-
2 Seenaa Baraa 28:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Akaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 2 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ siidaawwan sibiilaa Baʼaalis* ni hojjete.+ 3 Kana malees, Sulula Ilma Hinoom* keessatti aarsaa aarfamu ni dhiheesse; akkasumas gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilmaan isaa ibiddaan ni gube.+ 4 Akkasumas iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.
-