-
Uumama 36:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Sana booda Esaawu haadhotii manaa isaa, ilmaan isaa, ijoollee durbaa isaa, miseensota* maatii isaa hundumaa, bushaayee isaa fi horii isaa hundumaa, akkasumas qabeenya biyya Kanaʼaan keessatti horate hundumaa+ fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob irraa hamma tokko fagaatee gara biyya kan biraa deeme.+ 7 Sababiin isaas, miini isaanii akka malee baayʼee waan tureef isaan waliin jiraachuu hin dandeenye; horii isaaniitiin kan kaʼes biyyi isaan keessa jiraachaa* turan hunduma isaaniitiif gaʼaa hin turre.
-