-
Baʼuu 18:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Ati garuu sabicha keessaa namoota gaʼumsa qabanii+ fi Waaqayyoon sodaatan, akkasumas namoota amanamoo buʼaa sirrii hin taane jibban+ filadhuutii ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhii isaan irratti muudi.+ 22 Yommuu dhimmi tokko kaʼu* isaan sabichaaf murtii ni kennu; dhimmoota ulfaatoo taʼan hundumaa gara keetti ni fidu;+ dhimmoota xixinnoo taʼan hundumaa garuu isaantu murteessa. Isaan sii wajjin baʼaa sana akka hirmaatan gochuudhaan, baʼaan akka siif salphatu godhi.+
-