-
1 Mootota 10:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Solomoon Mootichi gaachana guguddaa 200 warqii makaa sibiilaa qabu irraa ni hojjete+ (tokkoon tokkoon gaachanichaa warqii sheeqilii* 600 qaba ture);+ 17 kana malees, gaachana xixinnoo* warqii makaa sibiilaa qabu 300 ni hojjete (tokkoon tokkoon gaachana xixinnoo kanaas warqii miinaa* sadii qaba ture). Achiis mootichi Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa isaan kaaʼe.
-
-
2 Seenaa Baraa 12:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanaafuu, Shishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe. Innis qabeenya mana Yihowaa+ fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate. Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+ 10 Kanaafuu, Rooboʼaam Mootichi bakka isaanii gaachanoota sibiila diimaa hojjetee ajajjoota eegduu* warra karra mana mootichaa eeganitti kenne. 11 Eegdonni yeroo mootichi gara mana Yihowaatti dhufu hundumaatti ol seenanii gaachanoota kana ni qabatu turan; sana booda immoo gara kutaa eegduutti ni deebisu turan.
-