-
Baʼuu 21:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Namni rukutee nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.+
-
-
Lakkoofsa 35:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Namni lubbuu balleesse mamii tokko malee ajjeefamuu waan qabuuf, lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatinaa.+
-
-
Keessa Deebii 19:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa jibbee+ riphee eeggachuudhaan akka malee rukutee yoo isa* madeesse, namni sunis yoo duʼe, innis magaalota kana keessaa gara isa tokkootti yoo baqate, 12 jaarsoliin magaalaa isaa achii isa fichisiisanii nama haaloo baʼutti dabarsanii isa haa kennan; innis haa ajjeefamu.+ 13 Ati* isaaf hin gaddin; gaarii akka siif taʼuufis yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu Israaʼel keessaa balleessi.+
-