qajeelfama kennuu, jaalalaafi kunuunsa gochuun akka isa barbaachisuufi haati manaa abbaa manaasheetiif abboomamuu akka qabdu kan nu hubachiisudha. (Efe. 5:22-33) Phaawulos, “Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in taʼaaf” jedhee yommuu barreessu, waaʼee maalii dubbachuusaa ture? (Efe. 5:28) Wanti inni ittaansuudhaan dubbate, ‘Kristos waldaa kristiyaanaa kan jaallate, waldaadhaafis dabarsee kan of kenne, dubbiisaatiin bishaaniin dhiquudhaan kan ishee qulleesse’ akkamitti akka taʼe argisiisa. Abbaan manaa kaayyoo Yihowaan wantoota hundumaa karaa Kiristos walitti qabuuf baasee wajjin haala walsimuun maatiisaa karaa hafuuraa sooruurratti dammaqaa taʼuu akka qabu beekamaadha.
16. Warri itti gaafatamummaa mana keessatti qaban baʼuunsaanii buʼaa maalii argamsiisa?
16 Warri hojii Yihowaan isaanitti kenne raawwachaa jiraachuufi dhiisuusaanii irratti yaaduu qabu. Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo harʼaa namoonni baayʼeen “warra jaalala of keessaa hin qabne” taʼaniiru. (2 Xim. 3:1, 3) Abbootiin hedduun itti gaafatamummaasaanii baʼuu dagachuudhaan ijoolleesaanii gaddisiisu. Haataʼu malee Phaawulos, “Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!” jechuudhaan abbootii Kiristiyaana taʼan gorseera. (Efe. 6:4) Ijoolleen jaalalaafi aboon maal akka taʼe yeroo jalqabaatiif barachuu kan dandaʼan maatii keessatti qofadha. Warri waaʼee dhimma kanaa ijoolleesaanii akka gaariitti barsiisan, bulchiinsa Yihowaa wajjin haala walsimuun jiraatu. Manni keenya bakka aariin, dheekkamsiifi dubbiin nama miidhu jiru utuu hin taʼin, bakka jaalalli jiru akka taʼu gochuudhaan, ijoolleen keenya akkamitti jaalala argisiisuufi aboo kabajuu akka qaban isaan barsiisuu dandeenya. Kunis jireenya isaan addunyaa haaraa keessatti argataniif isaan qopheessa.
17. Seexanaan mormuuf maaltu nu barbaachisa?
17 Seexanni inni jalqaba nagaa uumama cufaa jeeqe, carraaqqii nuti fedha Waaqayyoo raawwachuuf goonu cimsee akka mormu hubachuun keenya barbaachisaadha. Gaaʼelli hedduun diigamuun, seeraan gaaʼela utuu hin godhatin waliin jiraachuufi gaaʼelli namoota saalaa wal fakkaatu qaban gidduutti gadhamu kaayyoo Seexanaa akka raawwatu hin shakkisiisu. Amala hawaasni yeroo harʼaa jiru argisiisu ykn ilaalcha inni qabu hordofuu hin qabnu. Kanaa mannaa fakkeenya Kiristos hordofna. (Efe. 4:17-21) Seexanaafi hafuurota xuraaʼoo guutummaatti moʼuudhaaf gorsi “miʼa lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” jedhu nuu kennameera.—Efesoon 6:10-13 dubbisi.
‘JAALALATTI JIRAADHAA’
18. Wanti tokkummaa Kiristiyaanaa keenyaaf baayʼee barbaachisaa taʼe maalidha?
18 Jaalalli tokkummaa Kiristiyaanaa keenyaaf baayʼee barbaachisaadha. ‘Gooftaa tokkoof,’ ‘Waaqa tokkoofi’ walii keenyaaf jaalala guddaa qabaachuudhaan, “hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf” murteessineerra. (Efe. 4:3-6) Yesus jaalala akkasii ilaalchisee kadhannaa akkas jedhu dhiheesseera: “Isaan kana duwwaadhaaf miti, warra dubbii isaanii dhagaʼanii anatti amananiifis immoo nan kadhadha malee. Isaanis tokko haa taʼaniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, . . . Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha.”—Yoh. 17:20, 21, 26.
19. Maal gochuuf murteessiteetta?
19 Cubbuu dhaalleen kan kaʼe keessi keenya kan nu ceephaʼu yoo taʼe, jaalalli akkuma Daawit, “Maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jennee akka kadhannu nu haa kakaasu. (Far. 86:11) Carraaqqii Seexanni Abbaa keenya isa jaalala qabeessaafi namoota isa duratti fudhatama argatanirraa nu fageessuuf godhuun mormuuf haa murteessinu. Maatiifi gumii keessatti, akkasumas tajaajilarratti ‘akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhachuufi jaalalatti jiraachuuf’ jabaannee haa hojjennu.—Efe. 5:1, 2.
[Miiljalee]
a Efesoon 1:8-10, NW: “Ayyaanni inni [Waaqayyo] ogummaasaafi hubannaasaa hundumaan nurratti dhangalaase baayʼeedha. Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaaʼatee ture; ammas dhoksaan fedhasaa kun nu biratti akka beekamu godhe. Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo karaa bulchiinsa ittiin fayyisuuf akeekee, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafarra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.”
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Kennaa aarsaasaa iddoo aarsaa biratti dhiisee dhaqee obboleessasaatti araarama
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Warra kan taatan, ijoolleen keessan kabaja argisiisuu akka dandaʼan isaan barsiisaa