-
1 Saamuʼel 27:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Daawit namoota isaa wajjin Geeshurota,+ Girzootaa fi Amaaleqota+ weeraruuf achitti ol ni baʼa ture; sababiin isaas, saboonni kun naannoowwan Xelaam irraa jalqabee hanga Shuur,+ hanga biyya Gibxiitti argaman keessa jiraachaa turan. 9 Daawit biyyattii yommuu weeraru, dhiiras taʼe dubartii nama tokko illee lubbuudhaan hin hambisu ture;+ haa taʼu malee bushaayeewwan, loon, harroota, gaalotaa fi uffata fudhatee gara Akiishitti deebiʼa ture.
-
-
1 Saamuʼel 30:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Daawit wanta Amaaleqonni fudhatan hundumaa harkaa ni buuse;+ haadhotii manaa isaa lamaanis ni deebifate.
-
-
1 Saamuʼel 30:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Kanaafuu, Daawit bushaayeewwanii fi loon hundumaa ni fudhate; namoonni isaas horii isaanii dura buusanii isaan ni oofan. Isaanis, “Kun boojuu Daawiti” jedhan.
-