-
1 Mootota 16:15-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 27ffaa isaatti, loltoonni sun Gibetoon+ ishii magaalaa Filisxeemotaa taate waraanuuf itti marsanii utuu jiranii Zimriin Tirzaa keessatti guyyaa torbaaf mootii ni taʼe. 16 Boodas loltoonni magaalattiitti marsanii jiran sun, “Zimriin mooticha irratti mariʼatee isa ajjeeseera” jedhamuu isaa ni dhagaʼan. Kanaafuu, guutummaan Israaʼel guyyuma sana buufata sana keessatti Omrii+ isa ajajaa raayyaa waraanaa ture Israaʼel irratti mootii godhan. 17 Omrii fi guutummaan Israaʼel warri isaa wajjin turan Gibetoon keessaa baʼanii Tirzaatti marsan. 18 Zimriinis magaalattiin qabamuu ishii yommuu argu, gara masaraa mana mootichaa isa cimaa taʼe sanaa dhaqee achuma keessa utuu jiruu manicha of irratti gube; achiis ni duʼe.+ 19 Kunis kan taʼe, cubbuu ofii isaa isa inni daandii Yeroboʼaam irra deemee wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan raawwateen, akkasumas cubbuu Israaʼelonni akka hojjetan godheen kan kaʼe dha.+
-