-
1 Mootota 11:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ahiyaanis uffata haaraa uffate sana qabee bakka 12tti tarsaase. 31 Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe:
“Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+
-
-
1 Mootota 14:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Kanaafuu, Yeroboʼaam haadha manaa isaatiin akkana jedhe: “Maaloo, kaʼiitii eenyu iyyuu haadha manaa Yeroboʼaam taʼuu kee akka hin beeknetti of jijjiiriitii gara Shiiloo dhaqi. Kunoo, Ahiyaan raajichi achi jira. Ani saba kana irratti mootii akkan taʼu kan dubbate isa dha.+
-
-
1 Mootota 14:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Ahiyaanis utuu ishiin gara balbalaa dhufaa jirtuu, akkuma sagalee kottee ishii dhagaʼeen akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa haadha manaa Yeroboʼaam, ol seeni. Eenyummaa kee kan dhoksite maaliifi? Ani ergaa cimaa akkan sitti himu ajajameera.
-