-
Keessa Deebii 4:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Ati ija kee gara samiitti ol kaastee aduu, addeessaa fi urjiilee warra raayyaa samii taʼan hundumaa yommuu ilaaltu, gowwoomfamtee isaaniif hin sagadin; akkasumas isaan hin tajaajilin.+ Isaan warra Waaqni kee Yihowaan namoota samii jalatti argaman hundumaatiif kenne dha.
-
-
2 Mootota 23:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Akka kanaan, luboota waaqa ormaa warra mootonni Yihudaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Yihudaa fi naannoowwan Yerusaalem keessa jiran irratti aarsaa aarfamu akka dhiheessaniif muudan, akkasumas warra Baʼaaliif, aduudhaaf, addeessaaf, tuutawwan urjiilee zoodiyaakii fi guutummaa raayyaa samiitiif+ aarsaa aarfamu dhiheessan hojii isaanii irraa ni ariʼe.
-