-
Uumama 12:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+
-
-
Galaatiyaa 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Waaqayyo saboota kaan amantiidhaan qajeelota akka godhu dursee ilaalee, dubbii isaa isa barreeffame keessatti, “Saboonni hundi karaa kee ni eebbifamu”+ jechuudhaan Abrahaamiif dursee misiraachoo labseera.
-