-
2 Seenaa Baraa 23:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Waggaa torbaffaatti Yehoyaadaan ija jabinaan tarkaanfii fudhatee ajajjoota dhibbaa,+ jechuunis Azaariyaa ilma Yerohaam, Ishmaaʼel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Yoobeed, Maaʼaaseyaa ilma Adaayaa fi Elishaafaax ilma Zikrii wajjin walii galtee* godhe. 2 Achiis isaan guutummaa Yihudaa keessa naannaʼanii magaalota Yihudaa hundumaa keessaa Leewwotaa+ fi dura buutota manneen abbootii Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu gara Yerusaalemitti dhufanis, 3 guutummaan gumichaa mana Waaqa dhugaa keessatti mootichaa wajjin kakuu gale;+ achiis Yehoyaadaan akkana isaaniin jedhe:
“Yihowaan ilmaan Daawit ilaalchisee akkuma waadaa galetti kunoo, ilmi mootichaa ni bulcha.+
-