BOQONNAA 4
Daangaa Isaa Darbineerra Kan Jedhamu Yoomi?
Dhugaa ykn soba isa jedhurratti mallattoo godhi
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama haala akkamiiyyuu keessatti wal tuquun isaanii dogoggoradha.
□ Dhugaa
□ Soba
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama saalqunnamtii utuu hin raawwatin halalummaa raawwachuu dandaʼu.
□ Dhugaa
□ Soba
Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif hin ibsan taanaan wal jaallatu jechuun hin dandaʼamu.
□ Dhugaa
□ Soba
DHIMMA kanarratti yeroo baayʼee akka yaadde hin shakkisiisu. Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaanimmoo, karaa fudhatama qabuun jaalala walii ibsuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe beekuun ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Mee yaadawwan olitti kaasne sadan haa ilaallu; Dubbiin Waaqayyoo deebii gaaffii, “Daangaa isaa darbineerra kan jedhamu yoomi?” jedhuu beekuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama haala akkamiiyyuu keessatti wal tuquun isaanii dogoggoradha.
Soba. Kitaabni Qulqulluun karaa fudhatama qabuu fi qulqulluu taʼeen jaalala walii ibsuu hin dhorku. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee hariiroo jaalalaa shamarreen Shulaamittii fi dargaggeessi tiksee taʼe qabanii ni dubbata. Hariiroon isaanii qulqulluu ture. Taʼus, gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura karaa tokko tokkoon jaalala waliif ibsaniiru. (Weedduu Weedduu Caalu 1:2; 2:6; 8:5) Yeroo harʼaas jaalalleewwan gaaʼela dhaabbachuuf yaadaa jiran tokko tokko karaa qulqulluu taʼeen jaalala walitti argisiisuun isaanii sirrii akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.a
Haa taʼu malee, namoonni wal qorachaa jiran baayʼee of eeggachuu qabu. Wal dhungachuun, wal hammachuun ykn wanta fedhii saalqunnamtii kakaasu akkamiiyyuu gochuun gara halalummaatti geessuu dandaʼa. Namoonni kaayyoo ulfina qabeessa taʼe qabanillee salphaatti miira isaanii toʼachuu dadhabanii halalummaa raawwachuu dandaʼu.—Qolosaayis 3:5.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama saalqunnamtii utuu hin raawwatin halalummaa raawwachuu dandaʼu.
Dhugaa. Jechi Afaan Giriikii “halalummaa” (por·neiʹa) jedhamee hiikame hiika balʼaa qaba. Gocha saalqunnamtii gaaʼelaan ala raawwatamu hundumaa fi qaama saalaa karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu argisiisa. Kanaafuu, halalummaan saalqunnamtii qofa utuu hin taʼin, gochawwan kanneen akka qaama saalaa nama kan biraa susukkuumuu, akkasumas saalqunnamtii afaaniin ykn munneedhaan raawwatamu dabalata.
Gochi Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu halalummaa qofa miti. Phaawulos ergamaan, “Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, addaggummaa [dha]” jedhee barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedheera.—Galaatiyaa 5:19-21.
“Xuraaʼummaa” jechuun maal jechuudha? Jechi Afaan Giriikii xuraaʼummaa jedhamee hiikame dubbii fi gocha dabalatee xuraaʼummaa kamiyyuu kan argisiisudha. Qullaa nama kan biraa tuquun, uffata irraa baasuun ykn kutaa qaamaa kan akka harmaa jiru tuttuquun gocha xuraaʼummaa akka taʼe ifadha. Kitaaba Qulqulluu keessatti harma tuttuquun gocha hiriyoonni gaaʼelaa qofti itti gammadan akka taʼetti ibsameera.—Fakkeenya 5:18, 19.
Dargaggoonni tokko tokko addaggummaadhaan ulaagaalee Waaqayyoo cabsu. Taʼe jedhanii daangaa isaarra darbu ykn ofittummaadhaan kakaʼanii namoota gocha xuraaʼummaa isaan wajjin raawwatan barbaadu. Gochi namoota kanaa gocha Phaawulos “addaggummaa” jedhee ibsedha. Jechi Afaan Giriikii “addaggummaa” jedhamee hiikame ‘gocha gadhiisii, daangaa darbuu, baalagummaa, kajeellaa hin toʼatamne’ jechuudha. Ati ‘sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti dabarsitee of kennuudhaan miirri naamusaa kee guutummaatti akka hadoodu’ gochuu akka hin barbaanne beekamaadha.—Efesoon 4:17-19.
● Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban lama karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif hin ibsan taanaan wal jaallatu jechuun hin dandaʼamu.
Soba. Wanta namoonni tokko tokko yaadanirraa haala faallaa taʼeen, karaa fedhii saalqunnamtii kakaasuun jaalala waliif ibsuun hariiroon keessan akka cimu hin godhu. Akkas gochuun kabaja waliif qabdanii fi amantii walirratti qabdan balleessuu dandaʼa. Mee haala Laawuraa mudate haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Gaaf tokko jaalalleen koo televizyinii akka waliin ilaallu kan yaade fakkeessuudhaan yeroo haati koo hin jirretti mana keenya dhufe. Jalqabarratti harka koo qofa qabe. Achiis akkuma tasaa na tuttuquu jalqabe. Natti aaree narraa gargar baʼa jedhee waanan yaaddaʼeef, akka dhiisu isatti himuu nan sodaadhe.”
Maal sitti fakkaata? Jaalalleen Laawuraa ishiidhaaf ni yaadaa? Moo fedhii ofittummaa isaa guuttachuu barbaade? Namni gocha qulqulluu hin taane akka raawwattu si kakaasuuf yaalu tokko dhuguma akka si jaallattu argisiisaa jiraa?
Dhiirri tokko jaalalleen isaa wanta leenjii Kiristiyaana taʼuudhaan argattee fi qalbii ishii wajjin wal faalleessu akka gootu dhiibbaa kan ishiirratti godhu yoo taʼe, seera Waaqayyoo cabsa, akkasumas garaadhaa akka ishii hin jaallanne argisiisa. Shamarreen takkas dhiibbaa akkasiitiif yoo harka laatte namni kan biraan akka ishiitti fayyadamu heyyamti. Kanarra kan hammaatummoo, gocha qulqulluu hin taane, tarii halalummaallee raawwachuu dandeessi.b—1 Qorontos 6:9, 10.
Daangaa Ifa Taʼe Kaaʼaa
Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaan, karaa sirrii hin taaneen jaalala argisiisuurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Kana gochuuf wanti si gargaaru, dursitee daangaa ifa taʼe kaaʼuudha. Fakkeenyi 13:10 miiljaleen, “Ogummaan . . . kan warra waliin mariʼatanii ti” jedha. Kanaafuu, karaawwan sirriin jaalala itti walii ibsuu dandeessan kamfaa akka taʼan jaalallee kee wajjin mariʼadhaa. Hanga miira keessa galtanitti daangaa ifa taʼe kaaʼuu dhiisuun, akkuma mana keetti ibiddi qabatee hanga toʼannaadhaa ala taʼutti eeguuti.
Keessumaa akkuma wal qorachuu jalqabdaniin dhimma akkasiirratti mariʼachuun isinitti ulfaachuu, tarii isin qaanessuullee dandaʼa. Taʼus, daangaa ifa taʼe kaaʼuun keessan yeroo booda rakkinni cimaan akka isin hin mudanne isin gargaara. Daangaan ifa taʼe akkuma meeshaa ibiddi kaʼuu isaa dura yommuu aarri uumamu sagalee dhageessisuuti. Kana malees, dhimmoota akkasiirratti haasaʼuu dandaʼuun keessan hariiroon keessan akka milkaaʼu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Gaaʼela keessatti saalqunnamtiitti gammaduuf of toʼachuun, obsa qabaachuunii fi ofittummaarraa fagaachuun baayʼee barbaachisaadha.—1 Qorontos 7:3, 4.
Ulaagaalee Waaqayyoo hordofuun salphaa akka hin taane ifadha. Taʼus, gorsa Yihowaatti amanamuu ni dandeessa. Isaayyaas 48:17 irratti waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu, “Isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha” jedheera. Yihowaan jireenya gammachiisaa akka qabaattu barbaada!
WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 24 DUBBISI
Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuurraa of qusachuun kee mallattoo rakkinaa miti. Kanaa mannaa, hubannaa akka qabdu argisiisa. Akkas kan jennu maaliif akka taʼe ilaali.
[Miiljaleewwan]
a Biyyoota tokko tokkotti namoonni hiriyoota gaaʼelaa hin taane namoota duratti jaalala yoo waliif ibsan addaggee akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Kiristiyaanonni wanta warra kaan gufachiisu akka hin goone of eeggachuu qabu.—2 Qorontos 6:3.
b Yaanni keeyyata kana keessatti ibsame saala lamaaniifuu ni hojjeta.
CAQASA IJOO
“Jaalalli . . . amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu.”—1 Qorontos 13:4, 5.
GORSA GAARII
Gareedhaan yeroo dabarsaa ykn namni kan biraan akka isin faana taʼu godhaa. Haala balaadhaaf isin saaxilurraa fagaadhaa, konkolaataa dhaabbate ykn mana keessa kophaa keessan hin taʼinaa.
KANA BEEKTAA?
Wal kaadhimattaniittu taanaan dhimmoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan tokko tokkorratti haasaʼuun isin barbaachisa. Taʼus, yeroo bilbilaan haasoftanis taʼe yeroo ergaa barreeffamaa walii barreessitanittillee taʼe jettanii jechoota saalqunnamtii kakaasanitti fayyadamuun gocha xuraaʼummaati.
WANTAN GOCHUU YAADE
Halalummaa raawwachuuf akkan hin qoramne of eeguuf akkanan godha ․․․․․
Jaalalleen koo gocha qulqulluu hin taane akkan raawwadhu dhiibbaa narratti gochuuf yoo yaale akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Saala faallaa wajjin wal tuttuquu ilaalchisee daangaa akkamii keesseetta?
● Garaa garummaa halalummaa, xuraaʼummaa fi addaggummaa gidduu jiru ibsi.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 46rra jiru]
“Anii fi kaadhimaan koo mata dureewwan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi qulqulluu taanee itti fufuuf nu gargaaran waliin dubbisneerra. Mata dureewwan kun qalbii qulqulluu qabaachuuf baayʼee nu gargaaraniiru.”—Leetisiyaa
[Saanduqa fuula 44rra jiru]
Daangaa Isaa Yoo Darbine Hoo?
Gocha sirrii hin taane yoo raawwattan hoo? Ofuma keessaniin rakkinicha furuu akka dandeessan yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa. Shamarreen takka, “‘Akka irra hin deebine nu gargaari’ jedheen kadhadha. Yeroo tokko tokko nuuf milkaaʼa, darbee darbee garuu nuuf hin milkaaʼu” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Kanaafuu, warra kee haasofsiisi. Kitaabni Qulqulluunis gorsa gaarii, “Jaarsolii gumii ofitti haa waammatu” jedhu kenna. (Yaaqoob 5:14) Jaarsoliin kun gorsaa fi sirreeffama hariiroo Waaqayyo wajjin qabdan haaressuuf isin gargaaru isiniif kennu.
[Fakkii fuula 47rra jiru]
Of eeggannoo barbaachisu gochuuf hanga ibiddi mana keetti qabatee toʼannaadhaa ala taʼutti ni eegdaa? Kanaafuu, daangaa ifa taʼe kaaʼuuf hanga miira keessa galtanitti hin eegin