-
Uumama 49:8-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yaa Yihudaa,+ siin garuu obboloonni kee si jajatu.+ Harki kee morma diinota keetii irra ni taʼa.+ Ilmaan abbaa keetiis si duratti ni sagadu.+ 9 Yihudaan ilmoo leencaa ti.+ Yaa ilma koo, ati wanta adamsite irraa dhugumaan ol ni kaata. Inni akkuma leencaatti ni ripha; ni hihiixatas; inni akkuma leencaa ti; maarree isa kaasuuf eenyutu onnata? 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+ 11 Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaas muka wayinii filatamaa taʼetti ni hidha; uffata isaa daadhii wayiniitiin, wayyaa isaas dhiiga firii wayiniitiin ni miicca. 12 Daadhii wayinii irraan kan kaʼe ijji isaa diimaa dha; aannaniin kan kaʼes ilkaan isaa adii dha.
-
-
Ibroota 7:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhufe ifa dha;+ taʼus Museen luboota gosa kana keessaa dhufan ilaalchisee homaa hin dubbanne.
-