-
1 Mootota 12:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Mootichi erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booda, jabbilee warqii+ lama hojjetee namoota sanaan, “Yerusaalemitti ol baʼuun baayʼee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana” jedhe.+ 29 Achiis isa tokko Beetel+ keessa, isa tokko immoo Daan+ keessa ni dhaabe.
-
-
2 Mootota 2:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Innis achii kaʼee gara Beetelitti ol baʼe. Utuu inni karaa irra deemaa jiruus ijoolleen xixinnoon muraasni magaalattii keessaa baʼanii, “Namicha mataa moluu nana, ol baʼi! Namicha mataa moluu nana, ol baʼi!” jedhanii isatti qoosuu jalqaban.+
-