-
1 Seenaa Baraa 3:1-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Ilmaan Daawit warri inni Kebroon keessatti dhalche kanneen kana turan:+ ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ yeroo taʼu, haati isaa Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taate turte; ilmi isaa inni lammaffaan Daaniʼel yeroo taʼu, haati isaa Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos taate turte; 2 ilmi isaa inni sadaffaan Abishaalom+ ilma Maʼaakaa ture; ishiin intala Taalmaay isa mootii Geeshur taʼe sanaa ti; ilmi isaa inni arfaffaan Adoniyaa+ ilma Haagiit ture; 3 ilmi isaa inni shanaffaan Shefaatiyaa yeroo taʼu, haati isaa Abixaal turte; ilmi isaa inni jaʼaffaan Yitreʼaam yeroo taʼu, haati isaa Eglaa ishii haadha manaa Daawit taate turte. 4 Kanneen kun jaʼan warra inni Kebroon keessatti dhalche turan; inni waggaa 7 fi jiʼa 6f achitti ni bulche; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 33f ni bulche.+
5 Warri inni Yerusaalem keessatti dhalche kanneen kana turan:+ Shimeʼaa, Shoobaab, Naataanii+ fi Solomoon;+ haati ilmaan arfan kanaa Baat Sheebaa+ ishii intala Amiʼel taate turte. 6 Ilmaan isaa kan biroon salgan immoo, Yibhaar, Elishaamaa, Elifeelet, 7 Nogaa, Nefeeg, Yaafiʼaa, 8 Elishaamaa, Eliyaadaa fi Elifeelet turan. 9 Ilmaan saajjatoota isaa utuu hin dabalatin, kanneen kun hundi ilmaan Daawit turan; obboleettiin isaaniis Taamaar+ turte.
-