-
Baʼuu 29:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Anaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan qulqulleessuuf wanti ati gootu kana dha: Jibicha tokko, korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne lama,+ 2 maxinoo, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan makame, akkasumas maxinoo haphii zayitii dibame fidi.+ Wantoota kana daakuu qamadii bullaaʼaa taʼe irraa tolchitee 3 guuboo keessa kaaʼuudhaan akkuma guuboo keessa jiranitti+ jibicha sanaa fi korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjin isaan dhiheessita.
-
-
Leewwota 6:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu. 15 Isaan keessaa inni tokko daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaanii irraa hammaarraa tokko, zayitii muraasaa fi ixaana adii isa aarsaa midhaanii irra jiru sana hundumaa ni fuudha; achiis guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan aarsaa urgaan isaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti Yihowaadhaaf akka aaru godha.+
-
-
Lakkoofsa 7:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kennaan isaas akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti,+ saanii meetii sheeqilii* 130 madaalu tokko, akkasumas saanii golboo meetii irraa tolfamee fi sheeqilii 70 madaalu tokko ture; saaniiwwan kun lamaan kennaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makameen kan guutaman turan;+
-