-
Leewwota 2:3-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kam iyyuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti;+ kunis wanta aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan irraa hafe waan taʼeef hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
4 “‘Ati aarsaa midhaanii iddoo ibiddaa* keessatti tolfame kan dhiheessitu yoo taʼe, aarsaan sun maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe yookiin maxinoo haphii daakuu bullaaʼaa irraa tolfamee fi zayitii dibame haa taʼu.+
5 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii eeleedhaan tolfame yoo taʼe,+ maxinoo daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame irraa tolfame haa taʼu. 6 Maxinoo sana caccabsiitii zayitii irratti dhangalaasi.+ Kunis aarsaa midhaanii ti.
7 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii distii keessatti qophaaʼe yoo taʼe, aarsaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa kan tolfame haa taʼu.
-
-
Lakkoofsa 18:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha.
-
-
1 Qorontos 9:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+
-