-
Baʼuu 23:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Hiyyeessi si gidduu jiraatu tokko dhimma seeraa yeroo qabaatutti murtii isaa hin jalʼisin.+
-
-
2 Seenaa Baraa 19:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Abbootii murtiitiinis akkana jedhe: “Isin namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf waan murteessitaniif, akkasumas yommuu murtii dabarsitan inni isinii wajjin waan jiruuf, wanta gootaniif of eeggadhaa.+
-
-
Fakkeenya 17:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Namni nama hamaa bilisa baasus taʼe namni nama qajeelaa balaaleffatu kam iyyuu+
Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.
-
-
Fakkeenya 31:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Dubbadhu, qajeelummaadhaanis murtii kenni;
Mirga nama rakkataa fi hiyyeessa taʼeef falmi.+
-