-
Baʼuu 10:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ni deebifaman; innis, “Dhaqaatii Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. Garuu, kan deeman eenyu faʼi?” isaaniin jedhe. 9 Museenis, “Nuti Yihowaadhaaf ayyaana waan kabajnuuf,+ dargaggoota keenya, maanguddoota keenya, ijoollee dhiiraa keenya, ijoollee durbaa keenya, hoolota keenyaa fi loon keenya fudhannee deemna” jedhe.+ 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Ani isinii fi ijoollee keessan yoon gadhiise, Yihowaan dhugumaan isinii wajjin jira jechuu dha!+ Isin wanta hamaa tokko raawwachuu akka yaaddan beekamaa dha. 11 Hin taʼu! Warri dhiiraa qofti deemtanii Yihowaa tajaajiluu dandeessu; wanti isin gaafattanis kanuma.” Achiis isaan Faraʼoon duraa ni baafaman.
-