2 Abraamis deebisee, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani mucaa dhabuu koo fi Eliiʼezar+ namni biyya Damaasqoo mana koo kan dhaalu taʼuu isaa ni argita; egaa maal naaf kennita ree?” jedhe. 3 Itti dabaluudhaanis, “Ati dhala naaf hin kennine;+ miseensi maatii koo tokko na dhaaluuf jedha” jedhe.