LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
Beeksisa
Afaan haaraa jalqabe:Dengese
  • Harʼa

Jimaata, Ebla 10

Seera kee baayʼee nan jaalladha! Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada.—Far. 119:97.

Caqasoota tokko tokko yeroo dubbistu gorsa argatte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu irratti yaadi. Dubbii Waaqayyoorraa kutaa muraasa erga dubbistee booda, ‘Odeeffannoon argadhe kana amma ykn gara fuulduraatti hojiirra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, 1 Tasalonqee 5:17, 18 dubbisaa akka jirtu godhii yaadi. Caqasoota kana lamaan erga dubbistee booda, takka dhaabbadhuutii hammam irra deddeebitee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu akka dandeessu irratti yaadi. Kana malees, wantoota galateeffachuuf si kakaasanirratti xiinxaluu dandeessa. Tarii wantoota sadii caqastee Yihowaa galateeffachuuf yaadda taʼa. Haala kanaan daqiiqaa muraasaaf wanta dubbisterratti xiinxaluun kee Dubbii Waaqayyoo hubachuu fi hojiirra oolchuuf si gargaara. Guyyaa guyyaadhaan yeroo kutaalee Kitaaba Qulqulluu kan biroo dubbistuttis akkas gochuun kee hammam akka si fayyadu yaadi! Akkas yoo goote wanta Dubbii Waaqayyoorraa barattu hojiirra oolchuu ni dandeessa. w24.09 4-5 key. 9-10

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Sanbadduraa, Ebla 11

Badhaasa guutuu akka argattaniif malee, wantoota itti dhamaane akka hin dhabne ofii keessaniif of eeggadhaa.—2 Yoh. 8.

Yihowaan kan nu uume dandeettii addaa akka qabaannu godheeti. Fudhachuun kan nu gammachiisu taʼus, caalaatti kan nu gammannu yeroo warra kaaniif kenninudha. Obboloota keenya yeroo gargaarru miira gaariitu nutti dhagaʼama. Isaanis dinqisiifannaasaanii yeroo ibsan ni gammanna. Haa taʼu malee, namni arjummaa itti argisiisne galateeffatus galateeffachuu baatus, wanta gaarii gochuu keenyatti gammaduu ni dandeenya. Wanti kennitu maaliyyuu yoo taʼe, “Yihowaan wanta kana irra baayʼee caalu siif kennuu [akka dandaʼu]” hin dagatin. (2 Sen. 25:9) Wanta Yihowaan nuuf kennu caalaa kennuu hin dandeenyu! Kana malees, Yihowaarraa badhaasa argachuu caalaa wanti gammachuu argamsiisu hin jiru. Kanaafuu, arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofuuf haa kutannu. w24.09 31 key. 20-21

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Dilbata, Ebla 12

Yaa Waaqa koo Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha, maqaa keetiifis bara baraaf ulfina nan kenna.—Far. 86:12.

Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessadha. (Far. 103:13; Isa. 49:15) Miira keenya waan hubatuuf yeroo gaddinu innis ni gadda. (Zak. 2:8) Isatti dhihaachuunii fi michuusaa taʼuun akka nuuf salphatu godheera. (Far. 25:14; HoE. 17:27) Kana malees, inni gad of qaba; “samii fi lafa ilaaluuf gad jedha; isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa.” (Far. 113:6, 7) Sababiiwwan kanaan kan kaʼe Waaqa keenya isa guddaadhaaf ulfina kennuu barbaanna. Warri kaan waaʼeesaa akka beekan waan barbaannuuf Yihowaadhaaf ulfina kennina. Namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa dhugaasaa hin beekan. Maaliif? Seexanni waaʼeesaa soba babalʼisuudhaan sammuusaanii waan jaamseefi. (2 Qor. 4:4) Seexanni Yihowaan Waaqa haaloo qabatuu fi namaaf hin yaanne, akkasumas rakkina addunyaarra jiru kan fidu isa akka taʼe namoota amansiiseera. Nuti garuu waaʼee Waaqa keenyaa dhugaasaa beekna. Warri kaan Waaqa akkamii akka taʼe akka beekanii fi ulfina akka isaaf kennan isaan gargaaruuf carraa arganneerra.—Isa. 43:10. w25.01 3 key. 6-7

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi