-
Lakkoofsa 27:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Innis Eleʼazaar lubicha isa Uuriimiitti fayyadamee murtii Yihowaa isaaf gaafatu dura ni dhaabbata.+ Innii fi Israaʼelonni isaa wajjin jiran, akkasumas guutummaan yaaʼichaa ajaja isaatiin gad ni baʼu, ajaja isaatiinis ol ni seenu.”
-
-
Abbootii Murtii 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Bara sanatti Finahaas+ ilmi Eleʼazaar, ilmi Aaron taaboticha duratti ni tajaajila* ture. Isaanis, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas deebinee dhaqnu moo dhiisnu?”+ jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Ani boru harka keessanitti dabarsee waanan isaan kennuuf, dhaqaa” jedhee isaaniif deebise.
-
-
1 Saamuʼel 23:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Kanaafuu Daawit, “Ani dhaqee Filisxeemota kana rukutuu?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yihowaanis Daawitiin, “Dhaqi, Filisxeemota rukutiitii Qeyilaa oolchi” jedhe.
-
-
1 Saamuʼel 23:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Geggeessitoonni* Qeyilaa harka isaatti dabarsanii na kennuu? Akkuma tajaajilaan kee dhagaʼe Saaʼol asitti gad ni buʼaa? Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waaʼee kanaa tajaajilaa keetti himi.” Yeroo kanatti Yihowaan, “Eeyyee, gad ni buʼa” jedhe.
-