-
2 Seenaa Baraa 14:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate. 3 Iddoowwan aarsaa waaqolii biyya ormaa fi iddoowwan ol kaʼoo ni balleesse;+ siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse;+ utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure.+ 4 Kana malees, namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime. 5 Kanaafuu, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa ixaanaa magaalota Yihudaa hundumaa keessaa ni balleesse;+ mootummichis bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii ni argate.
-
-
2 Seenaa Baraa 14:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+
-