-
Lakkoofsa 13:23-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Yommuu Sulula* Eshkool+ gaʼanitti, damee firii wayinii walitti tuutaʼe qabuu fi namoota lamaan uleedhaan baatamu tokko bakka sanaa ni kutan; akkasumas romaanii fi harbuu muraasa ni fidan.+ 24 Isaan firii walitti tuutaʼe isa Israaʼelonni achii kutaniin kan kaʼe maqaa iddoo sanaa Sulula* Eshkool*+ jedhanii moggaasan.
25 Guyyaa 40 boodas,+ biyyattii basaasanii deebiʼan. 26 Kanaafuu, isaan Qaadesh+ ishii lafa onaa Phaaraan keessatti argamtutti gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti deebiʼan. Isaanis guutummaa yaaʼichaatiif oduu fidanii dhufan; akkasumas firii biyyattii isaanitti argisiisan. 27 Oduun isaan Museetti himan kana ture: “Gara biyyattii ati itti nu ergitetti seenneerra; ishiin dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha;+ firiin ishiis kunoo ti.+
-