-
Iyyaasuu 13:2-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Biyyi hafe kana dha:+ naannoowwan guutummaa Filisxeemotaa fi guutummaa Geeshurotaa+ 3 (damee Abbayyaa* isa Gibxii irraa kallattii bahaatti* argamu irraa hamma kallattii kaabaatiin daangaa Eqroon isa naannoo Kanaʼaanotaa+ akka taʼetti ilaalamaa turetti), akkasumas gooftolii Filisxeemotaa+ shanan, jechuunis Gaazota, Ashdoodota,+ Ashqaloonota,+ Gaatotaa+ fi Eqroonota;+ naannoo Awiim+ 4 kallattii kibbaatiin; guutummaa biyya Kanaʼaanotaa; Meʼaaraa ishii kan warra Siidoonotaa+ taate hamma Afeeqitti, jechuunis hamma daangaa Amoorotaatti; 5 biyya Geebaalotaa+ fi kallattii bahaatiin guutummaa Libaanon, akkasumas Baʼaal Gaad ishii Gaara Hermoon jalatti argamtu irraa hamma Lebo Hamaatitti;*+ 6 jiraattota naannoo gaarotaa warra Libaanon+ irraa jalqabee hamma Misrefoot Maayimitti+ argaman hundumaa; akkasumas Siidoonota+ hundumaa. Ani Israaʼelota duraa isaan nan ariʼa.+ Akkuman si ajajettis biyya kana Israaʼeliif akka dhaalaatti hiri.+
-