-
1 Saamuʼel 13:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture. 14 Amma garuu mootummaan kee itti hin fufu.+ Ati ajaja Yihowaan siif kenneef waan hin ajajamneef,+ Yihowaan nama akka garaa isaa taʼe ni argata;+ akka inni geggeessaa taʼus Yihowaan saba ofii isaa irratti isa ni muuda.”+
-
-
2 Saamuʼel 6:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yeroo kanatti Daawit Miikaaliin akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa abbaa kee fi guutummaa maatii isaa utuu hin taʼin, ana filatee Israaʼel isa saba Yihowaa taʼe irratti geggeessaa godhee na muude durattan sirbe.+ Kanaafuu, ani ammas Yihowaa duratti nan sirba;
-