-
Keessa Deebii 5:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “‘Sobaan nama irratti ragaa hin baʼin.+
-
-
Keessa Deebii 19:16-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Namni tokko hamminaan nama kan biraa irratti ragaa yoo dhiheesse, yakka akka raawwate godhees yoo isa himate,+ 17 namoonni falmii qaban lamaan Yihowaa dura, akkasumas lubootaa fi abbootii murtii yeroo sanatti tajaajilaa jiran dura ni dhaabbatu.+ 18 Abbootiin murtiis dhimma sana gad fageenyaan ni qoratu;+ namni sun sobaan ragaa kan dhiheessee fi sobaan obboleessa isaa kan himate yoo taʼe, 19 wantuma inni obboleessa isaa irratti hamminaan raawwachuuf yaade isa irratti raawwadhu;+ wanta hamaas of gidduudhaa balleessi.+
-