-
Baʼuu 23:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Akka inni daandii kee irratti si eeguu fi gara iddoo ani siif qopheessetti si galchuuf,+ maleekaa koo si dura nan erga.+ 21 Wanta inni jedhu dhagaʼi; sagalee isaatiifis ajajami. Inni balleessaa keessaniif dhiifama waan hin gooneef,+ isin isa irratti fincila hin kaasinaa; sababiin isaas maqaan koo isa irra jira.
-
-
Lakkoofsa 14:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 “‘“Ani Yihowaan dubbadheera. Guutummaa yaaʼii hamaa taʼe isa anaan mormuudhaan walitti qabame kana irratti akkana nan godha: Isaan lafa onaa kana keessatti ni dhumu; asumattis ni duʼu.+
-