Baʼuu 23:19 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+ “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+ Leewwota 23:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Yeroo booda biyya ani isiniif kennutti yommuu galtanii fi oomisha isaa yommuu haammattan, oomisha keessan irraa bissii* firii jalqabaa+ gara lubichaatti fiduu qabdu.+ Lakkoofsa 18:8 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+ Lakkoofsa 18:12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 12 “Zayitii fi daadhii wayinii haaraa hunda irra caalu hundumaa, akkasumas firii jalqabaa+ midhaan isaanii isa isaan Yihowaadhaaf kennan siif nan kenna.+ 2 Seenaa Baraa 6:6 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+ 2 Seenaa Baraa 31:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Ajajni kun akkuma kennameenis, Israaʼelonni midhaan, wayinii haaraa, zayitii+ fi damma, akkasumas oomisha maasii isaanii hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa baayʼinaan ni kennan;+ isaan wanta hundumaa keessaa kurnoo* baayʼinaan ni fidan.+ Fakkeenya 3:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni;
19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+ “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+
10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Yeroo booda biyya ani isiniif kennutti yommuu galtanii fi oomisha isaa yommuu haammattan, oomisha keessan irraa bissii* firii jalqabaa+ gara lubichaatti fiduu qabdu.+
8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+
12 “Zayitii fi daadhii wayinii haaraa hunda irra caalu hundumaa, akkasumas firii jalqabaa+ midhaan isaanii isa isaan Yihowaadhaaf kennan siif nan kenna.+
6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+
5 Ajajni kun akkuma kennameenis, Israaʼelonni midhaan, wayinii haaraa, zayitii+ fi damma, akkasumas oomisha maasii isaanii hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa baayʼinaan ni kennan;+ isaan wanta hundumaa keessaa kurnoo* baayʼinaan ni fidan.+
9 Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni;