-
Keessa Deebii 13:12-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Magaalota akka keessa jiraattuuf Waaqni kee Yihowaan siif kenne keessatti akkana yommuu jedhamu ni dhageessa taʼa: 13 ‘Namoonni gatii hin qabne namoota magaalaa isaanii keessa jiraatan karaa irraa jalʼisuuf, “Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu” jedhan si gidduudhaa baʼaniiru; waaqoliin sun immoo warra isin hin beekne dha;’ 14 atis qorannoo guddaa gochuu fi iyyaafachuudhaan dhimma sana qulqulleeffadhu;+ wanti jibbisiisaan kun si gidduutti dhugumaan raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe, 15 jiraattota magaalaa sanaa mamii tokko malee goraadeedhaan rukutii ajjeesi.+ Horiiwwan ishii keessa jiran dabalatee magaalattiis taʼe wanta ishii keessatti argamu hundumaa guutummaatti goraadeedhaan balleessi.+
-