-
Lakkoofsa 21:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Sana booda deebiʼanii karaa Baashaanitti geessu qabatanii ol ni baʼan. Oog+ mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti isaan waraanuuf gad baʼe.+ 34 Yihowaanis Museedhaan, “Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf+ isa hin sodaatin;+ atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota” jedhe.+
-
-
Keessa Deebii 3:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Kanaafuu, Waaqni keenya Yihowaan Oog mootii Baashaanii fi saba isaa hundumaa harka keenyatti dabarsee kenne; nutis isa rukunne; saba isaa keessaas namni tokko illee hin oolle.
-
-
Iyyaasuu 9:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yeroo kanatti akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee kabaja maqaa Waaqa kee Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufne;+ sababiin isaas, nuti waaʼee beekamummaa isaa fi wanta inni biyya Gibxii keessatti raawwate hundumaa dhageenyeerra;+ 10 akkasumas, wanta inni mootota Amoorotaa lamaan warra Yordaanos gamatti* argaman, jechuunis Sihoon+ mootii Heshboonii fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa ture irratti raawwate hundumaa dhageenyeerra.
-