-
Leewwota 17:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “‘Mana Israaʼel keessaa yookiin nama biyya ormaa isin gidduu jiraatu keessaa namni kam iyyuu dhiiga akkamii iyyuu yoo nyaate,+ ani dhugumaan fuula koo nama* dhiiga nyaatu sanatti nan gurraachessa; saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa.* 11 Sababiin isaas, lubbuun foonii dhiiga keessa jira;+ anis akka araara isiniif* argamsiisuuf iddoo aarsaa irratti isa isiniif kenneera;+ kunis kan taʼe, karaa lubbuu isa keessa jiruun araarri akka argamu kan godhu dhiiga sana waan taʼeefi.+
-