-
2 Saamuʼel 17:27-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Daawit gara Mahaanaayim akkuma dhufeen, Shoobii ilmi Nahaash inni Raabaa+ ishii biyya Amoonotaatii dhufe, Maakiir+ ilmi Amiʼel inni biyya Loo Debaarii dhufee fi Baarzilaay+ Giiliyaadichi inni Rogeeliimii dhufe, 28 afata, saanii golboo, miʼa suphee irraa tolfame, qamadii, garbuu, daakuu, akaayii, baaqelaa, misira, asheeta waadamaa, 29 damma, dhadhaa, hoolaa fi baaduu* fidanii dhufan. Isaan Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran akka nyaataniif wantoota kana hundumaa kan fidan,+ “Namoonni sun lafa onaa keessatti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, akkasumas dheebotaniiru” jedhanii waan yaadaniif ture.+
-