-
Ibroota 9:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti+ hin seenne;+ kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo* duratti mulʼachuuf+ kallattiidhaan gara samiitti seene.+ 25 Kunis, akka lubni ol aanaan dhiiga isa kan ofii isaa hin taane qabatee waggaa waggaadhaan gara iddoo qulqulluutti seenutti+ yeroo baayʼee of dhiheessuuf hin turre. 26 Utuu akkas taʼee, addunyaan erga hundeeffamee jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Haa taʼu malee, aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf,+ dhuma sirnootaa* irratti yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of mulʼiseera.
-
-
1 Yohaannis 2:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.
-