-
2 Saamuʼel 17:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Achiis Ahitoofel Abishaalomiin akkana jedhe: “Maaloo, namoota 12,000 filadhee kaʼeen harʼa galgala Daawitiin ariʼa. 2 Ani yommuu inni bututee fi humna dhabee* jirutti tasa isatti nan baʼa;+ achiis isa nan naasisa; namoonni isaa wajjin jiran hundis ni baqatu; anis mooticha qofa nan rukuta.+ 3 Achiis namoota hundumaa gara keetti nan deebisa. Namoonni hundi gara keetti deebiʼuun isaanii, wanta namicha ati barbaaddu sana irra gaʼu irratti kan hundaaʼe dha. Sana booda namoonni hundi nagaadhaan ni jiraatu.”
-